Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbootiin warraa maaliif haadha warraasaanii reebuu?
"Abbootiin-warraa hedduun haadhotii-warraa isaanii kan reebaniif mallattoo dhiirummaan ittiin beekamu waan isaanitti fakkaatuuf malee namoota gadhee waan ta'aniif miti," jetti Doktar Maariyaa Mahimud.
Maariyaan Yordaanositti hakiima fayyaa sammuu yoo taatu, dhiirota haadhotii-warraa isaaniirraan dhiibbaa geessisan mariisisuufi barsiisuun beekamti.
Maariyaa dhaabbata idil-addunyaa Yordaanoositti waa’ee miidhaa mana keesaa lammiilee barsiisuufi Qe'ee Daa’imannii OSS jedhamu keessa hojjatti.
Oggeettiin kun dhiiroota walitti qabuun shaayii dhugaa haala tasgabaa’aa ta’een isaan gaaffatti. ‘‘Haati-warraa kee akka si rukkuttu ni barbaaddaa? jechuun gaafatti.
Itti aansuunis haadha warraasaanii reebuun dudhaa amantaa Islaamaa ykn Shariyaadhaan akka wal faalleessuu suuta jettee hubachiifti.
Haala akkasitiin marii ifaa taasisu. "Yoo aarteefi daangaa itti goote malee dubartoonni hin ta’an’’ jedha abbaan warraa tokko.
"Kanaaf, kan reebduu akka akkas hin taaneefiidhaa?’’ jechuun gaaffatte Dr Maariyaa. ‘‘Hammeenyaaf miti kanan ishee reebu’’ jedhee deebiseef.
‘‘Garaagarummaan reebichaafi reebicha hamaa jiduu jiru maaliidha?’’ jechuun gaaffii itti fuftee Dr Maariyaan.
Innis, ‘‘reebicha hamaa jechuun miidhaa, madaa, dhiitoo ykn dhiiguu ijaan argamu irraan gahuu jechuudha’’ jedhe.
‘‘Yoo mataanshee falaxame malee miidhaa cimaa hin jedhamuu?’’ jechuun gaafatte deebiiftee. Innis, ‘‘kaballaa tokko ykn lama gahaadha’’ jedhe abbaan warraa kunis.
“Kaballaan tokko ykn lama waan baramedha miti? jechuun dhiirota maricha irratti argaman hundaaf gaaffii dhiyeessite Dr Maariyaa.
Oggeettiin kun hunduu akka bilisummaan hirmaataniifi namni yaada isaan dhiyeessan hammeenyaan fudhatu akka hin jirre itti himteetti.
Haata’u malee, waltajjii marii kanarratti dhiiroonni reebichi haadha warraasaanii irratti raawwatan miidhaa ta’uu amanunsaanii tarkaanfii tokkodha.
Biyyi Yordaanoos dubartoota miidhaa mana keessaa irraa ittisuuf seera baasuudhaan biyyoota Baha Giddu-galeessaa keessaa kan duraa yoo taatu, ammalleen du’a afur keessaa tokko kan dhiiroonni mana keessatti dubartoota irratti raawwatanidha.
‘Rabbiin hin sodaatu’
Namoota Dr Maariyaan wallaantu keessaa tokko Saaraadha. Dubartiin maqaanshee dhugaa akka hin waamamne gaaffatteefi amma Saaraa jechuun waamnu kun, abbaa manaashee waggoota shaniif guyyaa guyyaatti reebaa ture maaliif akka dhiifte baate dubbatti.
‘‘Ulfa ta’ee osoon jiruu na reebe. Dahee baatiiwwan muraasaan boodas irra deebiin na reebe. Kun hundi waanan shaayii kubbaayyaa tokko danfisuu irraanfadheefidha. Hangan du’uutti ture kan na reebe,’’ jetti.
Wayita ammaattis ijoolleeshee xixiqqoo lama waliin kaampii dahoo keessa kan jiraattu yoo ta’u, dararaafi rakkoon irra gahe ammalleen itti dhagahama.
‘‘Rabbiin hin sodaatu. Dahannoo keessa jiru kana cabsee seenuyyu ni danda’a’’ jetti. Yordaanoos miidhaa mana keessaa ittisuuf, poolisiin humna addaa hundeessuun biyyoota Baha Giddu-galeessaatti kan jalqabaa taatulleen, aangoo olaanaa dhiiroonni dubartoota irratti qaban hir'isuu hin dandeenye.
Dubartoonni miidhaa isaanirra gahu gabaasan, maatii isaaniitiin qoolliffamuun bira darbuun mana hidhaa galuun isaan mudata.
Meeyisuun (maqaanshee kan sirrii hintaane) reebiicha abbaan ishee irraan gahu ilaalchisuun Qajeelcha Polisii Maatiifi Egumsa Daa’imman Yordaanosiitti yeroo garaa garaatti gabaasa taasifteetti.
‘‘Aanga’oonni yeroo hunda abbaan kee maatii keetii. Mana hidhaa galchuu barbaaddaa?’’ jechuun akka mirrii gaabbii itti dhagahamu taasisaanii akka turan dubbatti.
‘‘Aadaafi duudhaa kee yaaddadhu. Kun Niiw Yoork miti naan jechaa turan,’’ jetti. Irra dedeebiin waa’ee miidhaa irraan gahuu gabaasa taasiftulleen, abbaan ishee guyyaa tokkolleen himatamanii hin beekan. Gareen Eegumsa Maatii Meeyiisuun akka araaramtuuf gaafataniin.
“Gara mana keetti deebi’i yoo ta’u baate ammoo mana hidhaa seenta jechuun na sodaachisan,’’ jetti. "Dursa qoosaa se’ee ture. Na hidhaa jennaaniin dhugaatti mana hidhaa na galchan jechuun, kan ishee hidhanis nageenya isheef jedhanii akka ta’e itti himamu dubbatti.
Qajeelchi Eegumasa Maatii ammo yeroo hunda kaayyoonsaa ‘‘maatiin akka adda hin qoodamne eeguu’’ akka ta’e BBCtti hime.
“Dubartiin tokko reebameera jechuun yoo gabaasa dhiyeessitu namticha ni hiina jechuu miti. Gaheen keenya haaluma seeraatiin nama komii dhiyeesse gargaaruufi filmaatawwan dhiyeessuudha’’ jechuun poolisiin tokko BBCtti himte.
Meeyisuun waggoota afuriif mana hidhaa kan turte yoo ta’u, Waldaan Dubartoota Yordaanosiifi Hojjattuun hawaasaa akka baatuuf falmaniitiif bahuun buufataalee dahannoo keessa galuu kan dandeesse.
Qaawwa gama seeraan jiru
Abbaan Maayisuu jireenya ishee irratti ajajuuf aangoo qabu. Isheenis amma dubartii waggaa 30 keessaa yoo taatu, waan hin herumneef abbaan ishee akka hojii hin hojjanneef dhaabsiisuu ni danda’a.
Yordaanoos seera miidhaa mana keessaa irratti bara 2008 baasiteen, poolisiidhaaf aangoo dabalataa kennite jirti.
Haata’u malee, seerri miidhaa mana keessaa ittisuuf bahe keessatti barbaachisummaa maatiif eddoo olaanaa kenneera.
Yeroo baayyee seerri Shariyaa haala dhuunfaa ilaallatus dhiirootaaf mirga ajajuu olaanaa dubartoota irratti kan kennu yoo ta’u, waliif galuu dhabuunis gara Zanatti akka deeman taasisa.
Seera miidhaa mana keessaa sanas Shariyaan ni diga. Haala kanaanis guddiisaan tokko intala dubaraa isaa hanga waggaa 30tti akka manaa hin baane seeraan to’achuu ni danda’a.
Akkasumas dubartoonni waggaa 50 ol ta’an ammoo to’annoo firoota dhiiraasaanii jala ta’uun kan baramedha.
Hojjattuun hawaasummaa akka haraarsituutti gidduugaluun Meeyisuun abbaan ishee bilisa ishee baasuuf akka mallatteessan taasisuun bilisa baafteen.
Isheenis yeroo jalqabaatiif murtoo mataasheetiin socha’uufi jireenyashee hogganachu danda’u yoo dubbattu imiimmaaniin guutamti.
‘‘Osoo naaf mallattaa’u baatee buufaticha keessaa bahuu, hojjachus ta’e, bilisa ta’uun gonkumaa hin danda’amu ture. Waraqaan mallattoo sunis anaaf akka lootariiti,’’ jetti.
Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) odeeffannoo bara darbe baaseen, dubartoota Yordaanositti argaman keessaa wallakkaan umurii waggaa 30n booda, dhiibbaa hawaasaatiin hojiisaanii dhaabuun bahaniiru.
Hawaasicha keessatti gaheen dubartootaa mana keessa turuudha. Kana malees, jidduugalliiwwan kunuunsa daa’immanii gatii gadaanaan jiraachuu dhabunsaa fi geejjibiiwwan ummataa nageenya dubartootaa kan hin eegne ta’unsaa dubartoonni akka hin hojjanneef dhiibbaa taasisuu IMF beeksiise.
Hanqinni diinagdee jirus miidhaawwan duubartoota irra gahan keessatti gahee qabaachu dubbatti Dr Maariyaan.
‘‘Rakkoon diinagdee cimaa ta’u warra dhiiraatti nan hima. Akka isin aarsu nan beekan jedhaan. Ta’us ammoo kun sababii ta’u hin danda’u. Miidhaadhaaf sababiin kennamufii hin qabaatu.
‘‘Reebiichi sababaan jettanii yaaddan illeen, gonkumaa fudhatama akka hin qabneen isinitti hima’’ jetti.
Dr Maariyaan miidhaawwan akkasii kunneen dubartoota haalaa miidhuu danda’a jetti. Turtii Saaraa waliin taasifteen attamiin deebiifte jireenyashee ijaarachu akka dandeessu waliin mari’achuun yeroo baayyee dabarsu.
Saaraan miidhaa cimaa abbaan warraa ishee irraan gaheen, guyyaa sadiif mana hidhaatti dabarseera. Garuu ammoo daldala saal-quunnamtiin jiraattii jechuun himannaa irratti bane. Kunis Yordaanoos keessatti himannaa cimaa yoo ta’u, tarii ijoollee ishee dhabuufi mana hidhaalleen seenu dandeessi.
Qajeelchi Eegumsa Maatii haalicha qorachuun dhumarratti himannaa abbaa warraashii kufaa taasiseera.
Saaraan injifannoon bilisummaan argattulleen ammalleen dorsisoon abbaa warraa ishee akkuma itti fufeetti jira.
‘‘Abbaan warraa koo qabeenyaa tiyya jedhee na yaada. Akkan hin ajjeefamne baayyee yaadda’a,’’ jechuu jireenya sodaa keessatti argamu dubbatti.