Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Amantiifi sabummaa bu'uureffachuun warra dhibdee hammeessuuf obsa hin qabu'-Mootummaa
Mootummaan Federaalaa qaamoleen hawaasaa hunduu dhibdee Mana Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo keessatti dhalateef falli akka argamu akka gumaachan waamicha dhiyeesse.
Waajirri kominikeeshinii mootummaa Federaalaa ibsa Guraandhala 5, 2023 baaseen, dhibdeen abbootii amantaa Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo keessatti dhalate adeemsa Mana Kiristaanittiin akka furamu kan isaan ilaalltu hundi gumaacha akka godhan gaafate.
Kanneen Amantaa daheeffatanii dhibdeen akka hammaatu hojjeechaa jiran jiraachuu bira gaheera kan jedhu ibsi mootummaa kun, ''warreen akkasiif obsa hin qabuu'' jedhe.
''Jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa qaamolee lameen walitti dhiyeessuun rakkoo isaanii tasgabbiin akka furan gochuu qabu.''
Mootummaan ibsa kana kan baasee Sinoodosiin Mana Kiristaanittii qaamoleen mootummaa daheeffatan kutaa lallabaa Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti bataskaana weeraruuf yaalan jechuun himachuun erga dhagaahameeti.
Dhibdee magaalaa Shaashamannee keessatti dhalateen walqabatees tarkaanfii qaamoleen nageenyaa fudhataniin lubbuun namaa darbuu Sinoodosiin ibseera.
Gama kanaaniin waamicha Manni Kiristaanaa dhiyeesseen walqabatee amantootni miidiyaa hawaasaa fi qaamaaniis hiriira bahuun hundeeffama sinososii haaraa fi mootummaa balaaleffachaan Mana Kirsitaanaa tokkittii waliin akka dhaabatan agarsiisaa jiru.
Mootummaan federaalaa ibsa isaa kanaan, ''amantoonni rakkinicha walxaxaa gochuun meeshaa qaama biraa ta'uurra gahee ijaaruu akka bahan'' jechuun waamicha godheera.
Itti dabaluunis qaamoleen nageenyaa nageenya hawaasaa fi manneen amantaa naannolee hundaa eeguuf dirqama qaban ni bahatus jedheera.
''Warra hokkora hammeessan seera qabsiisuu qabu. Qaamoleen miidiyaa wantoota rakkinicha hammeessan gabaasuurraa of qusachuu qabu.''
Mootummaan ibsa isaa keessatti dhibdee kanaan walqabatee kanneen amantaa fi sabummaa bu'uureffachuun walitti bu'iinsa uumuu barbaadan jiraachuu bira gaheera jedhe.
''Kanneen amma dura biyya diiguuf yaalanii milkaahuufii dhabe rakkinichi akka hammaatuufi hin furamne gochaa jiraachuun bira gahameera. Mootummaan kana gonkumaa hin obsu.''
Warra rakkinicha hammeessuufi uummata gidduu walitti bu'iinsi dhalatu yaalaa jiruu jedheen irratti mootummaan gaafatama isaa seera kabachiisuu akka raawwatu hubachiisuu fedhas jedha ibsichi.
Rakkoon Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa kan eegale torban tokko duraa abbootiin amantaa gariin sinoodosii gaaffii barootaa deebisa jedhan kan Oromoofi Sabaafisbalammiilee jechuun ijaaruu boodadha.
Sinodosichi naannolee Oromiyaa fi uummatoota Kibbaa keessatti kutalee lallabaa 26'f phaaphaasota haaraa muudeera.
Kana ammoo Manni Kiristaanaa balaaleffachuun abbootii amantaa kana keessatti hirmaatan dhorkiteetti.
MM Abiy dhimmi kun furmaata akka argatu kan gargaaraan ta'uu dubbatanis haasaan isaanii kunis Mana Kiristaanittiin ejjennoo dogoggoraati jedhamee balaaleffatameera.