Harargeetti namicha haadha warraasaa asiidiin gube poolisiin barbaadaa jira

Aadde Obsituu Musxafaa jedhamti. Godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaatti hojjettuu waajjira Geejjibaa aanichaatti.

Abbaa warraa ishee Obbo Arifee Aliyyii Huseen jedhamu waggoota jahan darban waliin jiraachaa kan turan yoo ta'u, ijoollee lamas waliin horataniiru.

DHirsaafi niitiin kun waggootaaf waliin jiraatanii ilmaan kan horatan ta’ulleen erga yeroo dhihootiin asi garuu sababa inaaffaatiin waldhibdeen gidduu isaaniitti darbee darbee mudataa turutuu himama.

Abbaan Aadde Obsituu Obbo Musxafaa Taayyee akka BBC’tti himanitti, abbaan warraa intala isaanii kun sababa inaaffaatiin halkan asiidii qaamashiirratti naqee miliqe.

“Halkan naannoo sa’aatii sagaliitti asiidii dura bitatee mana kaayate kana intala kiyya mataarraan itti gadi naqe. Isheen 'gubadhe gubadhe' jettee iyyitee jennaan ollaan dhagahee birmate. Isa booda anaaf bilbilanii nawaamaniin gara Hospitaalaa geesse,” jedhan.

Miiidhaan kun kan qaqqabe Amajjii 16, bara 2016 magaaluma Kombolchaa araddaa 02 jedhamuun beekamu keessatti manuma jireenyaa isaaniitti.

“Asiidiin kun rifeensa mataarraa, fuulaa fi hamma gadiitti qaama ishee gubeera. Dura qulluma iyyaa baatee karra eesumashii bira geessee kuftuun of wallaalte. Kun halkani kan ta’e. Yoo bilbilanii na waamanii achi gahu of hin beektu. Fuunee hospitaala Harar seensisne,” jechuun haala guyyas ture himu Obbo Musxafaan.

Haleellaa asiidii kana hadha warraasaa fi haadha ilmaansaa lamaa dubartii taatee irratti kan raawwate, Obbo Arifee Aliyyii battala yakka kana raawwate erga miliqee hanga ammaa akka hin to’atamnes himu.

Miidhaa asiidii irra gahe kanaan buqqeen mataa, ijishii tokkoo fi fuullishee guutuun akkasumas duubaa fi fuuldura qaamasheerra miidhaan cimaan qaqqabeera jedhan.

Miidhaan intalasaanirra gahe haalan sukaneessaa ta’uu kan himan Obbo Musxafaan, haleellaan sukaneessaan akkanaa dubartiirratti yoo raawwatamu qaamni mootummaa dhimmi ilaalu tarkaafii saffisaa balichaan walmadaalu taasisuu qaba jedhu.

Poolisiin aanaa Kombolchaa Kibxata darbe bakka miidhamtuun kuni itti yaalamaa jirtu Hospitaala Harar dhaquun miidhamtuu irraa yaada fudhateera.

Dhimma haleellaa asiidii kanarratti odeeffannoo gaafachuuf waajjira poolisii aanaa Kombolchaatti bilbillus odeeffannoo kennuuf heyamamoo hin taane.

Yaaliin miidhamtuu kanaaf taasifamu walxaxaa fi baasii guddaa kan gaafatu akka ta’e kan himan Obbo Musxafaan, hanga ammaa humnuma maatii fi firaatiin yaalchisaa jiraachuu himu.

Ogeessonni Fayyaa Hospitaala ispeeshaalaayizdii Hiwoot Faanaa Yunvarsiitii Haramayaa kan Hararitti argamu miidhamtuu kanaaf hordoffii fi yaala cimaa gochaafii jiraachuutti galateeffatan.

Itti gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii aanaa Kombolchaa Aadde Hindii Musxafaa, haleellaan Asiidii aadde Obsituu irratti raawwatame yakka sukaaneessaa fi ta’ii naannichatti dhagahamee hin beekne jedhu.

Shakkamaa miidhaa kana haadha warraa isaarratti raawwates poolisii fi qaama naageenyaa waliin ta’uun hordooffii fi barbaacharra jiraachuus himan.

“Namni yakka sukaneessaa akkanaa dubartii irratti raawwate seera duratti dhihaatee gaafatamuu qaba. Amma barbaadamaa jira. Nutis akka warra mirga dubartootaaf dhaabbateetti dhimma kana hamma dhumaatti murtii barsiisaan hanga irratti raawwatamutti hordoffii cimaa goona,” jedhan.