Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni daa'ima waggaa 3'tti asiidii naqan hidhaman
Daa'imni waggaa 3 asidii itti naqameen heedduu erga miidhame namootni sadiii to'annoo jala oolan.
Daa'imni kun 'itti yaadamee asiidiin haleelame' jedha Poolisiin Mersiyaa Dhihaa.
Dargaggoonni umrii 22, 25 fi 26 to'annoo jala oolan daa'ima kanarraan miidhaa qaamaa hamaa geessisuuf shiranii yakka kana raawwatan jechuun Landaanitti qabaman.
Fuulaafi irree isaa irraa madaa asiidiin gubate erga yaalamee booda, amma mana yaalaatii baheera.
Midhaamni yeroo dheeraa madaa daa'ima kanaa hin beekamu jechuun qondaaltonni dubbataniiru.
Paarkii Shirab Hiil Riteel, Taloow Hiilitti, daa'imni kun maatii isaa waliin barcuma oofamtu irra ture yeroo 'asiidiin' kun 'gara isaatti darbatame ykn facaasame' jedha poolisiiin.