MM Abiy dursitoota amantaa Ortodoksii Tawaahidoo waliin mari’achaa jiru

MM Abiy Ahimed paatiraarkii mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Maatiyaas fi dursitoota amantichaa olaanoo biroo waliin mari’achaa jiru.

Mariin kunis yeroo itti murtee mootummaan akka hiriirri nagaa Dilbataaf manni amantichaa karoorsitee turte dhorkuu hordofee muddamni Mana amantaa Ortodoksii fi mootummaa gidduutti hammatetti kan gaggeeffamuu jalqabe.

Manni Aamantaa Ortodoksii Itoophiyaa Dilbata dhufu ykn gaafa 12,02/2023tti hirirá mata duree ''hiriira wereegamaa'' jedhu gaggeessuuf waamtee jirti.

Mootummaan ammoo hiriirri eeyyamame akka hin jirre ibse. Haatahu malee, ibsa kaleessaGuraandhala 9, 2023 manni amantichaa baaseen, mootummaan hiriiricha akka hin dhorkine ibsuun murtoo isaaniin akka gaggeessan dhaadatan.

Garuu ammoo ibsa har'a manni amantichaa baaseen, amantoonni bu’aa marichaa eeguu akka qabanii fi ammayyuu mariin itti fufuu ibsan. Gama mootummaan dhimmicharratti waanti jedhame hin jiru.

Manni amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ammoo garee Abbaa Saariwoosiin durfamuu fi Siinodosii Oromiyaa fi Sabaa fi Sablammootaa hundeesine jedhaniif beekmatii kenne jechuun dubbii MM Abiy qeeqxee ture.

Motummaan dhibbeen abbootii amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gidduutti uumame kun haaluma hojimaatuma keessoo mana amantichaan akka furamu gaafachuun, isarra yoo darbe ammo seera murtoo hariiroo hawaasaatin kan ilaalamu ta’uu kaase.

Haaluam mudamma wal dhibdee mana mantaa kanaan wal qabtee umameetiin, Itoophiyaa keessaa miidiyaaleen hawwaasaa akka Feesbuukii fi Telegiraamii fa’aa ugguramun himame.

Wal dhabdeen mana amantaa Ortodoksii keessaa kun kan ka’e yeroo abbootiin amantaa Ortodoksii Oromiyaa keessaa ta'an, Oromoon tajaajilli afuuraa kennamaa hin jiru jechuun addatti Siinodosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammootaa jechuun hundeessu isaanitiin wal qabateeti.

Phaaphaasonni haaraan mudamanis gara kutaalee Oromiyaa ramadamaniitti imalaa akka jiranii fi simannaan godhamaaf akka jiru himama.

Haatahu malee Qulqulluu Sinodosii Ortodoksii Itoophiyaa garee kana muudama seeraan alaa gaggeessan jechuun tajaajila mana amantichaa hunda irraa dhorkuu beeksifteetti.

Dabalataan maqaa amantaa ittiin beekamaniin osoo hin taane maqaa isaanii jalqabaan akak waamaman ibsan.

Haatahu malee abbootiin amantaa muudamicha gaggeessanis qanoonaa mana amantichaa hin cabsine, gaaffii keenyaaf deebii kennuu waan didaniif murtee kana fudhanne tajaajila keenya itti fufne jechuun ibsa kennan.

Kun mana amanticha keessatti muddama uumuun hiriirri nagaas akka waamamuuf Qulqulluu Siinodosii Ortodoksii Itoophiyaa beeksfte.

Mootummaan gamasaatiin ''Dhimmichi kan sarara diimaa bira darbe ta'ee waan argateef hiriirri nagaa 'hiriira haarsaa jedhu waan hin jirreef tasgabbii biyyaaleessaa uumuufi nageenya lammiilee mirkanneessuuf jecha mootummaan tarkaanfii seera kabachiisuu cimaa keessa kan seenu ta'uu beeksiisa'' jechuun akeekkachise.