Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela saffisaa, fageenya dheeraa imalu yeroo sadaffaaf dhukaasuu himte
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela saffisaa fi fageenya dheeraa imalu-hypersonic-osoo bulchaan biyyattii ilaalanii furguggisuu himte. Biyyattiin bakka bulchaanshee argametti wayita misaa'ela dhukaastu torbee keessatti yeroo lammaffaafi.
Hoogganaan kun sirna misaa'elii dhukaasaa kanarratti argamuun, biyyattiin teeknooloojii gama kanaan milkaa'aa jiraachuushee kan agarsiisuudha jedhu xiinxaltoonni.
Akka miidiyaan biyyattii gabaasetti misaa'elli kun Kibxata kaleessaa erga furguggifamee booda galaana keessatti fageenya kiilomeetira 1,000 irra ga'ee of duuba deebi'e.
Biyyattiin kanarratti yeroo kamuu caalaa milkaa'uu himteetti.
Kooriyaan Kaabaa torban tokko osoo hin guutin misaa'ela saffisa guddaa qabuu fi fageenya dheeraa furguggifamu-hypersonic- yeroo lammataaf dhukaasuu isheeti.
Biyyattiin kana kan raawwatte wayita US dabalatee biyyoonni ja'a, misaa'ela torbee darbe isheen dhukaaste balaaleffachuun ibsa waloo baasanii boodadha.
Biyyoonni kunneen Kooriyaan Kaabaa naannawa sana ''nagaa dhowwuu'' irraa akka of qusattu akeekkachiisan.
Tibbana biyyattiin misaa'ela haala milkaa'aan furguggisaa jiraachuun, karoora bulchaan biyyattii bara haaraatti humna waraanaasaanii jabeessuuf qabataniif bu'uura ta'aa kan jiruudha.
Misaa'elli kaleessa biyyattiin dhukaaste kan torbee darbe gaafa Amajjii 5 isheen dhukaaste caalaa milkaa'inaan maniisaa akka rukute qondaaltonni himan.
Kooriyaan Kaabaa yeroo jalqaba misaa'ela hypersonic furguggisuu kan yaalte Fulbaana bara 2021 ture.
Misaa'elli hypersonic maaliif yaaddoo uuma?
Misaa'eloonni hypersonic jedhaman sababoota hedduuf balaafamoodha jedhamu.
Misaa'ela gosa ballistic caalaa akkaan saffisa, karaatti ugguranii haleeluun hin danda'amu.
Lafatti gadi dhiyaatee saffisaan kan imalu misaa'elli hypersonic, sa'atii tokkotti hanga kiilomeetira 6,200 imala.
Kun hunduu akkanni salphaatti hin rukutamneef gargaara.
Kooriyaan Kaabaa biyyoota muraasa misaa'eloota gosa hypersonic qaban muraasa-US fi Chaayinaa keessaa tokko taateetti.