Shaashamanneetti dhibdee Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoon walqabate wanni mudate maali?

Mana Kirsitaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa kutaa Lallabaa Arsii Lixaa magaalaa Shaashamanee batasakanaa Gabrasibihaat Qulqulluu Mikaa'eel jedhamutti dhukaasa tureen lubbuun namootaa darbe.

Sanbata xiqqaa Guraandhala 4, 2023 naannoo bataskaana Gabrasibihat Qulqulluu Mikaa'eeli (Mikaa'eela Abboostoo)tti dhukaasa banameen lubbuun namoota akka darbe sinodosiin Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa ibseera.

Aanga'aan bulchiinsaafi nageenya magaalaa Shaashamannees dhukaasni akka tureefi lubbuun namootaa darbuu BBC'tti himaniiru.

Ta'iin magaalaa Shaashamannee kan dhagaahame sinoodosiin Manni Kirsitaanittii beekamtii koo malee ijaarame jettuufi Sinoodosii Oromiyaafi Sabaafi Sablammiilee jedhamuun of ijaarame, kutaa lallabaa Arsii Lixaatti phaaphaasiin gara teessoo ramannee jedhaniitti wayita imalaniidha.

Barreessaan Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo qulqulluu Abbaa Pheexiroos ibsa Dilbata kenanniin, Bataskaana magaalittii weeraruuf yaaliin godhamee turee jedhan.

''Weerara'' jedhan kana dura dhaabbachuufi Mana Kiristaanittii eeguuf amantoota bahan irratti tarkaanfii gara jabiinaa poolisiin fudhateen addababahiitti yakki ajjeechaa raawwateeras'' jedhan.

Sinodosichi ajjeechaa raawwatame jedhuuf qaamolee nageenyaa mootummaa itti gaafatamaa godheera.

Abbaa Pheexroos lakkoofsa namoota du'anii adda osoo hin baasiin amantoonni aarsaa ta'an jiruu jechuun ibsaniiru.

Hoogganaa Ittaanaan Waajira Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalaa Shaashamannee Obbo Amboo Juullaa gama isaaniin, lubbuun namaa kan darbe qaamolee batsakaana keessaa dhukaasa banuu eegalaniini jechuun himannaa manni Kiristaanaa dhiyeesitte akka hin fudhanne BBC'tti himan.

Miidiyaan Mana Kiristaanittii EOTC Broadcasting Service Agency, fuula feesbukii isaa gubbaatti Wiixata ganama reeffa amantoota osoo bataskaanittii eeeganii wareegaman jedhamaniif kadhannaan yoo godhamu suuraa agarsiisu qoodeera.

''Sababa amantaa isaanii mana sagadaa keessatti qaamolee nageenyaa amantaa biraa hordofaniin gara jabinaan warra ajjeefamaniif kadhaannaan godhaamaa jira'' jechuunis barreefameera.

Lakkoofsa amantootaa wareegaman jedhaman ilaalchisee garuu wanti jedhe hin jiru. Suuraalee qoodaman gubbaatti garuu saanduqni reeffaa shan ni mul'ata.

Maddi oduu AFP'n maddeen gidduugala miidiyaa sinoodosii Mana Kiristaanittii waabeffachuun gabaasa Dilbata baaseen, dhukaasa qaamoleen nageenyaa Oromiyaa bananiin namoonni sadii ajjeefamanii afur madaahuu hime.

Ministeerri tajaajila kominikeeshinii mootummaa ibsa Dilbata baaseen kanneen Amantaa daheeffatanii dhibdeen akka hammaatu hojjeechaa jiran jiraachuu bira gaheera jedhee mootummaan, ''warreen akkasiif obsa hin qabuu'' jedhee ture.

''Dhukaasaa kan ture isaanuma. Qamani nageenyaas ta'e kan biraa itti dhukaasaa ture tokko hin jiru. Namni tokkoos lamaas sadiis haa ta'u kan du'ellee meeshaadhuma dhukaasaa turaniin ofii isaaniiratti dhukaasanii wal ajjeesan'' jedhu Obbo Amboon.

''Bataskaan keessa meeshaan akka hin seenne hin beekama kan jedhan hoogganaan kun, ''meeshaa waraanaa galchanii, magaalaa daldalaa oolte keessatti meeshaa dhukaasaa yoo oolan nuufuu raajii ta'e'' jedhu.

''Guyyaa guutuu osoo akkanitti dhukaasanii oolani. Dhukaasuma ofiin garagalanii nama ofii rukutan malee qaamni keenya tarkaanfiin irratti fudhate tokkollee hin qabu,'' jchuun himannaa qaamoolee nageenyaatu gara jabinaan amantoota irratti ajjeechaa raawwate jedhu waakkatan.

Meeshaaleen dhukaafamaa turan meeshaa gurguddaa akka ta'an kan dubbatan hogganaan kun, ''sodaannee kadhachaa turre,'' jedhan.

Haata'u malee BBC himannaa kana maddeen walabaa irraa addatti kan hin qulqulleeffatiin yoo ta'u, Mana Kirsistaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa irraas himannaa kanarratti odeeffachuu yaaliin taasise ammatti hin milkoofneef.

''Qaamolen nageneyaa mootummaa dhukaasa kana keessa miidhaman hedduudhas jedhaniiru. Lakkoofsaan garuu adda hin baafne'' jedhan.

Namoota bataskaanicha keessaa dhukaasaa turan gariin to'atamaniiru, eenyummaa isaaniirratti qorannoon godhaam jiras jedhan.

Ka'umsi dhibee kanaa maali ture?

Mana Kirsistaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti muddamni kan dhalate torban lama dura gareen mana Kiristaanitti phaaphaasota of keessaa qabu sinodosii biraa ijaaruufi kutaalee lallabaa 26 ta'aniif phaaphaasota haaraa muudneera jechuusaanii horrdofeeti.

Sinodosiin garee kanaan hundaa'ee kun caasaa Mana Kiristaanittii gaaffilee afaan ofiin tajaajilamuu dabalatee kanneen biroo furuu hin dandeenye jechuun addatti Sinodosii Oromiyaafi Sabaafi sabalammiilee jechuun ijaarame.

Manni Kirsitaanaa ammoo Sinodosiin kun seera ittiin bulmaataa cabsee mana kirsitaanittii fottoqsuuf ijaarame jechuun balaaleffatee, beekamtii dhorkateera.

Muudama paaphaasotaa fi kanneen adeemsa kana keessatti hirmaatan hundas tajaajila mana Kiristaanittii mara irraa dhorkeera.

MM Abiy rakkoon mudate mariin akka furamu waamicha gochuun, gaaffilee Mana Kiristaanittiirratti afaan ofiin tajaajilamuu ilaalchisee ka'e ''callisanii akka bira hin dabarres himaniiru.

Yaandi MM Abiy'n kenname kunsi waan aanga'oota Mana Kiristaanittii hin gammachiifne, ibsa kennuun duula mormii hiriira nagaa akka waamtu akeekkachiifte.