Namichi jaalallee isaa duraanii heerumteef kennaa boombii ergee misirroo ajjeese

Indiyaatti namichi boombii saamsuun akka kennaatti cimdiiwwan walfuudhaniif erge misirrochaa fi obboleessa misirrochaa ajjeese.

Poolisiin akka jedhutti, kennaan kun akka waan humna ibsaan hojjetuutti waan fakkeeffameef wayita ibsaadhaan walquunnamsiifamu dhohiinsa guddaa uume.

Dhohiinsi kun misirrocha achumatti ajjeese, obboleessi isaa ammoo balaa kanaan madaa'ee erga gara wal'aansaa geeffamee booda du'e.

Boombiin kun jaalallee duraanii misirrottiitiin kan ergame ta'uu poolisiin hime.

Namni kun jaalalleensaa duraanii kun nama biraatti heerumuusheetti akkaan mufatee ture jedhan.

Himatamaan maqaansaa Sarju Markam ta'uun ibsame kun jiraataa bulchiinsa Madhya Pradesh yoo ta'u kan qabamee hidhames Kibxata kaleessaati.

Namni kun to'annaa poolisii jala waan jiruuf hanga ammaatti yaada hin kennine.

Dhohiinsa boombii kanaan namoota biroo afur irras miidhaan qaqqabeera.

Balaan kun giddu gala bulchiinsa Chhattisgarh aanaa Kabirdham keessatti bakka misirroonni cidha gaggeeffataa turanitti mudate.

Poolisiin akka jedhutti ga'eessi umrii waggaa 33 dubartii umrii waggaa 29 jaallataa ture kun, ishee fuudhee niitii lammataa godhachuuf itti cichee ture.

Haata'u malee maatiin dubartittii isaaf kennuu didanii, nama biraatti heerumsiisuuf murteessan.

Balaan dhohiinsa boombii kun akkaan hamaa ture kan jedhu poolisiin sababa kanaan gamoon guddaan barbadaa'eera jedhe.