Uummatni 'hiriira seeraan alaafi sochii walitti bu'iinsa kaasurraa' akka of qusatu akeekkachiifame

Dhaabbileen Nageenyaa Itoophiyaa ibsa waloo baasaniin uummatni hiriira seeraan alaafi sochii walitti bu'iinsa kaasurraa akka of qusatu akeekkachiisan.

Gamtaan waloo nageenyaafi tasgabbii biyyaalessaa Ministeera Ittisaa, Tika Biyyaalessaa, Nageenyaa odeeffannoo fi Poolisii Federaalaa of keessaa qabu ibsa waloo Roobii galagala baaseen dhibdee Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo keessatti dhalate ''karaa nagaan qofa akka furamu tattaafiin godhamuu qaba'' jedheera.

Ibsi kun kan bahe dureewwan Mana Kirsistaanaa Ortodoksi Tawaahidoo, addatti hundeeffamuu qaama ''Sinodosii haaraa'' fi tarkaanfii fudhate mormuun hiriira waamaa jiraachuu hordofeeti.

Sinodosiin Oromiyaafi Sabaafi Sablammiilee ofiin jedhee ijaarames gama isaan deeggarsa amanaa qabaachuu agarsiisuuf guyyaadhuma Manni Kiristaanaa haadhoon hiriira waamte, Guraandhala 12 hiriira deeggarsaaf waamicha gochaa ture.

Gamtaan waloo nageenyaafi tasgabbii ibsa baase keessatti ''qaama isa ilaallatuun hiriirri hayyama argate waan hin jirreef uummatichi hiriira seeraan alaafi gochoota walitti bu'iinsa uuman irraa akka of eegu ni akeekkachiisa'' jedha.

''Dhibdeen kamuu karaa nagaa qofa akka hiikamu shoora gama keessanii akka baatan waamicha isinii godha.''

Amantaa daheeffachuun waamichi seeraan alaa hiriira nagaa gochuu miidiyaalee adda addaan godhamaa jiraachuufi ''dhibdeen kun dhiiga kan lolaasu akka ta'u naannolee hedduutti meeshaalee waraanaa seeraan alaa socho'aa jiran'' to'achaa jiraachuu ibseera gamtaan waloo kun.

''Oppireeshinii qindaa'aa gaggeesseen daldaaltota dhiigaa fi shororkeessitoota waliin meeshaaleen waraanaa to'atamaniiru.''

Yeroon hiriirichi itti waamamaa jiru ta'e jedhamee biyyi nagaa akka hin qabne fakkeessuuf yeroo yaa'iin idilee Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gochuuf qophiin godhamutti jedheera.

Ibsi gamtaa waloo kun qaamni kamuu ''hiriira jedhee seeraan ala socho'uuf kanneen hiriira qindeessina jedhan miidhaa qaqqabuuf gaafatama ni fudhatu jechuun akeekkachiiseera.

Mootummaan ''Nageenya lammiileefi biyyaa mirkaneessuuf jecha tarkaanfii seeraa akka fudhatu gamanumaa cimsee hubachiisa.''

Gamtaan waloo kun Mana Kiristaanaafi abbootii amantaaf akkasumas amanaa hundaaf eeggumsa nageenyaa godhamu cimsuuf akka hojjetus dhaameera.

Naannolee biyyattii kaan keessattis qaamoleen nagenyaa hiriira seeraan alaa akka hin gaggeeffamne akka mirkaneessaniifi nageenya Manneen Kirsitaanaa, dureewwaniifi amantootaa akka tiksan ajajeera.

Carraa kana fayyadamuun qaamoleen ''farra nageenyaa'' ittiin jedhe nageenya booressuuf sochii waan eegalaniif uummatni naannoosaa dammaqee akka eegu waamicha godheera.

''Diinonni keenya kan seenaa shororkeessitoota biyya keessaa waliin ta'uun kanneen rogeeyyii miidiyaa hawaasaati ofiin jedhan waliiniifi paartilee karaa qaxxaamuraa aangoo qabachuu fedhan waliin qindaa'uun biyya keenya hokkora hin caamnetti galchuuf sochii godhan hubattanii raawwachiiftota yaada isaanii badaa kanaa akka hin taane cimsinee isin hubachiifna.''

Dhibdeen Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa kan eegale gareen phaaphaasii kutaa lallabaa Shawaa Kibba Lixaa Abuna Saawiroosiin durfamu ''gaaffii barootaa deebii dhabe diibisuuf''sinodosii haraa ijaaruun phaaphaasota 26 muudu hordofeeti.

Manni Kiristaanaa tarkaanfii kanaan ''seera mana kiristaanittii kan cabse'' jechuun balaaleffattee abbootii amantaa adeemsa kana keessatti hirmaatan hundarraa ''lubummaa mulqeera, qooda mana kiristaanaa keessaa qabanis dhorkeera'' jetteetti.

Muddama kanaan walqabatees kutaalee lallabaa akka Arsii Lixaa keessatti rakkoo dhalateen luba dabalatee amantootni ajjeefamuun gabaasameera.

Finfinneefi magaalota tokko tokko keessattis waamicha Mana Kiristaanittii hordofee amantoota huccu gurraacha uffatan irratti tajaajila dhorkamuu dabalatee miidhaan adda addaa raawatamuu jiraattonni magaalaa Finfinnee BBC'tti himaniiru.