Raashiyaan manneen jireenyaa magaalaa Baha Yukireenitti argaman misaayilaan haleelte

Baha Yukireen magaalaa Dinipro keessatti misaa’elli gamoo lama rukutee yoo xiqqaate namoota sagal madeesse.

Gareen BBC naannicha jiru Jimaata galgala halkan haleellaa qaqqabeen darbiiwwaan olaanoon gamoo mana jireenyaa guddaa tokko guutummaatti barbadaa’uu mirkaneesse.

Gamoon Tika Yukireen (SBU) rukutamuu isaa Pirezedantiin biyyattii Voloodimir Zeleniskiin himaniiru.

Miidhaa gamoowwan kanarra kan gahe "shororkeessummaa misaa'elan Raashiyaa raawwatteeni" jechuun balaaleeffatan.

Zeleniskiin viidiyoo Telegiraamiirratti maxxansuun gamoowwan haleelaman keessaa aarri wayita ol bahu fi daandiirratti ibiddi qabachuu agarsiisa.

Bulchaan naannichaa Serhiy Liyisaak akka jedhanitti, namoota madaa’an keessaatti daa’imman lama, kanneen umuriin isaanii waggaa 14 fi 17 ta’uu akka argaman ibsan.

Daa’imman mada’aan kun manatti yaalamaa akka turan himan.

Haleellaan raawwatame hordofuun lubbuun namaa darbe akka hin jirre Obbo Liyisaak himaniiru.

Haleellaan yeroo dhiyoo kana gamoo Tika Yukireen ‘SBU’ Raashiyaan yeroo sadaffaaf kan irratti xiyyeeffate ta’uu kantiibaan magaalaa Dinipro Booris Filaatov dubbatu.

Gamoowwan lamaan irra caalaan isaa duwwaa ta’uu kan himan Booris Filaatov, dhiheenya kana xumuramee gurgurtaaf akka qophaa’e himan.

Haleellaan kun kan qaqqabe Jimaata darbe erga Raashiyaan naannoo kibba Rostoov, daangaa Yukireen irratti misaa’ela Yukireenirra dhukaafame lama qolachuu ibsitee booda.

Mooskoon akka jettutti, magaalaan buufata doonii Kibbaa Tagaanrog keessatti caccabaa misaayilichaa kufee namoota 15 miidhe.

Ministeerri ittisa Raashiyaa akka jedhetti, misaa'elli S-200 inni jalqabaa magaalaa namoota gara 250,000 qabdu keessatti ''bu’uuralee misoomaa, manneen jireenyaa'' irratti xiyyeeffate.

Yeroo muraasa booda misaa'ela S-200 lammaffaa naannoo magaalaa Azov jedhamutti kuffisuu ibsuun, caccabaan misaayilichaa naannoo namoonni hin jirretti akka kufe ibse.

Bulchaan naannoo Rostoov Vaasily Golubeev akka jedhanitti, dhohinsa caccabaa misaayilaatiin naannoo kaaffee "Chekhov Garden" jedhamu, giddu-galessaa Tagaanrog keessatti mudateen namoota 15 irra ''miidhaan salphaan'' qaqqabeera.

Tagaanrog qarqara galaanaa Azov jedhamutti kan argamtu yoo ta’u, daangaa Yukireen irraa gara maayilii 25 ykn km 40 fagaattee argamti.

Magaalattiin daandii gara magaalaa buufata doonii Mariyupool, magaalaa buufata doonii tarsiimoof barbaadamtutti geessu irra jirti.