Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhoksaa maatikoo: Abbaankoo maaliif haadhakoo ajjeese?
Abbaan Tasnim Lowe harmeeshee irratti quunnamtii saalaa raawachuun erga mirgashee sarbee booda ishee ajjeese.
Amma Tasnim harmee ishee Luusii irratti maal akka uumame baruu feeti.
Akkaataan guddinakoo baay'ee ulfaataa ture jetti Tasnim.
Akakayyuu koo waliinan guddadhe, yeroon mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa turetti namootni gaaffi "Maaliif isa waliin jiraatta? Maatiinkee eessa jiru? Maaltu uumame?" jedhu na gaafatu
Maal jechuu akkan qabu hinbeekun ture. "Akkam? Maqaankoo Tas jedhama, abbaankoo nama ajjeeseera. Hiriyaakoo ta'u feeta?" jechuu hin danda'u.
Yeroo abbaankoo Azhar Ali Mehmood harmeekoo ajjeesee lubbuukoo garuu oolche, daa'ima ji'a 16'n ture.
Gabiitiin namaree, mana keessaa nabaasee muka obdii keessa jiru jala na kaa'e.
Ibidda harmeekoo Luusii, daa'imashee reef dhalate, akkookoo Lindaa Loow fi adaadaakoo Saaraa ajjeesee keessaa ture kan na olche.
Waan anaaf yaade fakkaata garuu harmeekoo yeroo ajjeese anaaf waan yaade miti.
Hagayya 2000tti mana jireenya keenya Shiropshaayer Telford keessa turetti kan ibidda qabsiise abbakoo ture.
Waggaa itti aanu ajjeechaa nama sadiin himatame.
Yeroon guddadhutti maatiinkoo namoota osoo hin taane seena natti fakkaatu ture.
Kanaaf bara 2018tti BBC Three waliin seenaakoorratti dokumantarii hojechuuf carraan argadhe nan fudhadhe.
Maaliif ibiddi kun akka uumameefi waa'ee harmeekoos ta'e waa'eekoo gadi fageenyaan baruun barbaade.
Yeroon wa'ee Luusii yaadu wa'ee shammarreen yaada.
Akka harmeekootti waan ishee hin laalleef, harmee jedhee hin waamuni.
Yeroo ani dhaladhe isheen shamarree ganna 15 turte, abbaankoo ammoo dargaggeessa ganna 25 ture.
Yeroon ijoollee turetti garuu hariiroon Luusiifi abbaakoo sirrii akka hin turre natti hin mul'atu ture.
Yoon waa'ee isaanii nama waliin mana barumsaatti haasa'u, haala addaan na ilaalanii "Waanti kun sirrii miti, sitti hin fakkaatu?" naan jedhu.
Animmoo "lakkii rakkoo hin qabu jaallewwaan turani" jedha sababiinsaa akkan akkas yaaduuf kanan barsiifame maatiinkootiini, maaliif namootni biroo waa'ee kanaa akkanaan haasa'an naaf hin galu ture.
Akkaakayyuu Joorjiifi ani walitti siqnuus cimaa ture.
Haadhimanaasaa Lindaafi ijoolleen isaa dubaraa lamaan ibiddaan jalaa du'an.
Himannaa abbakoo boodas ana guddisuuf waadaa seene.
Garuu hariiroo harmeekoofi abbaakoo irratti lamaan keenya ilaalcha tasumaan garaa gara ta'e qabna.
Yeroo sanatti isaafi namootni biroo tokko tokko garaa garummaa umurii jaalalleewwan gidduu jiraachuu qaburratti ilaalcha biraa qabu.
Namootni akkamiin Luuiin yeroo anaan garaatti baattu ofiinuu ijoollee ta'uunshee SIRRIDHA jedhanii akka yaadan naaf hin galu, yeroo dokumantarii kana hojjanutti garuu akaakayyuunkoo bareera.
Amma maaltuu sirridha, maaltu yaraadha jedhe nagaafata. Wanta cimaadha garuu dhumaratti waliigaltee wayiirra geenyeerra jedheen yaada.
Dokumantarii kana yeroon hojjadhutti hiriyoota Luusii tokko tokko waliin wal bareera.
Luusiin yeroo abbaakoo waliin wal barte isheefi hiriyootishee ijoollee turani.
Ammadha namootni hariiroon kun sirrii akka hin taane kan argan.
Yeroo sanatti akka waan sirrii, dhiira umuriin hedduu caluu wajjiin ta'uun akka waan gaaritti akka ilaalamu ture ta'uusaa hiriyyaanshee tokko natti himteetti. Isaan waan ta'aa ture hin hubannee taanaan isheenis hin hubanne ta'a.
Dilbata Bitootessa 11, 2018 - Guyyaa Haadholii - irratti ture wanta ani waa'ee maatiikoo natti himame wanti mormu kan uumame.
Fuula gaazexaa Sunday Mirror irratti suuraa Luusiitu jira.
Jalqabarratti Anaafi maatikoo hundatti haalichi dalga nutti gale, yeroon barreefamicha argu seenaa ibidda sanaa sababa wayiif deebi'ee maxxanfame jedheen yaade. "Odeeffannoon haaraa jiraachuu hin danda'u" jedhee yaadaan ture.
Nuti akka maatiittis ta'e -akka hawaasa UK keessa jirutti - seenaan kun waanta gadi fagaataa dabalataa jira jennee hin yaadne.
Qorannoon Sunday Mirror bara 1980n keessa eegalee daa'imman 1000 ta'an waaf qopheefamaa akka turan hima.
Abbaankoo akkamiin ganna 14 irraa eegalee waan kana qopheessaa akka tureefi ijoolleen dubaraa biroo dararamaa turan yoo namatti himatan 'akka Luusii ta'a dhumni keessan' jechuun doorsifamaa akka turan ibsa.
Jalqaba waliimtisaa naaf hin galle.
Yeroo seenaa tokko barattu, sanuma beekta, sanuma hubatta, seenaama sana duwwaa ta'uu danda'a jettee yaadda.
Qorannoon kun seenakoo darbe irratti wantan beekuutti gaaffii waan uumeef, gadi fageenyaan baruun narra ture.
Odeeffannoo dabalataa yoo qabaateef jecha barreefama mana murtii yeroo abbaankoo himannaa irra ture ka'aamee ilaaluufan murteesse.
Galmee dhadhacha Sanaa yeroon dubbisu dalga natti gale.
Garaagarummaan umurii Luusiifi harmeekoo gidduu ture kaafameera.
Waggaa lama ykn sadii hin turre - kan gara waggaa kudhan ta'udha.
Akka hiriyyooti harmeekoo dubbatanitti, abbaankoo dhiirota biro waliin taateetti kan jedhuun ishee ni ilaala, qaama ishee ni qorata ture.
Bilbileefi nama sochiishee hordofaa jiru akka qabu itti hima ture.
Shakkiin naannoo dirree bataskaanaatti dhiiroota biro waliin wal qunnamtii saalaa gooti jedhu tura.
Wanti kun maal akka ta'e garuu waan hin qoratamneef waan beeknu hin qabnu.
Anaafi akaakkayyuun waa'ee kanaa yeroo xiqqoo gafanneera. Maaliif waah in goone? Maaliif hariiroon kun sirriidha jedhee yaade? Kan jedhuun gaaffii nan dhiyeessaafi.
Akaakayyuunkoo waa'ee abbaakoo irratti 'badaa feshii akka hin keennine' garuu Luciifi abbaankoo yeroo bayyee akka wal lolan natti hime.
Kun abbaankoo isheerraa qunnamtii saalaa gaafatuufi jedhe nan gaafadheeni.
"Yeroo baayye garaa kutaasheetti ni deema ture" jedhe akaakkayyuunkoo. "Yeroo tokko, iyya 'Gudeeda! Gudeeda!' jedhu dhaga'een fiigee balbala dhiitee yeroon seenu fiigee ba'e. Mucaan ollaa tokko waliin fiige"
Maaliif eenyuyyu poolisiitti hin himne jedhen gaafadhe.
"Hin beeku. Gargaarsaaf gaafachaa turtee? Osoo gara keenya dhuftee himattee, waa takka gochuu dandeenya ture."
"Garuu atiifi Liindaan yeroo isheen 'gudeeda' jette iyyitu homaa hin goona" jedheen deebiseefi. "Kun haleellaadha, na gaddidiisa."
Hubachuu waanan barbaadeef gaffilee kana gaafachuun narra ture.
Akkaakayyuun kiyyaa akkookoo Liindaa waliin waa gochuu dandeenya turre kan jedhuun gaabbii baayyee qaba.
Dhimma kanaratti namni hedduun beekumsa hin qabu ture. Utuu isaan waa godhanille, aangaa'onni ni dhaga'uun ture?
Abbaakootti maal akka dhaga'ame baruun barbaade. Gaabbi qabaa? Waa'ee ibidda sanaa amma maal yaada? Sababa ajaja mana murtiitti yeroon ganna 16 ta'e mana hidhaatti isa daawwachuufan deeme.
Jalqabarratti taatee kanaan alatti inni eenyu kan jedhu baruun barbaade.
Waa'ee isaatti kan natti dhaga'amu dalga kan namatti galudha. Adii ykn gurracha miti.
Deebiin inni naaf kennu gaaffiikoo irratti hunda'a ture. Wantoota tokko tokkoof naa deebisa kaaniif immoo nicallisa. Garuu bagan dhaqe, goochuun narra ture.
Naa deebisuu dideef malee wantooti ani baruu barbaade baayyetu ture.
Ajjeechaa dabalatee abbaanko yakka saalaa harmeekoorratti raawwateef himatamuu hafuun isaa dadhabina sirna haqaadha jedheen yaada.
Gaafannee turre garuu poolisooti amma jiran kan yeroo sanaa waan hin taanef wanta baayye nutti himu hin dandeenye.
Dhugaa dubbachuuf waan badaa nu gargaaran miti, garuu qabeenya Lucii tokko tokko argachuu keenyatti nan gammada.
Dabtara isheen seenaashee irratti barreefattu argadheera, namni biraan kana hin argu ture.
Caalatti akkan ishee baruufi waantoota abbaankoo yeroo sana hojjataa ture irratti hubannaa dabalataa naaf kenneera.
Abbaankoo amma mirga wabii argachuu danda'a.
Himannaa yakkaa biraa dabaltee nama tokko mana hidhaa tursuu akka hin dandeenye naaf gala.
Abbaankoo dararaa harmeekoorra geessiseef himatamuu hafuun isaa dadhabbii hawaasichaafi sirna haqaa yeroo sanaati jedheen yaada.
Yeroo tokko tokkoo kan nama gaddisiisufi cimaa ta'us, waantii gaariin dokumantarii kanarra ba'e jira.
Luusiitiin calatti bareera, waa'ee eenyummaakoofi wa'ee seenakoo caalatti nan hubadha.
Wa'ee daa'immaan saalaaf fayyadamuu irrattiis hubannoo dabalataa qaba, namootafis dhimma kanarratti hubannaa dabalataa kennuukoon nan gammada.
Ammaaf boqonnaa fudhadhee fayyina xiinsammuu kiyyaratti hojachuun fedha.
Gara fulduraa irratti garuu wa'ee daa'immaan saalaaf fayyadamuu (CSE) irratti hojjachuun fedha.
Ammaa Luusii sagalee hin argatiin hafteef sagalee ta'uu nan danda'a.
Wajjirri poolisii Weest Mersiyaa yaada lachuuf hin eeyyamne.