Boorana Dhaasitti haleellaa ka'umsi 'babal'ifannaa daangaati' jedhameen lubbuun darbe

Tiksiitoota loon oofaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Godina Boorana Bahaa aanaa Dhaasitti dhuma torbee darbe keessa halellaa hidhattoonni daangaa naannoo Somaalee fi Oromiyaa gidduutti bananiin lubbuun namoota ja'aa darbuu qondaalli nageenyaa Aanaa Dhaas BBC'tti himan.

Itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaa fi Milishaa Aanaa Dhaas Aab Guyyoo Dooyyoo BBC'tti akka himanitti, haleellaa kanaan namoota ajjeefaman keessaa afur ijoolleedha.

Akkaataa rakkoon kun itti jalqabes akkas jechuun BBCtti himan aanga'aan naannichaa kun.

"Aanaa Waacileetti babal'ifannaa daangaatiin walqabatee rakkootu ture. Warri naannoo Somaalee irraa dhufan daangaa bal'ifachuuf jecha ganda Boojjii jedhamutti qubsuma seeraan alaa ijaaran" jedhu Aab Guyyoon.

Qubsuma seeraan alaa kana hordofuun qaamolee naannoo Somaalee fi Oromiyaa irraa ta'an gidduutti walitti dhukaasni banamuus himu.

Rakkoon aanaa Waacileetti jalqabe kun bal'achuun gara Aanaa Dhaasitti dhufuun Gaafa ALI Adoolessa10, bara 2017 Ganda Raaroo jedhamutti mucaan ganna 12 ta'e hidhattoota naannoo Somaaleetiin ajjeefame jechuun taateen lubbuu namoota jahaa galaafate kun haala itti eegale himan.

"Mucaa dhiiraa kan bakka loon tiksutti ajjeesan. Isaan booda ammoo gaafa Adoolessa 12 bara 2017 ijoollee durbaa sadii kan loon tiksan haala sukaneessaan ajjeefaman" jedhu.

Keessumaa ajjeechaan ijoollee dubartoota sadanii albeedhaan kan raawwatamee fi ajjeechaa sukaneessaa dhala namaarratti hin raawwatamne jechuun ibsaniiru.

Ijoollee afran kanaan alatti dargaggeessi tokkoo fi namni ga'eessi tokkos ajjeefamuu fi maqaa namoota ajjeefaman jedhan kunneeniis BBC'tti himan.

Ajjeechaa kana hordofee jiraattonni daangaa naannoo Somaaleerra ganda Raaroo keessa jiran hedduun qe'ee gadhiisanii godaanus dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Uummanni ganda Raaroo buqqa'ee jira. Horiirras miidhaan gahe jira. Hawwasni ganda Raaroo irraa buqqa'e kunis magaala Borborii fi Tumtuu jedhamu qubatanii jiru," jedhan aanga'aan kun.

Haleellaa kanaan booda raayyaan ittisa biyyaa naannicha buufachuu fi amma nageenyi fooyyee qabu jiraachuu himaniiru.

Kanaanis hojiin jiraattota qe'eerraa buqqa'an gara qe'ee isaaniitti deebisuu jalqabamee jiraachuu dabaluun dubbataniiru Aab Guyyoon.

Rakkoon babal'ifannaa daangaatiin walqabatu kun durirraa kaasee hanga ammaatti waanuma itti fufe ta'uus himu.

"Rakkoon akkanaa rakkoo deddeebi'aadha. Umurii keenya waanuma akkanaa argaa jiraanne" jechuun itti fufiinsa rakkinichaa dubbatu.

Dhibdeen daangaa Naannolee Oromiyaa fi Naannoo Somaalee kan lafa dheeraa waldaangessan kun bakkeewwan hedduudhaan dhagahama.

Moyyaalee hanga Cinaaksanitti lafa naannoleen lamaan ittiin waldaangessan irratti dhibdeen uumamu yeroo adda addaatti lubbuu jiraattotaa galaafachaatuma itti fufe malee fala fulla'aa hin arganne.

Waggota muraasaan dura Oromoonni miliyoona tokko ta'an Naannoo Somaalee keessaa humnaan buqqifamanii kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti qubsiifamuun isaanii ni yaadatama.

Haleellaa tibbana hidhattoota naannoo Somaalee irraa dhufantu raawwate jedhamee fi ijoollee dabalatee lubbuu namoota ja'aa galaafate kanarratti naannicharraa hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.

Dhimma weerara daangaa babal'ifannaa hidhattoonni naannoo Somaalee aanaalee Godina Boorana bahaa adda addaa keessatti tibbana taasisaa jiran jedhame kana irratti angaa'ota godinichaa irraa odeeffachuuf yaaliin taasifamee sababa bilbila nu jalaa hin kaasneef hin milkoofne.