Mootummaan nageenya biyyaa kabachiisuuf 'tarkaanfii cimaa fudhachuuf nan dirqama' jedhe

Wal dhibdee dureewwan amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gidduutti uumameen wal qabatee manni amantaa hiriira Dilbataaf waamte mootummaan dhorkulleen akka gaggeessitu yoo dhaadattu, mootummaan ammoo kun sarara diimaa kan ce’ee waan ta’eef ‘‘tasgabbii biyyaaleessaa uumuufi nageenya lammiilee mirkanneessuuf hojii seera kabachiisuu cimaan’’ hojjadha jedhe.

Wal dhibee mana amantichaa keessatti torban lamaan dura umamee ture hordofuun mootummaafi manni amantichaa wal dura dhaabbannaa cimaa keessaa seenaa jiru.

Manni Kiristaanaa karoora ‘‘hiriira wareegamaa’’ ittiin jechuun Dilbata dhufaa akka gaggeessitu, waamte mootummaan beekamtii hin qabu jedhuun dhorkamu balaaleeffachuun, Kamisa Guraadhnala 9, 2023 ibsa baafteen hiriira akka gaggeessitu beeksiifte.

Mootummaanis ibsa guyyuma sana karaa Tajaajila Komunikeshinii Mootummaatiin baaseen, ‘‘dhimmichi sarara diimaa ce’ee waan argameef hiriirri “hiriira wareegamaa” jedhamu waan hin jirreefuu tasgabbii biyyaalessaa uumuu fi nageenya lammiilee mirkaneessuuf hojii seera kabachiisuu cimaa hojjedha’’ jedha.

Wal dhibeen mana Kiristaanaa kunis erga dureewwan amantichaa Abuna Saawiroosiin durfaman sadii torban lamaan dura dureewwan 26’f mudama kennuun afaan Oromoofi sabaa fi sablamileenii wangeela akka barsiisaniif qopheesuu beeksiisaniin booda ture.

Mootummaan haasaa MM Abiy Ahimad wal dhibee umamee kanas mariidhaan karaa nagaafi qajeelfama keessoon furamuu akka qabu gaafachuun ni yaadatama.

Haata’u malee Manni Kiristaanaa warra karaa seeraan alaatiin muudaman kennuun seera bulmaata mana mantichaa cabsaniif beekkamtii kennuufi haalicha salphisuun ilaaluudha jechuun ibsa baafteen komachuun ni yaadatama.

Itti fufuunis mootummaan warra manni Kiristaanaa seeraan ala jechuun balaaleeffatte aangoosaanii irraa mulqu himte waliin dhaabbate jechuun, mootummaarratti mormii dhiyeessuuf Dilbata Guraandhala 12, 2023tti ‘‘hiriira wareegamaa’’ akka bahan beeksiifte.

Mootummaa ammoo ibsa baaseen, ‘‘hiriirri “hiriira wareegamaa” jedhamu waan hin jirreef tasgabbii biyyaalessaa uumuufi nageenya lammiilee mirkaneessuuf hojii seera kabachiisuu cimaan hojjedha’’ jedha.

Heera mootummaa Itoophiyaan mootummaa amantaas ta’es amantaan mootummaa hin jiru, kan jedhe ibsi mootummaa, wal dhibbeen abbootii amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gidduutti uumames hojimaatuma keessoo mana amantichaan, isarra yoo darbe ammo seera murtoo hariiroo hawaasaatin kan ilaalamu ta’uu kaase.

Haata’u malee wayita ammaa kanatti, qaamoleen haala kana kaayyoo siyaasaa badaaf itti fayyadamuuf socho’an mul’achaa jiraachuu mootummaan mirkaneesserra jedha.

Itti dabalunis, gareen “Qopheessa hiriira wareegamaa” jedhu abbootii qabeenyaa, namoota siyaasaafi gurmaa’iinsi dargaggoota hafuuraatiin sadarkaa jiddugalaa hanga gadiitti caasaa hundeesse jiraatu mootummaan bira gaheera jedhe.

Haaluma walfakaatunis Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ibsa Guyyaa kaleessaa baaseen, Phaaphaasiin Magaalaa Finfinneetti muudamees ta’e kan kaafame bakka hin jirreetti odeeffannoo sobaatiin hokkaraafi walitti buusuuf yaaliin taasifamaa jiraachu ragaan ni mul’isu jedheera.

Itti dabalunis, gochaa nageenya fi tasgabbii magaalattii gara okkooraatti jijjiruuf taasifamu kamuu bulchiinsi magaalattii gonkumaa obsaan kan bira hin dabarreefi olaamtummaa seeraa kabachiisuufi humnoota badii irratti tarkaanfii maluuf akka fudhatu cimtee beeksiisa jedheera.