Kaampaaniin sooftiweerii al takkaan adunyaa harka hiitee keesse Kiraawoodstiraayik maali?

Madda suuraa, EPA
Kaampaaniin sooftiweerii 'Crowdstrike' jedhamu haaromsa sooftiweerii tokkottii taasifnaan rakkoo IT guutuu adunyaa mudate.
Baankota, daandilee qilleensaa dunyaa hedduu, kaffaltii bittaa gurgurtaa fi miidiyaaleen garatti socho'an dhabanii ganama tokkotti tajaajila dhaabuuf dirqaman.
Kun bu'uuraaleen dijitaalaa keessa jirru hammam akka wal xaxaa tahan adunyaatti agarsiise.
Kaampaaniin kun Ameerikaa, Teksaas magaala Oostiin keessatti argama. Akka kaampaanota gurguddoo kaanii umurii dheeraa hin qabu. Waggaa 13 dura hundaa'uun hojjetoota 8,500 tahan qacareera.
Tajaajila nageenya saayiberii kenna. Haleellaan saayiberii yoo dhaabbata tokkorra dhaqabe kaampaaniin kun akka furuuf itti waamama.
Haleellaa fi hanna saayiberii jajjabaa qorachuun beekama. Bara 2014 yeroo kompiiterri kaampaaniin Soonii Piikcharsi [Sony Pictures] hanni saayibarii irratti gaggeeffamu dhaabbata qorannoo gaggeessedha.
Amma garuu haaromsa sooftiweerii tokkittii gaggeessuun kan kana dura furmaata rakkoo IT ture ofuma isaa rakkoo IT guddaa adunyaa irratti fide.
Kisaaraa guddaan adunyaa mudate.
Kaampaaniin kun gabaasa kana dura baaseen maamiloota 24,000 qaba. Maamiloonni kunneen nama dhuunfaa osoo hin taane dhaabbilee gurguddaa adunyaa irratti beekamaniidha.
Lakkoofsa kompiiteroota hojjettoonni dhaabbilee kanneenii fayyadaman yoo herregne ammoo hedduu taha.
Rakkina IT kana maaltu fide?
Rakkoon IT guddaan kun kan mudate ''haaromsa qabiyyee'' kompiiteroota Maayikiroosooftiif godhame irratti ''waan harkaa bahe'' tokkoon akka tahe kaampaanichi ibseera.
Hogganaan kaampaanii Kiraawodstiraayik Joorji Kuurtzi, ''rakkinichi adda baafameera, rakkoo kana furuufis hojjetamaa jira,'' jedhe.
Hogganichi rakkoo mudate kun oppireeshinii maashinoota kaanii kan miidhu miti, sababni isaas rakkoo nageenya saayiberii ykn haleellaa saayiberii waan hin taaneef jedhe.
Kaampaaniin kun sooftiweerii farra vaayirasii oomishuun beekama. Erga rakkoon kun isa mudatee garuu gurgurtaa oonlaayinii kaampaanichaa %21 gadi bu'e.
Akkamiin ana miidhuu danda'a?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbileen akka baankii, daandii qilleensaa rakkoo kanaaf saaxilamuun isaanii imaltoonni akka daandii irratti danqaman taasisa.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa rakkoo IT kanaan akka danqaa keessa hin galle ibseera. Biyya ollaa irraa Daandiin Qilleensa Keeniyaa ammoo sababa rakkoo IT adunyaa mudateef harkifannaan tikkeettii kennuu irratti mudachuu ibseera.
Kaleessa adunyaa irraa balaliin 3,300 ol haqameera. Kun jireeny anamota dhuunfaas tahe biizinasii dhaabilee adda addaa miidheera.
Rakkoon IT kun yeroo mudatetti kaffaltii yeroodhaan argachuu malte osoo hin argatiin hafuu malta.
Hoggantuun kaampaanii Global Payroll Association, PAtti akka himtetti hojjettoonni hedduun kaffaltii isanaii dhaban itti bilbilaa turan.
Kana jechuun kaampaanotni adda addaa miindaa hojjettoota isaanii kaffaluuf rakkachuu danda'u.
''Ji'a dhufu keessa duubatti deebi'anii kanneen kaffalan jiraachuu malu. Sabani isaas miindaa hojjettoota yeeroodhaan qopheessuun ulfaataa waan taheef.
Yeroo rakkoon IT kun mudatu kompiiteroonni namoota dhuunfaa hedduun hin miidhamne. Sababni isaas sooftiweeriin haaromfame kan dhaabbilee biizinasii kan ilaallatudha.
Ogeessonni maal jedhu?
Rakkoon IT kun mudachuu hordofee buufataalee daandii qilleensaatti hiriirri akka heddumatu taasise.
Balaliin harkifachuu qofa osoo hin taane haqamellee kumaatama.
Tamsaasni TV tokko tokko dhaabbateera. Rakkon kun kan mudate yeroo kaampaaniin Kiraawodstrikaayik haaromsa sooftiweerii tokko taasisedha.
Rakkoon kun mudachuu kaampaanichi halkan irra maamiltoota isaaf ergaa eree ture. Kanaafidha hojjettoonni hedduun lafa hojii isaanii yeroo gahan kan baran.
Iskiriiniin kompiteroota Maayikiroosoofti wiindoo fayyadaman halluu cuquliisa agarsiisuun achumaan badu ture.
Kompiteroonni isaanii hin hojjetan jechuudha. Qorataa Keevin Beemoonti, ''siistemoonni waan hin hojjenneef, haaromsa rakkoo fide sana dhabamsiisuuf siistemoonni miidhaan isaanirra gahe karaa naga qabeessa [safe mode] jalqabsiifamuu qabu jedhe.
Kun ammoo yeroo kan fudhatu waan taheef dhaabbileen gara hojiitti galuuf yeroo isaan gaafata jedhe.
Ogeessonni teeknikaa kompiiteroota hunda irra deemuun cufanii banuun jalqabsiisuu qabu jedhan.
bKiraawodstiraayik kaampaanii sooftiweerii dhimma nageenya saayiberii irratti hedduu amanamudha.
Maamiloota isaa 2,4000 adunyaa irraa qabu keessatti kompiteroota kuma dhibbaan lakkaa'aman haleellaa saayiberii irraa kan tiksu kaampaanii kanadha.
Rakkoon jiru dhaabbata tokko keessa kompiteroota kumaatamaan jiran akkamiin ogeessonni muraas airra deemuun sirreessuu danda'u kan jedhudha.
Hedduun isaanii karaa serverii rakkoo kana furuu yoo himan kaan ammoo miidhaa kanaaf saaxilamuun irraa jalaan furaa jiraachuu himan.












