Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan: 'Ijoollee koo beela’an raffisuuf jecha qoricha kennaaf’
- Barreessaa, Yogita Limaye
- Gahee, BBC News, Herat
Lammiileen Afgaan daa’imman isaanii beela’an qorichaan adoochuun raffisu, kaan ammoo jiraachuuf jecha kutaa qaama isaanii keessaa gurguraa jiraachun dhagahame.
Erga Taalibaan biyyattii bulchuu eegale as waqtiin qorraa lammeessoon galaa kan jiru ennaa tahu, qarqaarsi biyyoota alaas akkuma addaan citetti jira. Kanaanis miiliyoononni fiixee beelaarra jiru.
"Ijoolleen ni boossi, rafuu hin dandeenye. Nu ammoo nyaata itti kenninu hinqabnu," jedha Abdul Wahaab.
"Kanaaf gara faarmaasii deemnee qorsa bituun kenninaaf – kunis isaan adoocha."
Namni kun magaalaa Heraat jedhamtuufi magaalaa guddinaan biyyattiitti sadaffaa irratti argamtu keessa jiraata. Mandarri isaanis kan maatiin qabeenya gadaanaa qaban keessa jiraataniifi manneen dhoqqeen ijaaraman xixiqqoon kan guutamedha.
Abdul fi namoota nu biratti qabaman kaanif, namoota hammamiitu waan kana raawwata jennee gaafanne.
"Hunduma keenya," jechuun deebisan.
Isaan keessaa Ghulam Hazrat kiisa isaa seenuun, qoricha wahii base. Alprazolam kan jedhamu ture – qorichi adoochu kun rakkoo fayyaa dhiphina yookaan cinqiif (anxiety disorders) kan ajajamudha.
Ghulam ijoollee jaha qaba, quxisuun daa’ima ganna tokkodha. "Isaafillee nan kenna," jedha.
Kaanis qorichoota escilatopram fi sertraline jedhaman baasuun, ijoollee issaaniif akka kennan nutti himan.
Doktoroonni qorichoota kana daa’imman nyaata gahaa hin arganneef kennuun, miidhama tiruu, dadhabbii garmalee yeroo dheeraaf turu, akkasumas jeeqamuu amalaafi hirriibaaf saaxila jedhu.
Maatiin hedduun asitti arganne guyyaatti daabboo muraasa qooddachuun jiraatu.
Dubartiin tokko ganamarra daabboo goggogaa nyaachuun, galgala ammoo bishaan keessa buusuun akka laaffisan nutti himte.
Bakkuma deemnu hundatti namoonni maatii isaanii beelarraa baraaruuf jecha tarkaanfii ulfaatu fudhachaa akka jiran agarre.
Amaar (maqaan isaa kan jijjiirame) ji’a sadiin dura qaamasaa baqaqsanii kalee keessaa baasuun gurgure. Godaannisa garaasaa fuulduraa qabee hanga dugdasaatti deemu nutti agarsiise.
"Qorannoo muraasa taasisan, achis waa tahe na waraananii of akkan wallaalu na godhan. Sodaadheen ture, garuu filannoo biraa hin qabun ture."
Amaar maallaqa Afgaan 270,000 ykn Doolaara 3,100 argate. Kana keessaa garri caalu, maallaqa maatiisaaf nyaata bituuf liqeeffate deebisuuf oolche.
"Galgala tokko yoo nyaanne, kan ittaanu ammoo hin argannu. Ergan kalee koo gurgure booda, walakkaa namaa akkan tahe natti dhagahama. Abdii kutadheera. Jireenyi akkasiin itti fufa taanaan, waan du'u natti fakkaata,'' jedhe.
Kutaa qaama namaa baasuun gurguruun Afgaanistaan keessatti waan haaraa miti. Taalibaan bulchuu isaatin durallee waan raawwachaa tureedha.
Haatahu malee yeroo ammaatti namni tokko murtee akkanaa ofirratti fudhateeyyuu, jiraachuuf rakkachaa jira.
Dhimmi biraa irra deddeebiin dhageenye ammoo, maatiin ijoollee dubraa isaanii gurguruu isaaniiti.
"Intala koo waggaa shanii maallaqa Afgaanii 100,000’tti gurgure," jedhe Nizamuddin. Odeeffannoo arganneerraa baruu akka dandeenyetti, gatiin kun gatii walakkaa namni kale gurgure tokko argatudha.
Kabajaan namummaa hawaasni kun qabu beelarraa kan kahe irraa mulqameera.
"Kun seera amantaa Islaamaan akka wal faallessu beekna, lubbuu daa’imman keenyaas balaarra oolchaa akka jirru beekna. Garuu filannoo biraa hinqabnu," jedha hoogganaan hawaasaa Abdul Ghafar.
Mana maatii tokkootti daa’ima waggaa afurii Naaziyaa jedhamtu walbarre. Intala obboleessa ishee quxisuu Shamsullaah wajjin gammachuun taphattu.
"Nyaata bituuf maallaqa hinqabnu, kanaaf masjiida itti deemnutti intalakoo gurguruu akka barbaadu namootatti beeksise," jedhe abbaanshee Hazratullah.
Naaziyaan mucaa maatiin isaa kutaa biyyaa Kandahar jedhamu keessa jiraataniif akka herumtu gurguramte.
Wayita umriinshee 14 gahu maatiin gargar baatee deemti. Abbaan ishee Hazratullah haga ammaa kanfaltii marroo lamaan fudhateera.
"Isa keessaa gara caalu nyaata bituuf oolcheera. Muraasa ammoo daa’ima koo biraaf qorsa itti bite. Ilaali mee nyaata dhabuun miidhameera," jechuun abbaan kun uffata daa’ima kanaa olqabuun garaasaa bokoke nutti agarsiise.
Lakkoofsi daa’imman hanqina nyaataan miidhamanii, rakkoo beelli biyyattiitti daa’imman umrii shanii gadiirratti geessisaa jiru mul’isa.
Dhaabni tola oolaa Médecins Sans Frontières (MSF) wiirtuulee hanqina nyaataa biyyattii keessaa qabu keessa, lakkoofsi gara isaanii dhufu yeroo dhiyoo keessa %47n dabaleera jedha.
Dubbi-himaa Taalibaan mootummaa naannoo Herat kan tahan Hameedullah Motawakil, waa’ee beela hammaate kanaa maal gochaa akka jiran gaafanne.
"Taateen kun sababni isaa qoqqobbii idiladdunyaa Afgaanistaan irratti kaa’ameefi uggura qabeenya Afgaaniiti. Mootummaan keenya namoonni hangam deeggarsi isaan barbaachisa kan jedhu adda baasaa jira.
Hedduun namootaa waa’ee haala isaanii sobu- kanas kan godhan deeggarsa arganna jedhanii waan yaadaniif," jedhan.