Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaa Saariwoos dabalatee namoonni haaraa muudaman jedhaman 25 mana murtiin dhorkamu himame
Manni Murtii Olaanaa Itoophiyaa dureewwan amantii Ortodoksii abbaa Saariwoosiin durfamanii fi muudama haaraa dhiyeenya kennuu ibsan, mooraa mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa akka hin seenne dhorkamuusaanii abookaatoonni bataskaanittii ibsame.
Dhorkaan mana murtii kunis erga MM Abiy Ahimed har’a Paatiraarkii Qulqulluu Sinodosii fi dursitoota amantichaa olaanoo waliin dhimma wal dhabdee mudatee irratti mari’achaa oolanii booda kan garee abokaatootaan ibsame.
Dureewwan Qulqulluu Siinodosii Itoophiyaa MM Abiy waliin mari'atanis ammatti maal irratti akka waliigalan ifatti dubbachu baatus milkii gaarii akka deebii'an ibsa gabaabaa kennaniin dubbataniiru.
Koreen gorsitoota seeraa Qulqulluu Siinodosii oolmaa dhaddacha har’aa ibsa yoo kennan manni murtichaa Abbaa Saariwoos, Abbaa Zeenaa Maarqos fi Abbaa Ewisxixaniwoos akkasumas phaaphasoni muudaman jedhaman haaraan 25 yeroodhaaf akka mooraa Ortodoksi Tewaahidoo Itoophiyaa hin galle manni murtii dhorka dabarsuu himan.
Dabalataan dubbii himaa Siinodosii Oromiyaa fi Sabaaf Sabalammii, Barsiisaa Haayilemikaa’el Taaddasaas dhorkamus gareen kun dabaluun hime.
Ibsa Koreen gorsitoota seeraa Qulqulluu Siinodosii kenneen qaamoleen seeraa Itoophiyaa keessa jiran murtee kana akka raawwachiisaniif ajajamuu himan.
Murteen kun marii MM Abiy waliin taasifame hordofee kan kenname tahuu fi dhiisuu waanti himame hin jiru.
Garuu Qulqulluu Sinodosiin bor sa’a sadii irratti ibsa bal’aa akka kennitu ibsuun jijjiramoonni ml’atan waan jiraniif obsaan nu eegaa jedhan.
Gama Siinodosii Oromiyaa fi Sabaaf Savalammii hundaa’e jedhameen ammoo dhorkaan kun hanga Guraandhala 8 bara 2015 qofa kan turudha jedhame.
''Hanga Guraandhala 8tiitti Manneen Kiristaanaa har'a dura qabanne, qabanne akka itti fufnu ajajamee jira. Kan dhorkame kan hin qabanne ilaalchisee akka haaraatti akka hin qabanneedha.
''Kan qabanne akkuma jirutti itti fufa . Innuu hanga Guraandhala 8 qofadha. ''
Dabalataan Qulqulluu Siinodosiin waan hedduu irraa akka dhorkamiif mana murtiitti gaafachuu ibsan.
''Warri nu morman waa baay'ee irratti dhorka gaafatanii jiru. Mirga socho'uu keenyaa, ibsa midiyaan laannuu fi Kan biroo irratti dhorka gaafataniiru. Inni deebii hin arganne.''
Abbootiin Amantaa Abbaa Saariwwosiin durfaman Oromiyaa keessatti phaaphasota afaan Oromoon tajaajilan haaraa 26 tahaniif muudama kennuu dhiyeenya ibsanii ture.
MM Abiy Ahimed paatiraarkii mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Maatiyaas fi dursitoota amantichaa olaanoo biroo waliin mari’achaa jiru.
Mariin kunis yeroo itti murtee mootummaan akka hiriirri nagaa Dilbataaf manni amantichaa karoorsitee turte dhorkuu hordofee muddamni Mana amantaa Ortodoksii fi mootummaa gidduutti hammatetti kan gaggeeffamuu jalqabe.
Manni Aamantaa Ortodoksii Itoophiyaa Dilbata dhufu ykn gaafa 12,02/2023tti hirirá mata duree ''hiriira wereegamaa'' jedhu gaggeessuuf waamtee jirti.
Mootummaan ammoo hiriirri eeyyamame akka hin jirre ibse. Haatahu malee, ibsa kaleessaGuraandhala 9, 2023 manni amantichaa baaseen, mootummaan hiriiricha akka hin dhorkine ibsuun murtoo isaaniin akka gaggeessan dhaadatan.
Garuu ammoo ibsa har'a manni amantichaa baaseen, amantoonni bu’aa marichaa eeguu akka qabanii fi ammayyuu mariin itti fufuu ibsan. Gama mootummaan dhimmicharratti waanti jedhame hin jiru.
Manni amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ammoo garee Abbaa Saariwoosiin durfamuu fi Siinodosii Oromiyaa fi Sabaa fi Sablammootaa hundeesine jedhaniif beekmatii kenne jechuun dubbii MM Abiy qeeqxee ture.
Motummaan dhibbeen abbootii amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gidduutti uumame kun haaluma hojimaatuma keessoo mana amantichaan akka furamu gaafachuun, isarra yoo darbe ammo seera murtoo hariiroo hawaasaatin kan ilaalamu ta’uu kaase.
Haaluam mudamma wal dhibdee mana mantaa kanaan wal qabtee umameetiin, Itoophiyaa keessaa miidiyaaleen hawwaasaa akka Feesbuukii fi Telegiraamii fa’aa ugguramun himame.