Namoota hokkora Shaashamanneetti mudatee turen miidhaman jedhaman keessaa lubni du'uun himame

Namoota hokkora Sanbataa darbeen, Mana Kirsitaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa kutaa Lallabaa Arsii Lixaa magaalaa Shaashamanneetti batasakana Gabrasibihaat Qulqulluu Mikaa'eelitti miidhaman keessaa lubni tokko boqochu isaanii manni amantichaa beeksiste.

Mana Kiristaanaa Ortodoksiitti Lubni Malaaka Hiwat Qomoos Abbaa Walda Iyyesuus Seefu Galataa BBC'tti akka himaniitti, Luba Haregaawiyiin Balaay miidhaa guyyasi irra gaheen Kibxata boqatanii guyyaa Roobii sirni awwaalcha isaanii raawwatame jedhan.

''Poolisoota humna addaatu reebeen. Mataafi miillarra miidhaman, uleedhaan reeban,’’ jedhan.

Isaan akkas jechuun poolisii haa himatan malee Hoogganaa Ittaanaan Waajira Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalaa Shaashamannee Obbo Amboo Juullaa haala guyyas mudate irratti, ''lubbuun namaa kan darbe qaamolee batsakaana keessaa dhukaasa banuu eegalaniin malee humna nageenyaa mootummaa miti'' jedhanii ture.

Aanga'aan kunis, siriiyyuu qaamooleen ''bataskaana keessaa nutti dhukaasan'' jedhaniin kanneen miseensoota nageenyaa isaaniirra miidhaa qaqabsiisuu himan.

Malaaka Hiwat Qomoos Abbaa Walda Iyyesuus Seefuu Galataa, lakkoofsi namoota sababii hokkora kanaatin du’anii namoota torbaa ol ta'uu yoo himan, qondaalli mootummaa garuu kun sirrii akka hin taane falmu.

Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalaa Shaashamannee Obbo Shukurullaa Kamaal, rakkoo nageenya mudateen namoonni du’an afur ta'uu himan.

Itti dabalunis, sababiidhuma hokkora mudateetiin miseensoota poolisoota shan irra miidhaan gahuu Itti Gaafatamaan kun BBCtti himaniiru.

''Poolisoonni rasaasaan dhahaman jiru. Poolisoota shan irra miidhaan kan gahe,’’ jedhan.

Haata'u malee, walitti qabaatti namoota meeqarra miidhaan qaamaa akka qaqqabe ilaalchisuun odeeffannoo waliigalaa akka hin qabne himan.

Ammattis haalli magaalaa Shashamannee keessa jiru kan tasgabbaa'e ta'u himaniiru.

Dureen Mana Kiristaan kun, garuu ammas kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti rakkoon nageenyaa kun itti fufeera jechuun yaaddoo qaban dubbatan.

Abbootiin amantaas pirezidaantii naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis waliin mari’atanii, '‘waan akkanaa irra deebiin hin mudatu, ni eegnas jechuun deebii kennan,'' jechun himan.

Hookkarri kun akkamiin ka'e?

Mana Kirsitaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa kutaa Lallabaa Arsii Lixaa magaalaa Shaashamanee batasakanaa Gabrasibihaat Qulqulluu Mikaa'eel jedhamutti dhukaasa guyyaa Sanbata Guraandhahala 4, 2023 tureen lubbuun namootaa darbun gabaafame.

Dhukaasa banamee tureen lubbuun namoota akka darbe Qul. sinodosiin Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaatu ibseera.

Aanga'aan bulchiinsaafi nageenya magaalaa Shaashamannees dhukaasni akka tureefi lubbuun namootaa darbuu BBC'tf mirkanneessaniiru.

Ta'iin magaalaa Shaashamannee kan dhagaahame sinoodosiin Manni Kirsitaanittii beekamtii koo malee ijaarame jettuufi Sinoodosii Oromiyaafi Sabaafi Sablammiilee jedhamuun hundeeffame, phaaphaasiin kutaa lallabaa Arsii Lixaa gara teessoo ramanne jedhaniitti wayita imalaniidha.

Barreessaan Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo qulqulluu Abbaa Pheexiroos ibsa Dilbata kenanniin, Bataskaana magaalittii weeraruuf yaaliin godhamee turee jedhan.

''Weerara'' jedhan kana dura dhaabbachuufi Mana Kiristaanittii eeguuf amantoota bahan irratti tarkaanfiin gara jabiinaa poolisiin fudhateen adda baabahiitti yakki ajjeechaa raawwateeras'' jedhan.

Ajjeechaa raawwatameera jedhameefis Sinodosichi qaamolee nageenyaa mootummaa itti gaafatamaa yoo taasisu, qondaalli mootummaa mgaalichaa BBC dubbise ammoo, lubbuun namaa kan darbe ''qaamolee batsakaana keessaa dhukaasa nutti bananiindha'' jechuun himannaa manni Kiristaanaa dhiyeesitte waakkatan.