Namichi haadha warraa fi mucaa isaa ajjeese hidhaa waggaa 40n adabame

Namichi haadha manaa isaa isa dhiisuuf karoorfachuu ishee erga baree booda ishee fi daa’ima isaa ajjeese hidhaa waggaa 40’n adabame.

Piitar Naash, umurii ganna 47 haadha warraa isaa umurii ganna 43 Jiluu Naash hudhee ajjeesee, intala isaa umurii ganna 12 Luwiisiin ammoo waraanee ajjeese.

Piitar yakka kana kan raawwate Fulbaana keessa, mana jireenya isaanii UK, Suffoolk jiruttidha.

Yakka kana raawwachuu isaa Piitar haalus, manni murtii Ipsiwiich Kiraawon yakkamaa ta’uusaa murteesseera.

Dubbii dhaddacha isaa irratti dubbateen harmeen Jiluu “bulguu dhala namaadha” jechuun Piiteriin ibsiteetti.

Namichi Aadde Jiluun waliin hariiroo jaalalaa qabaachaa turte, Maark Liimay Fulbaana 7 galgalaa fi Fulbaana 8 ganamaan erga ishee qunnamuu dhabee booda yaadda’uu isaa dhadacha irratti dhaga’ameera.

Qondaaltonni yeroo hatattamaa reeffa lamaan kan argatan yemmuu mana maatiitti waamamanii Naash si’a hedduu lapheerra of waraanuu isaa arganidha.

Abbaan alangaa Deevid Josee KC akka jedhutti, Naash “tasgabbaa’ee fi akkuma salphaatti” isaan ajjeesuu amanee, haadhi warraa isaa waan ga’eelaa baateef addabii ta’uu fi intallii isaa ammo “qabeenya” isaa akka taate dubbachuun yakka isaa sirri fakkeessuu yaalee ture.

Dhaddacha irratti abukaatoo malee of bakka bu’uun kan dubbate Naash, sirni seeraa isa akka hin ilaallanne ibsuun, haala keessa jiru akka tapha mana quumaaraatti “manatu yeroo hunda injifata” seera jedhu mana murtii waliin madaale.

Obbo Joseen akka jedhutti, yakkamaan kun dhibee xiinsammuu kamuu qabaachuu isaa ragaan mul’isu hin jiru.

Yakka ajjechaa tokko tokkoon isaaf, yoo xiqqaatee hidhaan waggaa 40 irratti murtaa’uun, murtee lamaan walitti aansuun kan adabamu ta’a.

Murtee gaafa Roobii darbe irratti, Obbo Justiis Muraay akka jedhanitti, yakkamaan kun “yakka raawwateen kan gaabbeeru” hin fakkaatu, akkasumas “wa’ee seeraa irratti ilaalcha jallataa” qaba.

Obbo Liimey dhaddacha irratti, “jireenyakoo hafe ishee waliinin dabarsa jedhee yaadeen ture,” jechuun “abjuunkoo hundi badeera,” jechuun dubbateera.

Harmeen Jiilu, Diruutii Shaah, ammo Piitar Naash “bulguu dhala namaadha” jechuun dubbatteetti.

Haati alangaa addaa Tajaajila Alangaa Kiraawon, Nikoola Raayis akka dubbatteetti:

“Namni Jiiluu beeku hundi akka isheen nama gaarii, kan namaaf yaadduu fi jireenyaan guutte akka taatetti ishee ibsu. Ofii fi intala isheef karoora qabdi turte, kun amma yakka hamaa abbaa manaa isheen haala hammeenyaan adda citeera.”