Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni Afrikaa balaa guddaa maatii isaaniin ajjeefamuu jala jiru - UN
Afrikaa keessatti dubartoonniifi ijoolleen durbaa balaa guddaa nama isaanitti dhiyaatuun ykn miseensota maatii isaanii birootiin ajjeefamuu yaaddessaa ta'e jala akka jiran Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ibse.
Dhaabbileen UN gabaasa baasaniin akka mul'isanitti, Afrikaan uummata qabdu keessaa dubartootarratti haleellaan raawwatamu akkaan guddaadha.
Bara darbe keessa guutummaa addunyaatti dubartootaafi ijoollee durbaa 45,000 ta'an jaalallee (namootti itti dhiyaataniin ykn miseensota maatii isaaniitiin ajjeefamaniiru.
Kana jechuun ammoo tokkoo tokkoo sa'aatii keessatti dubartoonni ykn ijoolleen durbaa shanii ol ta'an jaalallee ykn miseensa maatii isaaniitiin ni ajjeefamu jechuudha.
Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni To'annoo Qoricha Sammuu Adoochuufi Yakkaa, akkasumas Waajira Dhimma Dubartootaa ibsa waloo baasaniin lakkoofsi dubartootaafi ijoollee durbaa waggaatti jaalalleewwaniifi miseensota maatii isaaniitiin ajjeefamanii rifaasisaa ta'uu isaatiin olitti lakkoofsi sirriin kanaa ol ta'uuyyu ni danda'a jedhan.
Ajjeechaan dubartootaafi ijoollee durbaarra jaalallee isaaniifi miseensota maatii isaanii birootiin raawwatamu kun ardiidhaan yeoo qoodamu, Afrikaan 17,200 qabattee lamaffaarratti yoo argamtu, Eeshiyaan 17,800 qabachuun sadarkaa tokkoffaarratti argamti.
Ameerikaatti 7,500, akkuma kana ammoo Awurooppaatti 2,500 kan ta'a yakki walfakkaataan raawwatameera.
UN ajjeechaawwan akkasii kana ittisuudhaaf, qaamoleen nageenya jaarmiyaalee mirgoota namoomaa dubartootaaf dhaabbataniifi quuqamaniif eegumsi barbaachisaan akka taasifamuuf waamicha dhiyeesseera.
"Mootummoonni addunyaarra jiraniifi michoonni dhaabbileen akka mirgoonni ubartootaa kabajamuuf hojjetaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisaniif nan gaafadha," jechuun UNtti Daarektarri Olaanaa Dhimma Dubartootaa Simaa Baahus dubbataniiru.
Gabaasni UN kun ifa kan ta'e Sadaasa 25, 2022 irraa kaasee guutummaa addunyaa irratti sochii farra miidhaa saala irratti hundaa'e guyyoota 16f gaggeessuuf yeroo jalqabamettidha.