Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hireen 'Siinodosii Oromiyaafi sabaafi sablammilee' fi abboota amantaa muudamanii maal ta'a?
Wal dhabdeen gaaffii mirgaa tajaajila afuuraa afaan ofiin argachuun wal qabatee mana amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa gidduutti mudate mariidhaan furamuunsaa ni yaadatama.
Abbootiin amantaa Abbaa Saawiroosiin durfaman naannoo Oromiyaa keessa abboota amantaa tajaajilan 25 haaraa muuduu erga ibsanii muddamni mana amantichaa keessatti haalaan dabalee ture.
Dabalataanis Siinodosii Oromiyaafi Sabaaf sablamootaa kan jedhu hundeessuus ibsaniiru.
Kana hordofee Qulqulluu Sinodosii Tewaahidoo Itoophiyaa Abbaa Saawiroosi dabalatee abboota mantaa gochaa kana qindeessan jette tajaajila irraa dhorkuu himte.
Mootummaa ammoo dhimma amantaa keessa gale jechuun himatte.
Abboota amantaa muudaman kennan maqaa isaanii duraaniin akka waamamanii fi tajaajila bataskaanichaa homaa akka hin arganne dhorkuu ibsitee ture.
Haata'u malee ergasii marii dureewwan amantichaa MM Abiy waliin gaggeessaniin wal dhabdeen gidduu isaaniitti mudatee ture furamuu ibsame.
Dubbii himaa qaama Sinoodosii Oromiyaa fi Sabaafi Sablammiilee jedhamee hundaa'ee kan ta'an obbo Haayilamikaa'eel Taaddasaa Jimaata har'aa ibsa kennaniin qabxiilee 10 Bataskaanittii waliin irratti waliigalan keessaa qabxii tokkoon alatti kaan kan fudhatan ta'uu himan.
Bakka abuunotni sadaniifi abbootiin amantaa garicha abiroon argamanitti kan dubbatan obbo Haayilamikaa'eel qabxiilen irra hedduun waliigalteen irra gahaman ''gaaffii keenyaaf deebii ta'uu'' jedhanii.
''Inni guddaan garuu raawwii waliigaltee kanaati waan ta'eef obsaan hordofna.''
Ofii maal irratti wal tahan? Abbootiin amantaa muudamanii hoomaal tahu? kan jedhu ifatti hin ibsamne ture.
Hireen abboota amantaa haaraa muudamanii maal ta'a?
Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel Caalaa kan garee 'Sinidoosii Oromiyaa fi sabaafi sablimilee waliin ta'an BBCtti akka himaniitti, erga wal taanee ibsi kennamee, qabxiiwwan irra deebiin ilaallee kan itti walii hin galle akka jiran hubannee irratti mari'ataa turre jedhe.
''Koree wal dhabdee kana hiikuuf hojjetuu fi qaama mootummaa as keessattis hirmaachaa jiru waliin qabxiilee irratti waliin hin galle kaasnee mari'anneerra'' jedhan.
Qabxiin irrati wal hin taane keessaa tokko waa'ee abbootii amantaa haaraa muudaman ilaalchiseeti, kan jedhan Barsiisaa Daani'eel, muudamni abbootii amantaa haaraa muudamanii murtee kan argatu yaa'ii waliiigalaa Qulqulluu Sinodosii Caamsaa keessa gaggeeffamu irratti jedhamuu hima.
''Akkaataa doogmaa mana amantaa Kiristaanaatti [Ortodoksii] muudamni si'a lama hin kennamu. Kun dhimma icciitii lubummaa waan taheef irra deebiin muuduun doogmaa mana amantichaa diiguu taha.''
Irratti mari'annee walii galleerra. Abbootii kanneen irra deebiin muuduu osoo hin taane yaa'ii dhufu irratti muudama isaanii raggaasisuu qofa tahuu akka qabu wal taaneerra jedha Diyaaqoon Daani'eel.
Obbo Haayilamikaa'eel ibsa kennan keessatti qabxii falmisiisaa kana fudhanneerra jedhaniin muudama ephis qophosota ailaalchisee seerri qannoonaa cabe waan hin jirreef adeemsa amma abooda deemu seera faallessa yoo ta'e raawwii isaa hordofna jedhan.
Waliigaltee abbaa qabxii 10 gareen lameen irratti waliigalan irratti garuu abbootiin amantaa sinodosichaan muudaman bakka isaanii duraanitti deebi'anii filannoo Caamsaa irrattti ulaagaa yoo guutan muudamuu maluu jedha.
Koreen araara kana raawwachiisu dhimmi kun sirriidha jedhee fudhatee deemeera kan jedhan barsiisaa Daani'eel abboota mariisisanii debii kan nuuf kennan taha jedhe.
'Sinodosiin kun sichi hin jiraatu'
Dhimma hundeeffama Siinodosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammootaa hundaa'e ilaalchisee gaaffii sinodosichaan dhiyaate deebii yoo argate akka diigamus dubbateera.
''Gaaffiin gaafataa turre gaaffii dhugaati. Gaaffii bulchiinsaa, wal qixxummaafi gaaffii uummata kana qooqa isaatiin tajaaajiluuti.
''Abbootiin amma muudamanis deemanii bakka ramaddii isaaniitti hojii isaanii akka itti fufanidha qabsoon keenya,'' jedhe.
Yoo gaaffileen kunneen deebi'an tokkummaa mana kiristaanaa fi biyyaaf jecha dhimmi hundeeffama Siinodosii Oromiyaa kun kan hafu taha jedhan.
Dhorkaa qulqulluu sinodosii tewaahidoo Itoophiyaa abbaa saariwoos fa'aa irratti dabarsee tures ka'uu himeera.
Waliigalaan deebii guutuu qabatee kan dhufu garuu yaa'ii Sinodosii waggaatti al lama gaggeeffamu ji'a Caamsaa dhufu keessa gaggeeffamu taha.
Abbootin amantaa Naannoo Oromiyaa keessaa afaan keenyaan uummata tajaajiluu hin dandeenye, amantootni nu harkaa bahaa jiru jechuun gaaffii dhiyeessaa turan.
Qulqulluu Sinodosii irraa deebii gahaa tahe dhabuu keenya irraa kan ka'e murtee kanatti deemnes edhaniiru.
Amantaan Ortodoskii biyyicha keessatti amantaa hordoftoota guddaa qabanii fi umurii dheeraa qaban keessaa tokko.