Dhibdeen Mana Kiristaanaa 'mariin furamuun' gabaafame

Dhibdeen Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa ''mariin furamuu' miidiyaan biyyaalessaa gabaase.

Rakkoo caasaafi afaan ofiin tajaajilamuu jedhu kaasuun Sinoodosii Oromiyaafi Sabaa fi Sablammiilee jedhame torbanoota dura hundeeffamuu hordofee Dhibdeen Mana Kirsitaanittii keessatti dhalatee ture jaarsummaan furamuu miidiyaa biyyaalessaa EBC'tu Guraandhala 15/2023 gaabase.

''Gareen abbootii amantaa lameen MM Abiy Ahimadiifi jaarsolii biyyaa waliin mariyachuun waliigalteerra gahaniiru.''

Abbootiin amantaa garee lameenii tokkummaa cimsuufi tajaajila mana kiristaanittii jabeessuurratti walta'uun waliigalaniiru jedhame.

Gaaffii ijoo afaan wajjiniin walqabatee ka'eef Manni Kiristaanittii hojii eegalte jabeessitee itti fufuuf waliigalameera jedha gabasni sabaa himaa kanaa.

''Afaan Oromootiin amanticha jabeessuun akka danda'amu koollejjootnifi Yunivarsiitileen akka jajjabeeffaman, mana amantichaa dhalootatti dabarsuurratti rakkoolee jiran qorannoofi qajeelfamaan furuuf waliigalteerra gahameera.''

Viidiyoon miidiyaan biyyaalessaa gadhiise irratti abbootiin Amantaa garee lamaanii harka walfuudhanii yeroo wal dubbisan ni mul'ata.

MM Abiy dabalatee aanga'ootni mootummaa olaanoo hedduu fi Atileet Haayilee Gabrasillaasee yeroo abbootii amantaa kunneen dubbisanis ni mul'ata.

Qabxiileen irratti waliigalaman maali?

Gareen lameen Mana Kiristaanittii dhibdee isaan gidduu jiru mariin furuu ilaalchisee ibsa kennaniin qabxiilee kudhan irratti walii galuu beeksisan.

  • Naannoo Oromiyaa keessatti afaan Oromoon barachuu, qaddasuufi tajaajila biroo laachuun jabaatee akka itti fufu. Bajatniifi humni namaa dabalataan akka ramadamu.
  • Oromiyaa fi naannolee biroottis batsakaannoon laafan tajaajiltoota afaan naannichaa beekaniin akka jajjabeeffaman. Kanaafi bajatniifi humni namaa dabalataa akka ramadamu.
  • Oromiyaa fi naannolee kaanitti tajaajitoota afaanicha beekan leenjisuuf koollejjii banuufi warra banamee jirus jajjabeessuu.
  • Kutaalee lallabaa Oromiya keessa jiraniif eephisqophoostni afaanicha beekaniifi ittiin tajaajilan muudama ji'a Caamsaa dhufuun murtaahee akka muudaman.
  • Liqaana Paaphaasonni sadan Abuna Saawiroos, Abuna Awusxaaxiyoosfi Abuna Zeenaa Maarqoos kutaalee lallabaa isaanii duraaniitti deebi'anii akka tajaajilaniifi muudamni lubummaa isaanii akka deebi'u.
  • Abbootiin Liqaana Phaaphaasota kanaan muudamanis muudama lubummaa isaaniitti akka deebi'an. Isaan keessaa seeraafi adeemsa Mana Kiristaanittii kanneen guutan Qulqulluu Sinodosiin irra deebi'anii kan muudaman ta'a.
  • Qaawwa gama bulchiinsaan, fayinaansiin, ramaddiiniifi qcarriin jiru qorannoorratti hundaa'uun haala tajaajila wangeela cimsuun ni fooyyessina.
  • Hojimaata keenya qorannoon fooyyessinee Batsakaana dhaloota dhufuuf dhaalchifna.
  • Dubbii jibba facaasurraa of qusachuun ni barbaachisa
  • Qormaanni nu mudate keessa keenya ilaallee of cimsuuf nu gargaara jedha.

Phaaphaasonni kutaalee lallabaa Oromiyaa sadii abbaa Saawiroos, abbaa Awusxaaxiyoos fi abbaa Zeenaa Maarqoos hundeeffamuu Sinoodosii haaraa ibsuu hordofee ture Mana Kiristaanittii keessatti muddamni kan dhalate.

Abbootiin amantaa sadan kun kutaalee lallabaa naannoo uummatoota Kibbaa fi Oromiyaa keessatti phaaphaasota 25 muudaniis ture.

Manni Kiristaanittii sochii fi muudama garee kanaa balaaleffachuun muudama amantaa babbootii kanaa hunda mulquun beekamtii dhorkiteetti. Ministirri muummee Abiy dhimma kana ilaalchisee yaada kennaniin mariin akka furamu dubbatanii turan.

Manni amantaa Ortodoksii dhibdee kana keessa mootummaan harka galfateera jehcuunis ifatti komattee ture.

Boodas sooma nanawwee guyyoota sadii sabeeffachuun amantootni uffata gurraacha uffachuu soomaa akka sagadaniifi gadda akka ibsatanis labsitee ture.

Muddama mana amantaa kana keessatti uumamee hordofee rakkoo nageenyaa iddoo garaagaraatti uumameen namoonni saddeet lubbuun darbuu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibseera.