Namni maaliif jaalallee ykn hirriyaa gaa'ilaasaa ajjeesa?

"Barri hamaan mukarraa baala fixa namarraa haala fixa!" jedha Oromoon yoo mammaaku.

Dhiheenya kana oduun ajjeechaa suukanneessaa abbaa warraatiin haadha warraa isaanii irratti gaa’elaa giddutti raawwatamu irra deddebiin dhagahamaa jira.

Tarii gochaan akkasii kun miidiyaatti osoo hin bahiin hafe ta’us ykn amma dabalaa dhufee ta’us, garuu gaaffii ‘Dudhaan ykn ‘ilaafi ilaamee gaa’ila keessatti haatii warraa fi abbaan warraa ittiin wal danda’an sun amma eessa dhaqee?’ jedhu kaasaa jira.

Fakkeenyaaf, Onkoloolessa 29, 2022 shakkamaan maqaansaa Tamaam Abdullaahii jedhamu Magaalaa Jimmaa ganda Ginjootti haadha warrasaa ajjeesuu himan.

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa kan ta'e Tamaam haadha warraa isaa Saalihaa Muhaammad kan jedhamtu Albeen qalee ajjeesuuns odoo miliqaa jiru Magaalaa Walqixxeetti to'atamusaa Komnikeeshiinii Magaalaa Jimmaa mirkaneesse ture.

Namoonni isaan beekan akka himanitti hiriyoonni kunneen erga wal fuudhan waggaa tokkoo qofa turan.

Kana malees Fuulbana 11, 2022 Jarmanii magaalaa Treuchtlingen jedhamtu keessatti shakkamaan tokkoo haadha warraasaa ajjeeseerra jechuun poolisitti harka kennuu miidiyaaleen biyyatti gabaase ture.

Gabaasa poolisii irratti maqaansaa tuqamu baatus, booda shakkamaan sun Artistittiin Oromoo beekamaan Taajuu Shurrubee ta’u namoonni kaampii baqatoota inis jiraatuu keessa jiraatanii fi hawaasni Oromoo Jarmanii mirkaneesanii turan.

Taajuun haadha warraasaa Hilwa jedhamtu dhihoo biyyaraa kan fidate yoo ta’u, erga wal fuudhan hanga ji’a ja’a jiraachuu namoonni isaan beekan himu.

'Haadha warraa abbaa warraa ajjeefte'

Dhiirota qofa utuu hin ta’in dubartoonni abbaa warrasaani ajjeesan akkasumas dabalaa jiru.

Dhiheenya kana godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbeetti dubartiin abbaa warrashee muka tumaan dhoofte ajjeesuun dhoksitee awwaalun himatamte Manni Murtii Godina Shawaa Lixaa dhiyaattee hidhaa waggaa 18’n adabamuu gafaanee ture.

Poolisin BBC’tti akka himetti, Aadde Suufanii Shantamaa abbaa warraa ishee Obbo Shuumaa Abarraa kan waggoota 11’f gaa’ilaan waliin jiraatan irratti ajjeechaa kan raawwatte baatii Fulbaanaa keessa ture.

Egaan erga bara dheeraaf waliin jiraachuun abbaan warraa fi haatii warraa adeemsa keessa amala waliin akka baran kan hin taasifne ta’e maaltu furmaata ta’a?

Isheenis Fulbaana 08, 2015,“lola natti kaasnaan ofirratti rukkute” jechuun poolisiif jecha kennushee qorataan yakkaa waajjira poolisii Aanaa Baakkoo Tibbee Ittaanaa Saajinii Doshaa Wayyumaa BBC’tti himanii ture.

Ofii dhiira ta’e haatii warraa, maaliif nama bara jireenyaa saanii guutuu wajjiin jirachuuf waadaa galan ajjeesuu? Dhimma kanarratti hayyoota fi oggeeyyii gaa’elaa dubbifneera.

Aaddee Qabbanee Hundeessaan oggeettii waggoota 18 oliif hojii barsiisuufi dhimma gaa’ilaa irratti gorsuun dabaransiidha.

Taateewwan ajjeechaa jaalalleewwan jidduutti tibbana dhagahamaa jirankanneen ilaalchisee, “Waan baay’ee gurra namaatti ulfaatuu fi aadaa keessa hin jirree kun. Oromoon gama amantaa fi aadaatiin kan araarsu qaba. Wanti fokkisaan akkanaa kunis baramaa hin turre,” jedhu.

“Amma garuu wanta gurra namaatti hin tole, kan baay’ee ulfaataa ta’etu dhaga’amaa jira. Akka amantaa Islamaafi Kiristiinaatti haadhii fi abbaan warraa foon tokko; namoota lama osoo hin ta’in isaan tokkoodha’’ jedhu.

Kanaaf, haatii warraa ykn abbaan warraa yoo gochaa suukkanneessaa akkana tokko saanii irraan gahan, foonsaa ykn ishee irra akka ga’etti ilaalama. Ofiin of miidhe jechuudha jechuun tokkommaan gaa’ila keessaa hangam cimaa akka ta’e ibsu Aaddee Qabbaneen.

Wal kabajuufi jaalalaan dhaabbata gaa’elaa keessa nagaan waliin jiraachuu qabu ture jedhan.

Wal ajjeesuu maaltu fide? 

Yeroo oduun akkasii wayita dhaga’amuttis gaafii; namoonni kun foon takkoo hin turre? Waliin jaalachaa hin turree? Jaalalaan walitti hin heerumne? Maaliif wal ajjeesuu kan jedhutu ka’a.

Dhiirsaa fi niitiin ibiddaa fi bishaan jedha jaarsii argaa dhageetti Aab Dirree Guyyoo. Isaanis wal gubaa wal dhaamsaa waliin jiraatu akka maanguddoon kun jedhaniitti.

Akka Aab Dirree jedhutti, gaa’elli seera itti bulmaataa aadaa fi amantaa irraa dhufe qaba. Namoonni gariin ammoo seera sana hin hordofu akka horii walitti duuda.

“Namni gaafa ga’e aadaafi amantaa tokkollee hin hordofne taanaan rakkoo akkanaaf saaxilama.” 

“Addunya amma keessatti namoonni seeraafi aadaa adoo hin ta’in fedhiin wal fuudha; dubartiis bifa, ganna, qabeenyaa fi barnoota isaanii ilaalanii fuudhan. Kanaan akka hamaa kana wal ajjeesa.”

Akka aadaa Oromoo Booranatti haadha soddaa/amaatii isaanii ijaan ilaalumtii awwalchashee hin mul’atu. 

Kana kan godhaniif ulfina abbaa warraa fi haadha warraa gidduu jirtu yaadachuufiidha.

“Dhiira haadha warraasaa rukutuuf yaalu tokkos haadhashee yaadate lakkisa. Amma garuu namummaa dhabuun akka bineensaattia jiraacha jiran” jedha Aab Dirreen.

Kana malees, rakkoon guddoon jirtu, dargaggoonni heyyama ykn beekumsa maatiisaaniin ala murtoo jajjabdu fudhatu. Utuu sirriitti wal baruuf yeroo hin argatiin gaa’ela godhatu, jedhan.

“Fudhii qoosamiti warroomma qaba, warroommi maatii qaba. Maatii malee walitti heerumnaan rakkoosaanii bakka geessan hin qaban, wal hiikuu fi wal ajjeessutti ka’an.” 

Gaa’elaa keessatti wantoonni namoota walitti buusan baay’een jiraachuu oggeeyyiin ni himu.

Rakkoo qabeenyaa, rakkoo wal qunamtii saalaa, firoonni gidduu seenuu, wal amanuu dhabuu, hinnaaffaa fi sababa gara garaan walitti bu’uu danda’u. Rakkooleen kunneen wayita mudataniitti, ogummaafi tasgabbiif furmaata barbaachu dadhabuun miidhaa hin yaadamne akkasii hordofsiisuu danda’a.

“Namoonni waldhabuun duruu jira, garuu nagaan mari’atanii rakkoo isaanii furan turan. Kanneen hiikachuu dadhaban caalaa wal loluu. Kanarra darbe immoo mana keessatti ciisicha adda baafatuu. Ittaansee ammoo gara gochaa suukkanneessa kanatti dhufu,” jedhan barsiiftuun gaa’ela Aaddee Qabbannee Hundeessa.

Yeroo adda addaa namoonni yaada kana qaban lola yeroo kaasan sin ajjeessa jechun walitti dhaadatu. Kunis hin hafu boodarra, jetti. 

Abbootiin manaa tokko tokko, haadhotiin manaasaanii jalaa miliquuf yoo yaalan akka miidhan ykn ajjeesan itti himuun doorsiisu.

Kana kan fidu tokkoffaan jaalala dhugaadhaan wal jaalachuu dadhabu ta’u dubbatti.

'Jaalalli ija hamtuun illeen hin ilaalu'

“Osoo jaalala dhugaatiin wal jaalatanii, wal ajjeesun hafee ija hamaan wal ilaaluun hin ta’u ture. Jaalalli hin ajjeesuu, jaalalli jibba of keessaa hin qabu. Ajjeessuun jaalala osoo hin ta’in jibba irra madda.’’

Kan nama walitti hidhe wajjiin jiraachisu jaalala dhugaati jedhu oggeessonni. Jaalalti yoo jiraatu, namni waliif hoga, waliif yaadaa, waliif gadda. 

Kan biraa ammo, rakkoon yoo isaan mudatu ifa baasanii waliin ta’anii hiikachuu yoo dadhaban, nama isaan gorsuu danda’utti himachuu dadhabuudha.

Namni rakkoo furuuf nama gargaaruu danda’u baayyetti jira; maatii, oggeesoota gaa’elaa, firoota, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaa fi kanneen biroo jirus.

“Dur namoonni iccitii ykn rakkoosaanii baasanii himatanii furmaata argatu. Ani xinnoo ta’e argaa kanan guddadhe, yoo jaarsoliin bahanii, gaabii adii uffatanii taa’uun namoota walitti araarsan nan yaadadha.

“Har’a yoo ilaalle ammo namoonni jaarsolii biyyaatti, abbootii amantaatti, maatiisaanittu hin himatan...rakkoo utuu qabanu.”

Namoonni miidiyaa hawaasaafi namoota biratti jaalala akka waliif qaban ibsuun mana keessatti ammoo jireenya adda jiraatan jiru, jetti gorsituun gaa’ilaa tun.

“Iccitiisaanii gad baasuu fedhii qabachuu dhabuuf sadarka kanaan wal gahan. Yoo ofiin hiikachuu dadhaban namoota kanaan gahuu salphinna wommatuu hin qabu. Wanta onnee keessa qabdu nama biratti himnaan dhiphina isinitti dhaga’amu hir’isuu danda’a,” jetti.

Kaanin, namoonni garii gaa’ela godhate hawaasan adda ba’e jiraachuu barbaada. Namni ammoo nama malee jiraachuu hin danda’u. Namoota gaa’ela godhataniif, ollaa, hiriyoota, hawaasa,fira fi uummanni biroo barbaachisadha. 

Hariiroo namoota kana wajjiin qabannan salphinnaan rakkosaani furachuu danda’u.

Afraffaan namoonni wajjiin haasa’u dhabuu. Waaqayyoon horiirra adda godhe kan nu uumeen dandeetti haasaa’aa nuu kenne jetti Aaddee Qabbaneen.

Haata’u malee namoonni garii gaa’ela keessa utuu jiranii wajjiin haasa’uun ulfaata itti ta’a. Wanta nama kaan irra hin jaalanne itti himu mannaa namoota biraaf hima, ykn qabate jiraata.

Gaafa obsi dhume gochaalen gara jabbinna kunnin raawwata. “Akka haasofne waliigalu Waaqayyoon loqoda nuu kenneera, kanaaf lama ta’ani ofiin furmaata argachuun ni danda’ama, dadhabnaan ammoo filannoo baayyeetti jira.”

Yeroo oduun ajjeecha kun miidiyaalee hawaasa irratti facaatu kana dubartoonni hedduun sodaa qaban ibsachaa jiru.

“Jiraachuuf jecha heeruma dhiifneerra” jechuun dubartiin Samiraa Obsaa jedhamtu feesbuukii irratti yaadaa ibsate.

Dubartiin biroo, “Walii Obsuun baay'ee barbaachisaadha Oromoo, yoo dadhabame Carraa baay'een osoo jiru lubbuu walii balleessanii ofiis rakkoo hamaa keessa of galchuun hin barbaachisu,” jechuun maxxansite.

Dhimmi akkanaa kunin akka hin babal’dhanne jaarsii argaa dhageetti Aab Dirree Guyyoo utuu gummiin gaayoo hin geenne jaarsolii walitti waamun mar’ichaa jiraachu hima.

“Kunin waan hawaasa keessa jiraachu hin male, durii hin jiru ammas baduu qaba,” jedha.