Bara qoccolloon Itoophiyaa fi Ertiraa hammaate fi taateewwan ijoo bara darbe

Itoophiyaan bara haaraa 2017 pirezidantii haaraa filachuun eegalte. Sana dura Pirezidantii dubartii jalqabaa kan turan Sahla Worqi Zawudee ''callisuu'' akka filatan barreessanii turan.
Pirezidantiittiin garuu rakkoon akka calliisuu filatan isaan taasise qaama kam irraa akka isaan mudatee fi maala akka ta'e ifatti kan jedhan hin jiru.
Kana hordofuun guyyaa muraasa booda Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa kora idilee waggaa 4ffaa gaafa guyyaa 07/10/2024 taa'een Ambaasaaddar Taayyee Asqasillasee pireezidantii Rippabliika Federalaawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa gochuun muudeera.
Pirezidant Taayyeenis akkuma filatamaniin Manni Maree Bakka Bu'oota Uummtaa fi Manni Maree Federeeshinii hojii bara haara jalqabuu labsan.
Atakaaroo Galaana Diimaa fi waliigaltee Ankaaraa
Erga Itoophiyaan jalqaba bara 2024 Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessitee Gaanfa Afrikaatti muddamni haaraan dhalateera.
Muddamni Somaaliyaa, Ertiraa, Masirii fi biyyoota lixaa garii hirmaachise kun yeroo waggaatti siquuf hammaatee turus marii Turkii, Ankaaraatti taasifameen hanga tokko tasgabbaa'eera.
Jalqaba ji'a Muddee bara 2024 Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu waliigalteen ''seenaa qabeessa'' taasifamuu Pirezidantiin Turkii Reseeph Xayyiib Erdogaan himan.
Yeroo sana akkaataa hojiirra oolmaa waliigaltee kanaarratti mariin ni gaggeeffama jedhamee ture.
Haata'u malee aanga'oonni biyyoota lameenii akkaataa eegameen waliin hin mari'anne.
Waliigalteen kun Ankaaraatti erga mallattaa'ee guyyoota muraasa booda aanga'oonni Somaaliyaa Ministira haajaa alaa biyyattiin durfaman Finfinneetti imalanii turan.
Garuu waa'ee hojiirra oolmaa waliigaltechaarratti wanti qabatamaan hangas mara hin mul'anne.
Kun osoo kanaan jiruu jalqaba Hagayya darbeetti aangawaan Itoophiyaa imalli biyyisaanii ulaa galaanaa argachuuf taasistu walakkaa ol akka darbe dubbatan.
Muddamni Somaaliyaa fi Itoophiyaa furmaata waaraa argachuu baatus dureewwan biyyoota lamaa garuu darbanii darbanii walargu.
Fulbaana 9, 2025 wayita Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa eebbifamu keessummoota bakkichatti argamuun gammachuu qooddatan keessaa tokko Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud.
Atakaaroo Itoophiyaa fi Ertiraa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara darbe jalqabuma bara haaraatti xiyyaarri Itoophiyaa gara Ertiraa akka hin balaaliine dhorkamuun dhagahame.
Isa booda lammiilee Ertiraa kanneen Itoophiyaa keessa jiran irratti hidhaa fi rakkinni cimeera himannaan jedhu dhihaate. Mootummaan Itoophiyaa gochi akkanaa biyyattii keessatti akka hin raawwatamne ibseera.
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii Sadaasa 30, 2024 TV mootummaa isaaniiiratti ''walitti bu'insi amma Itoophiyaa keessa jiruufi waldhabdee isheen biyyoota ollaa waliin itti jirtu kan madde Heera mootummaa bara 1994 hojjiirra ooledha," yaada jedhu kennan.
Hunda caalaa ammoo yaada dhuunfaa maqaa Pirezidantii duraanii Dr Mulaatuu Teshoomeen dhiyaatee Aljaziiraa irratti qoodametu muddama Itoophiyaa fi Ertiraa hammeesse.
Yaadi barreeffame sun ''pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii Kaaba Itoophiyaatti ammas walitti bu'iinsa hammeessuuf hojjechaa jira,'' jechuun himata.
Mootummaan Itoophiyaa yaadi kun ejjennoo isaa osoo hin taane yaada dhuunfaa ta'uu ibseera.
Barreefama maqaa pirezidantii duraanii Itoophiyaan maxxanfame kana hordofees Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee GabraMasqal miidiyaa hawaasaa gubbaa ibsa abxii 10 kaahaniin himannichaan ''soba'' jedhaniiru.
Dabaluunis ''shira rakkoo uumuu yaadan nutti qabatan'' jechuun ''dubbii barbaachadha'' jedhan.
Ibsi aanga'aa Ertiraa kun kan irratti xiyyeefatee deebii kenne pirezdantii duraaniif ta'uu caala Itoophiyaafi bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad ture.
Miseensa Kaabinee Bulchiinsa Yeroo Tigraay kan turan Leetanaal Jeneraal Tsaadqaan Gabratinsaayee, waraanni haaraan Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti kaanaan kaartaa biyyootaa ni jijjiira jedhanii turan
Ertiraan dubbii Leetanaal Janaraal Gabratinsaayeef deebii kenniteen waraanni Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti yeroo kamiittuu ka'uu danda'a jechuun fedhii Itoophiyaan waraanaaf qabdu kan agarsiisuudha jette.
Bitootessa 2025 Ertiraan waliigaltee nagaa Piritooriyaa waraana Tigraay dhaabsise 'booressuuf' yaada akka hin qabne ibsitee turte.
Kanarra ''ibsa dubbii barbaachaa'' ministirri odeeffannoo Itoophiyaa waa'ee buufata doonii Galaana Diimaa ilaalchisuun kennetu qoqqoodinsa uumaa jira jette.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yemaanee Gabramasqal ibsa kennaniin, ''Ertiraan garaagarummaa gartuuwwan siyaasaa TPLF keessa jiran adda addaa gidduutti umame cimsuudhaaf yaada omaatuu hin qabdu,'' jedhan.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad hariiroo Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiruu fi ololli biyyoonni lamaan gara wal waraanuutti seenuu malu jedhu bal'inaan deemaa jiraachuu quba akka qabanii fi gama Itoophiyaatin fedhiin waraanaa akka hin jiraanne ibsaniiru.
"Karaa biraatiin ammoo Itoophiyaarratti biyyi weerara gaggeessuu fi mul'ata qabannerraa nu dhaabu hin jiru. Qophii gahaa waan qabnuuf. Kan qophoofnu ammoo lola hambisuufi," jedhan.
Tuttuqqaan waraanaa qaama kamirraayyuu jiraachuu hin qabu kan jedhan MM Abiy, ''tuttuqqaan nurratti yoo jiraate garuu deebiin keenya hammaataa waan ta'uuf gama keenyaan namuu lolatti seensisuuf fedhii hin qabnu,'' jedhan.
Sanaan booda Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-Warqii kabaja Guyyaa Walabummaa biyyattii 34ffaa ilaalchisuun haasaa taasisanirratti mootummaa Itoophiyaa jabeessanii qeeqan.
"Humnoonni alaa karaa bakka bu'aasaanii kan ta'e Badhaadhinaa [Biltsiginnaa] waraanni ummata Itoophiyaarratti waggoota shanan darban labsan hangam akka abdii kutatan agarsiisa," jedhan.
Pirezidaantichi haasaa isaa keessatti warra 'humnoota alaa' jedhan kanneen eenyu akka ta'an hin ibsine.
"Sababoonni dhiyeessuu barbaadan baayyeedha. Dhimma bishaanii, Abbayyaafi Galaana Diimaa, ulaa galaanaa argachuu, ilaalcha Oromummaa Oromoo bakka hin buune, walitti bu'insa Kushii fi Seemii, ummata Affaariifi lafa ajandaa isaanii kanaaf fayyadamuufi bal'inaan waraana kakaasuudha," jechuun tarreessan.
Pirezidant Isaayyaas mootummaan Itoophiyaa kana milkeessuudhaaf bittaa meeshaa waraanaafi qophii waraanaarra akka jiru eereera.
Haasaa pirezidantii Ertiraa kana booda ibsa kan kennan Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Ayishaa Mahammad kanneen ''afaan guutanii biyya jedhanii waamuuf nama rakkisu hundi haala kanaan Itoophiyaatti dubbachuuf yaaluun waan baratame akka ta'e ni beekna,'' jedhan.
''Raayyaan yeroo ammaa ijaaramaa jiru akkasaan yaadan ollaa kana, ganda kana... kan gorsa isaaniin lafaa ka'anii gorsa isaanii rafan- humnoota xixiqqoof kan gurmaa'e miti,'' jedhan.
Ji'uma sana keessa Itoophiyaan ''ajandaa waraanaaf deeggarsa argachuuf duula dippilomaasii narratti cimsite'' jechuun himatte Ertiraan.
Waraanni Ertiraa bakkeewwan Itoophiyaa daangaarra jiran to'atee akka jiruufi badiiwwan hamoo dalagaa jira jechuun mootummaan Itoophiyaa xalayaa UN'f erguu gabaafamee ture.
Pirezidanti Isaayas Adoolessa darbe gaaffiifi deebii Tv biyyattiif kennan irratti barbaacha ulaa galaanaa Itoophiyaan itti jirtu busheessuun, gocha maal na dhibdeedha jechuun dubbatan.
Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa 'hookkarri' agarru kan mul'atee hin beeknedha kan jedhan Pirezidant Isaayyaas kanaaf immoo paartii biyya bulchu qeeqani.
Pirezidant Isaayas Itoophiyaan ''dubbii barbaadurra rakkoo keessooshee haa furtu,'' jechuunis akeekkachiisan.
Ministeerri Beeksisaa Ertiraa ibsa Paartiin Badhaadhinaa Hagayya keessa baase irratti deebii yoo kennu, Paartiin Badhaadhinaa yeroodhaa gara yerootti ''odeeffannoo sobaa fi dhiibbaa qabu tamsaasa'' jedhe.
Manni Maree Paartii Badhaadhinaa ibsa Hagayya darbe baaseen, ''diinoonni waraanni akka dheeratu hojjetanii jalaa fashalaa'e'' tooftaalee garaagaraa fayyadamuun Itoophiyaa keessatti walitti bu'insi akka babal'atuuf yaalaa jiru jedhe.
Obbo Yamaanen Fulbaana 3, 2025 toora X isaaniirra barreeffama qoodaniin, aanga'oonni Paartii Badhaadhinaa kanneen ''nama arrabsan'' Ertiraarratti ''doorsisa waraanaa'' akka barbaadanitti gaggeessuu itti fufaniiru jedhan.
Ministirichi kana kan jedhan erga Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad marii ETV irratti taasisaniin dhimma Galaana Diimaa kaasuun dogoggorri raawwatame dhiheenyatti ni sirrata jedhaniin boodadha.
Hidha Haaromsaa fi dubbii Tiraamp
Itoophiyaan hidha haaromsaa ijaarsa isaa bara 2011 laga Abbayyaarratti ijaaruu eegalte waggaa 14 xumuruun eebbaaf akka qopheessite ibsiteetti.
Hidha guddichi Itoophiyaa Fulbaana kana keessa eebbifamu mormiin gama adda addaan mudateera.
Masiriin bishaantu na jalaa hir'ata sodaa jedhuun waggaa kana guutuu ijaarsa isaa dura dhaabbachaa baate.
Hunda caalaa kan nama ajaayibe ammoo yaadota Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dhiheessaa turanidha.
Tiraamp irra deddeebiin hidha haaromsaa maallaqaan tumsuu dubbataa turan. Akkasumas Masirii fi Itoophiyaa waliif galchuu keessatti hirmaannaa olaanaa akka taasisaniifi ammas akka itti jiran dubbatan.
Mootummaan Itoophiyaa himannaa Pirezidantiin US irra deddeebiin Hidha Abbayyaa Ameerikaatu maallaqaan tumse jedhan ''doggoraa'' jechuun deebii kenneera.
Erga Tiraamp dhimma Hidha Haaromsaa akeekuun dubbatanii booda Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ambaasaaddara US Finfinnee jiru waliin mari'ateera.
Waajjirri Qindeessa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, deeggarsi maallaqaa biyyi biraa Ijaarsa hidhichaaf laate kan hinjirre ta'uu himeera.
Ibsicha miidiyaaleef kan dhiyeessan Hoji Gaggeessituu Itti Aantuun Waajjirichaa Aadde Fiqirtee Taamir, "Piroojeektichi gama faayinaansiin mootummaa fi ummataan dhibbeentaa 100 humna ofiitiin, jechuunis gargaarsas ta'e liqaa biyya alaa malee ijaarame" jedhan.
Muddama Tigraay fi yaaddoo waraanaa
Bara Itoophiyaa 2017 keessa dhibdeen naannoo Tigraay daran hammaate. Mootummaa federaalaa waliin qofa osoo hin taane TPLF gidduuttis muddamni hammaateera.
Waggaa lamaaf Pirezidantii Bulchiinsa Yeroofii kan turan Obbo Geetaachoo Raddaa TPLF kora falmisiisaa gaggeessuu hordofee baayyee qoraman.
Hagayya keessa korri TPLF eeyyama boordii filannoo hin qabne erga gaggeeffamee booda Obbo Geetaachoon naannichatti beekamtii waajjirasaaniin ala walgahiin akka hin gaggeeffamne akeekkachisanii turan.
Waldhibdeen aanga'oota TPLF kun ittuma fufe, wal himannaanis daran hammaate.
Fulbaana darbe TPLF qooddachuun kan bulchuu eegalan Dabratsiyoon Gabramikaa'el TPLF aanga'oota Ertiraa waliin dubbachaa akka ture dubbatan.
Ji'uma kana keessa gareen TPLF Dabratsiyooniin durfamu Obbo Geetachoofi hoggantoota 16 paarticharraa dhorkuun muddama daran hammeesse.
Kana hordofuun ji'a Onkoloolessaa keessa bulchiinsi Obbo Geetaachoo Raddaa garee Dabrastiyoon irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksise.
Sana booda garuu Obbo Getaachoo Reddaa dhibdee TPLF furuuf marii taa'uu akka danda'an himanii turan.
Muddee keessa ammoo gareen TPLF, Dabretsiyooniin durfamu garee Obbo Geetaachoo 'gantummaan'' himate.
Ji'uma sana keessa TPLF yeroo gabaabaa keessatti kora waliigalaa taa'uu akka qabu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa akeekkachiise.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Amajjii keessa ammoo waajirri Obbo Getaachoo Raddaa ''hoggantoonni waraanaa Tigraay fonqolcha mootummaa labsaniiru'' jechuun himateera.
Hoggantoonni waraanaa humnoota Tigraay bulchiinsi yeroo ''laafeera'' jechuudhaan kan biraatiin akka bakka buufamu murteessuu ibsanii turan.
Amajjii gara dhumaa keessa miseensi paartii TPLF tokko hidhattoota shaniin deeggaramuun buufata FM to'achuudhaaf yaalii taasisuu BBC'n hojjettootaafi poolisiirraa mirkaneeffate.
Kunis muddama hammeesse.
Bitootessa keessa Pirezidantiin Bulchiinsa yeroo Ce'umsaa Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa ajajoota Humna Ittisaa Tiraay (TDF) sadii hojiirraa dhorkan.
Kanaan booda osoo baayyee hin turin Obbo Geetaachoon mootummaan federaalaa haala naannoo Tigraay jidduu akka seenuuf gaafatan.
Gareen TPLF Dabratsiyooniin durfamu ammoo waamichi Obbo Geetachoo Raddaa mootummaan federaalaa gidduu akka seenuuf dhiheessan waliigaltee Piritooriyaa balaadhaaf saaxila jechuun himate.
Kanatti aansuun mootummaan Itoophiyaa gareen TPLF tokko humnoota alaa waliin hidhata qaba jechuun himate.
Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiiyoos kana kan jedhan Magaala Finfinnee keessatti wayita pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa waliin haala naannicha keessa jiru ilaalchisuun dippilomaatootaaf ibsa kennanittidha.
Kun ta'ee osoo hin turan Ertiraan waldhabdee keessoo Bulchiinsa Yeroo Ce'umsaaTigraay fi TPLF gidduu deemaa jiru keessaa gahee tokkollee akka hin qabneefi himannaa kanaan wal qabatee irratti dhiyaatu ifatti akka mormu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii ibse.
TPLF kan Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu, mootummaan federaalaa dhimma bulchiinsa yeroo irratti kophaa murtee dabarsuun waliigaltee Piriitooriyaa faallessaa jira jechuun komii dhiheesse.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad pirezidantii Bulchiinsa Yeroo muudaniif ummanni Tigraay kaadhimamaa akka eeru gaafachuu hordofeeti TPLF ibsa kana kan baase.
Obbo Geetaachoo Raddaa erga aangoo pirezidantummaa bulchiinsa yeroo Tigraay irraa ka'uun ibsamee booda bakkasaanii Jeneraal Taaddasaa Warradee muudaman.
Obbo Getaachoo Raddaa Ebla darbe sadarkaa Ministiraatti gorsaa dhimmoota Baha Afrikaa ta'uun muudamaniiru.
Amma dura giti hojii yookiin aangoon kun jiraachuun hin beekamu.
Waltajjii siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 50f olaantummaan kan beekamu TPLF boordii filannootiin haqameera.
Naannoo Tigraayitti bara darbe kana hidhattoonni haaraan uumamaniiru. Isaanis of qindeessuun haleellaa gaggeessaa turan.
Humnootii Tigraayiifi milishoota TPLF mormuun qabsoo hidhannoo eegaluun 'Lafa Bilisaa' (Free Land) ofiin jedhan jidduutti walitti bu'iinsa Aanaalee Tigraay garaagaraatti mudataa tureera.
Erga Jeneraal Taaddasaa Warradee pirezidantii bulchiinsa yeroofii Naannoo Tigraay ta'aniis muddamni Tigraay itti fufeera.
Kibba naannochaatti jijjiirama hooggansaa taasifame irratti rakkoo hamaatu ture.
Jalqaba ji'a Hagayyaatti ammoo hidhattoonni TPLFn falman humnoota Tigiraay irratti haleellaa raawwachuun dhagahame.
Mormii ogeeyyii fayyaa fi mindaa hojjettootaa
Ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa Caamsaa 2025 kutaalee tajaajila murtaa'aniin alatti mormii hojii lagannaa gaggeessaniiru.
Mormii hojii lagannaa ogeeyyii fayyaa kana hordofees, hospitaaloonnii fi buufataaleen fayyaa hojjattoonnisaanii hojiirratti kan hin argamne yoo ta'e ''tarkaanfii bulchiinsaa barbaachisaa'' akka fudhatan akeekkachiisaniiru.
Mormichii eegalee guyyoota lamaan booda ministeerri fayyaa ibsa baaseen ''tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta'e'' akka fudhatu akeekkachiiseera.
Caamsaa 23 Poolisiin Federaalaa ogeessota fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorachuu eegaluu ibse.
Bara darbe kana keessa barsiisota, bakka bu'oota paartilee siyaasaa, akkasumas hawaasa daldalaa waliin kan mari'atan Ministirri Mummee Abiy Ahimad, ogeeyyii fayyaa waliinis mari'ataniiru.
Maricharrattis gaafilee ogeeyyiin fayyaa kanaan dura kaasaa turan dabalatee gaafileen damee fayyaan walqabatan hirmaattota biraa ka'aniiru.
"Mindaan ogeessa fayyaaf kaffalamaa jiru haala waqtaawaa ilaalcha keessa kan hin galchinedha" kan jedhan hirmaattonni marichaa, mindaan ogeeyyii fayyaaf kaffalamu waggoota barnootarratti dabarsanfi haala hojii 'dhiphisaa' jedhaniin kan wal hin simne ta'uu kaasan.
Gaafii ogeeyyiin fayyaa kaasan iddoo saditti qooduun akka ilaalan kan himan Ministirri Mummee Abiy Ahimad, "inni tokkoffaan ogeeyyiin fayyaalessa ta'an qajeelummaan dadhabanii, rakkoon manasaanii waan seeneef gaafii 'maaliif hin ilaalamnu?' jedhanii kaasanidha" jedhan.
"Inni lammaffaa kan namoonni kasaaraan siyaasaa isaan mudate, tajaajilli maal akka ta'e kan hin beekne fi ijaarsi biyyaa maal akka ta'e kan hin beekne butanidha" jedhan.
Inni sadaffaan ammoo "namoota siyaasaa ogeeyyii fayyaa fakkatani" kan jedhan Ministirri Mummee Abiy, "dhaabbata fayyaarraa heeyyama waggaa fudhatanii, maqaa Feesbuukii geeddaranii dhimma kana kan kakaasan ni beekna" jedhan.
Hagayya keessa mootummaan federaalaa Itoophiyaa waggaa tokko booda irra deebiin mindaa hojjettootaa fooyyeessuu ibseera.
Haala kanaan mindaan hojjettoota mootummaa digirii jalqabaa qabanii kan duraan birrii 6,900 ture gara birrii 11,500tti guddateera.
Fooyya'iinsa amma taasifame kanaan mindaa hojjetaa mootummaa isa xiqqaa ta'erratti birriin 1,240 kan dabalame yoo ta'u, isa olaannaarratti ammoo birrii 17,508tu dabalame.
Daballiin mindaa Komishiniin Siivil Sarvasii Hagayya 18, 2025 isbe kun Fulbaana 2018 irraa hojiirra oola.
Yaaddoo Maaree Jaldeessaa
Hagayya keessa Dhaabbati Fayyaa Addunyaa Maaree Jaldeessaa (Mpox) yaaddoo fayyaa addunyaa ta'uu erga labsee booda ji'uma sana gara dhumaatti Itoophiyaa Naannoo Somaaleetti namni Maaree Jaldeessaan qabamuu shakkame adda baafame.
Itti aansuun kibba naannoo Oromiyaa magaala Moyyaaleetti daa'imti dhalattuun tokko dhibee Maaree Jaldeessaa (Mpox)n qabamun Ministeerri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa beeksise.
Boodarra daa'imattiin dhibee kanaan du'uu kan ibse jaarmiyaan fayyaa Itoophiyaa kun, eenyummaa daa'ima kanaas adda ba'eera.
Namoota dhukkuba kanaan qabamusaanii mirkannaa'e keessaa kan lubbuunsaa darbe daa'ima dhalattuu guuyyaa 21 ta'uu Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Magaalaa Mooyyalee Obbo Huqqaa Dooyyoo BBCtti himan.
Caamsaa 16 Itoophiyaatti kan argame vaayirasiin kun, torbanoota lama gidduutti namoota 18 irratti argamuu jaarmiyaaleen kunneen ibsan.
Vaayirasii maaree jaldeessaa (mpox) Itoophiyaatti argame kun ''balaafamaa fi lubbuu hedduu galaafachuun kan beekamu,'' akkasumas ''saffisaan kan tamsa'u'' ta'uu Ministeerri Fayyaa fi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa ibsaniiru.
Waliigaltee mootummaa fi Qondaala WBO Sanyii Nagaasaa
Fulbaana keessa Ajajaan WBO Zoonii Giddugalaa duraaniifi miseensa koree hojiraawwachiiftuu waraanichaa kan ta'an Sanyii Nagaasaa ''ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'' jechuun qaama kana waliin qabsoo gaggeessuu akka dhaaban beeksisan.
Kana hordofee Onkoloolessa 2024 ammoo Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalliis Abdiisaa qaama WBO kan Zoonii Giddugaleessaa waliin marii nagaa gochuuf qophii ta'uu ibsan.
Muddee keessa Mootummaan Naannoo Oromiyaa "Qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin waliigalteen araaraa mallatteessine" jedhe.
Waranni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) ibsa mudde 1, 2024 baaseen mootummaan walii galtee nama dhuunfaa sababa naamusaan aangoo isaanirraa gaggeefame waliin taasise akka waligaltee WBO waliin taasisetti dhiyeessu hin qabu jechuun qeeqe.
Guraandhala darbe ammoo hoggantooni duraanii Waraanaa Bilisummaa Oromoo (WBO) dhiyeenya mootummaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessuun galan caasaa mootummaa adda addaa keessatti muudamaniiru.
Ajajaan duraanii WBO Zoonii Gidduugaleessaa Sanyii Nagaasaa jedhamuun beekaman, amma Sadarkaa Hogganaa Biirootti gorsaa Nageenya Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa tahuun muudaman.
Maqaa Shurrubbee jedhamuun kan waamamaa ture Toleeraa Raggaasaa ammoo Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa tahuun muudameera.
Hoggantoonni ABO hiikamuu fi waajjira banachuu
Qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo torba waggoota afuriif mana hidhaa turan wabiidhaan gadhiifaman.
Qondaaltonni kunis Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa'el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Dr Gadaa Oljirraa, Gadaa Gabbisaafi Daawwit Abdataa jedhamu.
Waxabajjii darbe gara dhumaa keessa ammoo waajjirri Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Gullalleetti deebi'ee baname.
Bara 2018tti mootummaa MM Abiy Ahimad waliin waliigaluudhaan karaa nagaatiin qabsa'uuf gara biyyatti kan deebi'e ABOn, yeroos turtii ganna 27tiin booda waajjirasaa muummee Gullallee jirutti deebi'ee ture.
Sochii filannoodhaaf taasisaa turaniin danqaa hoggansaa fi miseensaarra gahaa tureen boodarra gara waajiroota cufuu fi hoggantoota dhaabichaa hidhuutti akka deemame kan kaasan dureen dhaabichaa Obbo Daawud Ibsaa, boodarra ammoo dhibdeen hoggansa dhaabichaa gidduutti uumames rakkoo biraa akka uume kaaasan.
Obbo Daawud haasaa wayita waajjirri isaanii Gullallee jiru Waxabajjii 22, 2025 banamu taasisaniin ''Waajjiirri isaanis "kana booda bakka beekaan Oromoo itti wal arguun mari'atudha," jedhan.
Kirkira lafaa
Bara xumurame kana keessa balaan kirkira lafaa Itoophiyaatti haala kanaan dura hin baramneen mudateera, keessattuu kutaa baha biyyattiirraa kan dhagahamaa ture yaaddoo guddaa uumeera.
Fulbaana 26, 2017 magaalaa Finfinneefi godinaalee naannoo Oromiyaa garagaraa keessatti kirkirri lafaa uumame rifaatuu fi yaaddoo uumee akka ture himu jiraattoonni.
Sababa kirkira lafaa Naannoo Affaar keessatti bishaan danfaan baayyinaan burqaa tureera.
Dhohiinsi gaara Fantaalleetti sababa kanaan mudate ammoo jiraattota godaansiseera.
Kirkirri lafaa guyyoota muraasa keessatti Aanaa Fantaalleefi Magaalaa Mataahaaraatti irra deddeebiin uumamaa ture sadarkaa yaaddessaarra gahuu jiraattonni naannichaa himaniiru.
Kirkirri lafaa kun hammaataa deemuun Affaaritti abiddi lafa jalaa ol burqeera.
Sababa balaa kirkira lafaa baha biyyattii raase kanaan naannoo Affaarii fi baha Oromiyaarraa namoonni kumaatamaan lakkaa'aman buqqa'aniiru. Hedduun ammallee rakkoo keessa jiru.












