Harargeetti namichi niitiisaa asiidiin gube ammallee seeraan gaafatamuu dhabuu maatiin komatan

Godina Harargee Bahaa Aanaa Kombolchaatti ji'a lama dura namichi haadha warraasaa asiidiidhaan gubee miidhe ammallee seeraan hin gaafatamin jira jechuun maatiin komii akka qaban BBCtti himaniiru.

Dubartiin Ayyaantuu Musxafaa Taayyee jedhamtu manumasheetti abbaa warraashee Obbo Arifee Aliyyii Huseen nama jedhamuun miidhaan kun irra ga'e.

Abba Ayyaantuu kan ta'an Obbo Musxafaa Taayyee yakki raawwatame akkaan hamaa ta'us nama yakka kana raawwate seeraan gaafachuuf hojiin hojjetame garuu akkaan laafaadha jedhan.

''Asiidiin nama gubuu caalaa rasaasaan nama obbaafachiisuu wayya. Kun yakka hamaadha. Akka yakkichaatti silaa hordoffii cimaan taasifamuu qaba ture,'' jechuun xiyyeeffannaan gama qaamolee nageenyaan kennameef laafaa ta'uu himan.

''Isheen hojjettuu waajjira geejjibaati, waajjira mootummaa waan ta'eef poolisii waliinis ni hojjetu. Lammaffaa yakki suukanneessaan kun kan raawwate dubartii irratti. kana hunda namni xiyeeffannaa kenneef hin jiru.''

Obbo Musxafaan taatee mudate ilaalchisuun odeeffannoo jiru hunda poolisiitti himaniiru, ''isaan garuu salphisanii ilaalan. Lola maatii, lola jaarsaa fi jaartii godhanii ilaalan,'' jedhan.

''Jalqaba wayita yakki kun raawwatu bilbila, suuraa fi odeeffannoo waa'ee namichaa hunda waajjira poolisiif kenneera. Isaan xiyyeeffannaayyuu itti hin kennine.''

Obbo Musxafaan poolisiin suuraa nama kanaa baayyisee bakka hundatti facaasee akka seeraan to'atamu godha jedhanii abdatanii akka turan himan.

Waajjirri dhimma dubartootaa fi daa'immanii rakkoo dubartootarra ga'u qolachuuf dhaabbate wayita yakki suukanneessaan kun dubartii kanarratti raawwatu hojii irraa eegamu hin hojjenne jechuun komatu Obbo Musxafaa Taayyee.

Furmaata dhabnaan gama miidiyaa hawaasummaa dhimmi kun xiyyeeffannaa akka argatu, suuraan nama yakka raawwatee kunis akka maxxanfamu gochuu himan.

''Hundinuu kan jalqaba wayita yakki sun raawwaterraa eegalanii hanga yoonaa homaa hin hojjetin amma erga dhimmi kun miidiyaarra faca'ee sosso'uu eegalan,'' jedhan Obbo Musxafaan.

Nami yakka suukanneessaa akkasii dhala namaarratti raawwate yoo hagam miliqellee xiyyeeffannaan addaa itti kennamee to'atamuu qaba kan jedhan Obbo Musxafaan, nama kana garuu miliquu fi jiraachuusaayyuu namni adda baase hin jiru jedhan.

Maatiin nama kanaa magaalaama Kombolchaa akka jiraatan fi obboleessi isaa tokko magaalaa Adaamaa jiraachuu himan.

''Asii haadhaa fi obboleeyyan dubraa qaba. Obboleessi takka Adaamaa jira. Haati sodaattee mana gadhiistee badde. Garuu mana keessa eessumman isaa jiraataa jiru. Kana hunda poolisiin qoratee adda hin baasne,'' jedhan maanguddoon kun.

''Obboleessa isaa kanatti bilbilanii akka irraa iyyaafatan itti himeetiin ture. Qaamni seeraa garuu kana hin raawwanne.''

Namni haadha warraasaarratti asiidii dhangalaase, Obbo Arifee Aliyyii Huseen, magaalaa Kombolchaa keessatti bajaajii oofaa ture.

Nama qaama konkolaataa beekuu fi hojiinsaas konkolaataan walqabatu waan ta'eef carraa salphaatti asiidii argachuu qaba.

Asiidiin haala kanaan miidhaa hamaa namarraan ga'u kan wayita baatiriin konkolaataa du'u ittiin kaasuuf fayyadaman akka ta'e quba qabaachuu himu Obbo Musxafaan.

''Namni kun baatirii bajaajiisaaf jedhee asiidii waan bituuf, sanarraa olkaa'atee dursee qophaa'eera. Akka carraa guyyaa inni yakka kana raawwatu magaalaa guutuu keessaa ibsaan badeera,'' jedhan.

Battala sana haala kanaan miliqus ergasii garuu qaamni nageenyaa hordofee seeraan to'achuuf yaale hin jiru jedhan Obbo Musxafaan.

Akka Obbo Musxafaan jedhanitti yeroo tokko obboleeyyan isaa [nama asiidii jaartiisaatti dhangalaase] poolisiin qabee guyyaa sadi hidhee gadhiise.

''Ergasii amma miidiyaa hawaasummaarratti dhimmi kun ijoo dubbii taanaan horofuu eegalan,'' jedhan.

Obbo Musxafaan intallisaanii miidhamtee erga guyyaa muraasa wal'aanamtee xiqqoo bayyanattee booda, ishee [intalasaanii] qabatanii waajjira poolisii [godinaa] deemuun akka poolisiin yaada irraa fudhatee ture himan.

''Isheen waan hunda itti himtee turte. Isa waliin nama shakkitu maqaa kenniteefii turte. Sana booda an ishee qabadheen hospitaalatti deebi'e, isaan ammoo dhimmicha achumatti gatan.''

Hojjettuu waajjira geejjibaa kan turte Aadde Ayyaantuu Musxafaa balaan asiidii kan isheerra ga'e Amajjii 16, 2016  yoo ta'u, ergasii Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Hiwoot Faanaa Yunvarsiitii Haramayaa kan Hararitti argamutti yaalamaa jirti.

Balaa kanaan rifeensi mataashee, fuulli ishee fi hanga gadiitti qaamni ishee gubateera.

Hanga ammaa yeroo lama wal'aansa baqaqsanii yaaluu argachuu kan himan Obbo Musxafaan, sadaffaaf qophiitti jirti jedhan.

''Iji ishee bitaa garuu dhaamuuf deema. Doktarri ijaa ilaalee asitti yaaluu akka hin dandeenye nutti hime. Gara Finfinnee qajeelche. Hunda caalaa rakkoo xiinsammuu hamaa keessa seentee jirti.''

Dubartiin umrii waggaa 25 kun abbaa manaashee asiidiin ishee miidhe waliin ijoollee lama godhataniiru. Ijoolleen umriinsaanii waggaa lamaa fi afurii ta'an kunneen yeroo ammaa isaan bira jiraachuu himan Obbo Musxafaan.

Yeroo namni kun Aadde Ayyaantuurratti asiidii dhangalaasu daa'imman lamaan keessaa isa xiqqaa asiidiin tuquun miidhuu kan himan Obbo Musxafaan, tattaaffii fi tumsa ogeeyyii fayyaa Hospitaala Hiwot Faanaatiin amma daa'imi fooyya'uu himan.

Obbo Musxafaan hordoffiin poolisii dhibuu komatanis waajjiraaleen mootummaa fi uummanni magaalaasaanii akkaan isaan bira dhaabbachuu garuu himaniiru.

''Keessattuu hojjettoonni Waajjira Geejjibaa [bakka intallisaanii hojjettu] jalqaba wayita taateen kun mudatu kan qaqqabeef isaani,'' jedhan

Waajjirri ishees hanga ammaa mindaa ishee ni kaffalaaf jedhan.

Waajjirri Abbaa Alangaa Godinaas isaan deeggaruu kan himan Obbo Musxafaan, ''har'a ganama (Bitootessa 21, 2024) hoogganaa fi hojjettoonni hospitaala isheen [Aadde Ayyaantuu] itti yaalamaa jirtutti qaamaan argamuun gaafataniiru. Birrii kuma 80 kennanii, kaaniifis siif jirra naan jedhanii deeman,'' jechuun galateeffatan.

Namni yakka suukanneessaa akkanaa raawwate kun hanga yoonaa maaliif to'annoo seeraa jala akka hin oolin hafe adda baafachuuf waajjiraalee poolisii Aanaa Kombolchaa fi Godina Harargee Bahaa bira bilibillus bilbila nuuf hin kaasne.