Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela haaraa hordofanii to'achuun hin danda'ame dhukaasuu amante
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela balaastikii bishaan keessaa haaraa haala milkaa'aan ta'een dhukaasuushee mirkaneessite.
Miidiyaan mootummaa biyyattii KCNA akka jedhetti, misaa'elli haaraa biyyattiin yaale jettu kun, "tekinooloojiiwwan cimaa qajeelfama to'annoo qabu" kan duukaa bu'anii hordofuuf rakkisaa isa taasisu qaba.
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela haaraa saffisi isaa baayyee cimaa ta'eefi fagootti dhukaafamuu danda'an torbanoota dhiyoo keessatti milkaa'inaa yaaluu himaa jirti.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) garuu misaa'ela baalastikii, akkasumas meeshaawwan nukilaraa yaaluu ni dhorka.
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela baalistikii bishaan keessaa gara qarqara Galaana Jaappaanitti dhukaasuu ishii waraanni Kooriyaa Kibbaa jalqaba torban kanaa himee ture.
Kooriyaan Kaabaa misaa'ela kana kan dhukaaste erga torban muraasa dura Kooriyaan Kibbaa meeshaa kana qaba jettee boodadha.
Piyoongiyaang baatii Amajjii darbe meeshaa waraanaa kana kan beeksifte yoo ta'u ''meeshaa waraanaa jabaa addunyaati'' jechuun ibsiteetti.
Kuni kan ta'e yeroo ajajoonni basaasaa Kooriyaa Kibbaa, Jaappaaniifi Ameerikaa Se'ulitti wal arganii dhimma Kooriyaa Kaabaa mari'achuf jechuun isaanii yeroo gabaafamettidha.
Torban dhihoo kana Piyoongiyaang irra deddeebbiin misaa'ela dhukaasteetti. Kunis, misaa'ela saffisa guddaa qabu, fageenya dheeraa adeemuufi farra -xiyyaaraa ta'e yaalaa akka jirtu himti.
Qondaalli waraanaa olaanaa Kooriyaa Kibbaa misaa'elli tokko gaafa Kibxataa buufata Sinpo jedhamurraa dhuka'e Galaana Bahaa yookiin Galaana Jaappaan jedhamu keessa bu'uu himan.
Ministirri Muummee Jaappaan Fumiwoo Kishidaa misaa'elonni baalestikii lama dhukaafamuu himan. Kunis ''baay'ee gaddisiisaadha,'' jechuun ibsan.
Dorgommii meeshaa waraanaa
Kooriyaan Kaabaa kan misaa'ela dhukaaste yeroo Kooriyaan Kibbaa meeshaa waraanaa ishii hojjettettidha.
Kanneen dhimmicha itti dhiheenyaan hordofan biyyoonni Kooriyaa dorgommii meeshaa waraanaatti ce'aniiru jedhu.
See'ul torban kana keessa agarsiisa meeshaa waraanaa yeroo jalqabaaf taasistuun jeettii waraanaa haaraafi misaa'elota ifa gooti jedhamee eegama.
Rookeetii hawaa ofiis ni beeksisti jedhameera. Biyyoonni lamaan kana dura waraana keessa turan.
Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa irratti qoqqobbii keesse laaffisuu dura biyyattiin meeshaalee niwkilaraa akka ofirraa dhiistu gaafatti. Kooriyaan Kaabaa immoo kana hin fudhattu.