Kiim Joong biyyisaanii meeshaa niwukilaraa fayyadamuuf qophii ta’uu himan

Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraanaa niwukularaa gabbisaa turte tajaajila irra oolchuuf qophii ta’u hogganaan biyyattii Kiim Joongi -un dubbatan. Kiim Jung-Un guyyaa yaadannoo Kooriyaawwan lamaanii irratti, biyyisaanii ‘‘haleellaa Ameerikaa irraa isheerra qaqabuu danda’uuf gutummaatti qophiidha’’ jchuun dubbachu miidiyaan motummaa KCNA’n gabaase.

Haasaan hogganaa Kooriyaa Kaabaa kunis kan dhagahame, yeroo biyyattiin yeroo torbafaadhaaf yaalii niwukularaa gaggeessuu dandeessi jedhameettidha. Ameerikaan baatii tokkoon dura Kooriyaan Kaabaa yaalii niwukularaa raawwachu dandeessi jechuun akeekkachiisuun ni yaadatama.

Kooriyaan Kaabaa yeroo dhumaatiif yaalii misaa'elaa kan gaggeessite bara 2017tti ture. Haata’u malee yeroo dhihoo as biyyoota Kooriyaa lamaan jidduutti odoola Kooriyaa irratti jidduusaaniitti mudamni cimee mul’ataa ture.

Kooriyaa Kaabaatti Bakka Bu’aa Addaa Ameerikaa kan ta’an Suung Kiim, Koriyaan Kaabaa bara 2022 kana keessa yaaliiwwan miisaa’eelaa kan eegamuun ol raawwachu ishee dubbatan.

Kooriyaan Kaabaa bara 2019tti yaaliiwwan 25 ol raawwattee kan turte yoo ta’u, baatiiwwan darban torba keessa ammoo yaaliiwwan miisaa’eelii 31 raawwate jirti jedhameera.

Kooriyaan Kibbaa yaaliiwwan misaa’eelaa Kooriyaa Kaabaa dabalaa dhufeef deebii kennuuf jecha, baatii Waxabajjii darbe keessa miisaa’eeloota 8 furgugsite turte.

Waraanni Kooriyaa bara 1950-53tti ture waliigalteedhaan xumuramulleen, Kooriyaan Kaabaa Ameerikaa irratti injifannoo gonfachuu ibsiti.

Guyyaan ‘‘injifannoo kunis’’ Kooriyaa Kaabaatiin waggaa waggaan agarsiisawwan loltummaa, muuziqaa fi shubbisaan dabaaluun kabajama.

Guyyaa yaadannoo sana irratti haasaa kan taasisan hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Un, biyyi saanii haleellaa niwukulaaraa Ameerikaa irraa itti aggaamame jiru qolachuufi gochaa ‘‘seena qabeessa hatattamaa’’ raawwachu qabdi turte jedhan.

Kiim itti dabaluun Ameerikaan shakkallii loltummaa biyya isaanii akka dubbii barbaachaatti lakkaa’uun dogongora jedhan.

Akkasumas Kooriyaan Kibbaa Piiyoongyaangi irratti haleellaa yoo raawwattee bulchiinsi pirezidaantii Yoon Suuko Ye’ol fi waraanii ni barbadaa’aa jedhan.

Yaandi Kiim bulchiinsa pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa ilaalchiisuun dubbatan kunis hangam hogganaa Kooriyaa Kibbaa haaraatti gammadoo akka hin taane mul’isa jedhameera.

Xinxaltoonnis mudamni biyyoonin Kooriyaa lamaan keessa galan kunis biyyoonni qaxanichatti argaman dorgommii meeshaa waraanaa gabbiisuu keessa akka galaniif kan kakaasuudha jedhu.