Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan hariiroo Kooriyaa Kaabaa waliin qabdu cimsuuf waadaa seente
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin hariiroo garlamee gama hundaan Kooriyaa Kaabaa waliin qaban akka cimsan dubbatan.
Xalayaa hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong uniif ergameerratti hariiroo biyyoota lameenii cimsuun fedhii biyyoota lamaaniiti jedhan Pirezidant Puutin.
Aab Kiim akka jedhanitti immoo, hariiroon biyyoota lamaanii toora kan qabate bara waraana addunyaa lammaffaa injifannoo Jaappaanirratti argameerratti ture.
Itti dabaluun hariiroon ''michummaa'' biyyoota lamaanii caalaatti cima jedhan.
Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaaabaatti hidhata qabu KCNA’n akka gabaasetti, Aab Puutin hariiroon biyyoota lamaanii kan bal’atu waliigaltee biyyoota lamaanii irratti hundaa’uunii jedhan.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim xalayaa barreessan keessatti ''hariiroon biyyoota lamaanii jaarraa jaarraadhaan guddataa adeeme,'' jedhan.
Kiim itti dabaluun akkas jedhan; ''hariiroon tarsiimoo, waltumsii fi wal bira dhaabbannaan biyyoota lamaanii humnoota diinaa mufachiisuurratti sadarkaa olaanaarra qaqqabeera,'' jedhan.
Piyoongiyaang humnoonni diina jettuun kam fa’aa akka ta’an maqaan adda baaftee hin eerre.
Haa ta’u malee, yeroo baay'ee Kooriyaan Kaabaa jecha kana Ameerikaa fi michuuwwan ishee akeekuuf itti gargaaramaa turte.
Gamtaan Sooviyeet Yuuniyeen michuu Kooriyaa Kaabaa jabduu turte.
Yeroo sanatti biyyoonni lamaan tumsa karaa dinagdee, aadaa fi gargaarsaa qabu ture.
Taatullee hariiroon biyyoota lamaanii Sooviyeet Yuniyeeniin diigamuu hordofee hanga tokko laafee ture.
Kooriyaan Kaabaa biyyoota muraasa kutaalee bulchiinsa Baha Yuukireenitti Raashiyaan fottoqsiteef beekamtii kennan keessaa tokkodha.
Tarkaanfii Kooriyaa Kaabaa kana horodofuun Yuukireen hariiroo dippiloomaasii biyyattii waliin qabdu addaan kutteetti.