Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoota sababii ogummaa harkaa isaanitiin Itoophiyaatti 'budaadha' jedhamuun dararaman
Akeekkachiisa: Qabiyyeen barreeffama kanaa waan isin jeequu danda'u qabaachuu mala.
Maqaan isaa Ag'aazi* jedhama. Abbaa ijoollee saddeetiiti. Yeroo ammaa garuu qe’ee isaarraa baqateera. Ijoolleen isaas barumsa adda kutaniiru. Waraana yookiin rakkoo biraatu qe’eerraa isa buqqise miti.
Kanneen ''budaa’’ jedhanii isaafi maatii isaa waaman jalaa baqachuuf akka qe’eetii baqatee mana namaa jiraataa jiru BBC’tti hime.
Nama kana dabalatee namoonni meeshaalee qonnaa kanneen akka maarashaa tuman, meeshaalee faayaa warqiifi kaan shamarran ittiin miidhagan tolchaniifi meeshaalee amantaa kaan qopheessan ‘budaadha’ jedhamanii akka dararaman dubbata.
Inumaa guyyaa tokko dargaggoonni afur ''ati budaadha’’ jedhanii reebuun isa saamanii ''du’eera jedhanii’’ akka isa dhiisanii deeman hima.
''Waanan sibiila tumnuuf ogeessadha, budaadha jedhamnee anaafi ijoolleen kiyya namaa gadi taane. Amma manni kiyya diigameera. Lafakoo dhiisee beelaafi qorraan waxalamaan jiraadha.’’
Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti eega waraanni dhaabatee gaa’illi umurii malee, reebichi ‘afuura hamaa baasuuf’ jedhameefi ‘budaan nama nyaate’ oduuwwan jedhan baay’inaan dhagahamu.
Nageenya isaaf jecha maqaa isaa kan jijjiirre Ag’aaziin* ALI bara 2011 eegalee Aanaa Indartaa keessatti ''budaadha’’ himata jedhun isaafi maatii isaarratti dararaan guddaa gahuu BBC’tti hime.
Guyyaa tokkoo miidhaan lubbuu isaaf sodaachise akkaataa isa quunname akkanaan hima.
''Dargaggoonni afur ‘haadhaafi obboleettiikoo nyaatteetta’ jechuun na reebanii du’eera,’’ jedhanii na dhiisanii deeman jedha.
Yeroos uffata isaa dabalatee mobaayiliifi birrii 15,000 kiisa isaa keessa ture fudhatanii deemuus dubbata.
''Sababa kanaan haala suukaneessaan kan ajjeefaman, namoonni reeffi isaanii hin argamne jiru. Osoo Waaqayyoon qixa nu uumee jiru, Qeesiin illee haadha warraakoo ’nyaatte, hojiikee kana dhaabi’ jechuun ofirraa na fageesse.
''Sababa kanaan Bataskaana jaaladhurraa qollifameera,’’ jechuun gaddi cimaan akka itti dhagahame ibsa. Ijoolleen isaas sababa kanaan miidhamaniiru.
''Kanneen sibiila tuman hawaasni ‘budaadha’ waan jedhuuf kanneen waliin baratan isaan waliin taa’uu didu,’’ jedha.
'Budaa jedhanii daa'imman haroo keessa buusan'
Waldaan Ogeeyyii Hojii Harkaa Tigraay miseensota isaarratti haleellaan raawwatu dabalaa adeemaa akka jiru ibsa. Kunis, maqa balleessii, doorsisuu, qe’eedhaa buqqaasuu hanga ajjeechaa ni gaha jedha.
Kunis waggoota afran dabran dabaluufi addattimmoo Aanaa Hinxaaloo jedhamu keessa hammaachuu waldichi qorannoo gaggeesse jedhen bira gahuu ibse.
''Eelee, qottoo, distii, warqiifi kaan waan hojjeteef ‘beekaadha, gara bineensaatti geeddaramu, budaadha,’ jedhanii ajjeefamaa jiru. Lubummaafi jireenya hawaasummaa keessaas qollifamaa jiru,’’ jedha ogeessi seeraa Bariheen.
Yeroo BBCn Naayiroobiidhaa bilbillee dubbisuutti, Aanaa Hinxaalootti dhimma namoota ‘budaadha’ jedhamanii dararaman gara mana murtiitti geessaa ture.
''Mootummaan xiyyeeffannoo osoo hin kenniin waan callifameef namni du’aa jira. Komii yeroo dhiheessitus ‘callisaa’ jedhamee haqni osoo hin argamiin tureera,’’ jedha.
Ogeeyyiin waan hawaasni jiruu guyyuuf itti fayyadamu hojjetan dararaa irra gahuun ogummaa isaanii akka jijjiiran, kaan immoo eenyummaa isaanii dhoksanii akka jiraata hima.
Miidhaan irra gahu kuni korniyaafi umrii adda hin baasu.
''Fakkeenyaaf Inticcoo keessa dubartiin akka malee reebamte mana yaalaa seenteetti. Aanaa Hinxaaloo keessatti daa’imman budaadha jedhamanii haroo keessa galchanii ajjeesaniiru.
''Hawaasni kan kana godhu ‘obboleessaafi obboleettii nyaattee ajjeefte’ jedhaniiti,’’ jedha.
Sababa namoonni namoota ogummaa akkanaa qabaniirratti xiyyeeffataniif ''hojjetanii waan jiraataniif goomataniiti’’ jedhu Obbo Bariheen.
'Budaan' garuu maali?
Barteedhaan hawaasa keessatti nama tokko xiyyeeffatanii ilaaluun ‘afuura keessoo namaa’ arguun danda’ama jedhanii kan amanan jiru. Kanaaf, ''ijakee narraa buqqaasi,’’ kan jedhan jiru.
Ogeeyyiin xiinsammuu garuu jeequmsa miiraati jedhu. Namni tokko natti goomata yaaddoo jedhu, sodaafi dhippuun kan uumanidha jedhu.
Namni tokko tasa rakkoo keessa gaafa seenu namoota ‘natti goomatu’ jedhutti quba qaba. Sababa kanatti namoota ‘budaa’ jedhee waamurratti haleellaa raawwata jedhu.
Hayyuuleen fokilooriifi antiroppolojii ‘budaan’ qaama bartee hawaasummaa keessaa tokko jedhu.
Yunivarsitii Finfinnee Muummee Afaan Amaaraa, Og-Barruufi Fokilooriirraa kan dubbisne Obbo Muluqan Nigaatuu dhimma ‘budaa’ fi kanaan walqabatee seenessa hawaasa Gondar keessa jiru ALI bara 2006 qorataniiru.
Akka qorannoo isaaniitti, ilaalchi akkanaa hawaasa Itoophiyaa garagaraa keessa jira.
Namni ‘budaadha’ jedhamee shakkamu gaafa namas ta’e horii ilaalu dhukkuba akkasumas rakkoo namatti fida jedhanii kan amanan xiqqaa miti.
Darbees, nama ‘nyaatan’ fudhatanii ‘gargaartuu’ ofii godhatu jedhamee hawaasa keessa amanama jedhu. Kanattis, hawaasi ‘budaan na nyaate/nyaatte’ jedhanii waamu jechuun BBC’tti himan.
Hawaasa Itoophiyaafi Ertiraa keessatti, ‘budaa ta’un maatiirraa maatiitti sanyiin darba’ amantaan jedhu jira jedhan.
Sababa kanaaf hawaasi wantoota ‘budaarraa nama ittisa yookiin fayyisa’ jedhee amanu akka fayyadamu ibsu.
Kunneenis, kanneen akka biqiloota garagaraa, hidda isaanii, qullubbii adii, xeenaa addaamiifi gogaa waraabessaa ulata, balbala duras fannifata.
Kanarraa kan ka’e kanneen balaaf saaxilaman keessaa tokko hawaasa Yihuudii (Beta -Israa’elii) naannawa Gondar jiraatanidha.
Hawaasi ‘Kayilaa’ jedhamanii hawaasichaan qollifaman kuni ‘guyyaa nama, barii waraabessa waliin’ ta’u jedhanii maqaa isaanii waan balleessuuf siqiqiin akka jiraatan nami qorannoo gaggeessan kuni himu.
Sababa kanaafi kaanirraa kan ka’e hawaasi kuni hawaasa keessaa fo’amanii gaararra jiraatu turan.
Sababa ogummaa supheen of jiraachisaniif biyyoo diimaa qotuuf halkan akka sosso’an qorannoowwan garagaraa akeeku.
Kanas kan godhan guyyaa ‘nama nyaatu’ jedhamanii waan waamamaniif himannaa kana dhokachuuf jecha barii hojjechuuf akka dirqaman himu.
Yaadotni ''namni gara waraabessaa jijjiirama’’ jedhan sobaafi waan ragaan hin qabne akka ta’e Muluqan ni amana.
Adimaasuu Abbabaa (PhD) immoo hayyuu antiroppolojiidha. Aadaa, hawaasummaa, amantiifi ogummaan wal qabatee walitti hidhamiinsa qabaatus ''namni nama nyaata’’ yaadni jedhu saayinsii bira fudhatama hin qabu jedhu.
''Osoollee namni tokko dhibee biraan du’e bakkee namoonni ‘budaa’ jedhamaniin yoo darbee jiraate ‘budaatu nyaate’ jedhama. Nama dhukkubsate kana rukutaa udaan hindaaqqoofi gommaa ulchisanii akka of wallaalu godhu.
''Namichi ulamu sunis dhiphina keessa nama budaadha jedhame waan waamuf maqaan nama waamme ofii isaa miidhama,’’ jedhamee amanama jechuun ilaalchi akkanaa akka sirratu hubachiisu.
Waldaan Ogeeyyii Harkaa Tigraay haleellaa raawwataa jiruf hordoftoota Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa himatu.
Bakkeewwan tsabalaa tokko tokkotti ''budaan abaluu jedhamu si nyaatera’’ jechaa ogeeyyii balaaf saaxilaa jiru jechuun himatu.
''Kanneen badii kana raawwatan keessaa 99% kan ta’an namoota ani Kiristaanadha jedhudha,’’ jedhu Obbo Bariheen.
Kanaaf deebii kan kennan Hojii Gaggeessaan Kutaa Lallaba Biyyaa Shiree Indaasillaasee kan ta’an Nibura Iid Tasfaay Tawalda maqa balleessiin ogeeyyii harkaarratti raawwatu fudhatama hin qabu jedhu.
Hawaasa keessatti ''nama nyaatu, nama ajjeesu’’ dubbiin jedhu bu’uura amantaa akka hin qabne ibsu.
''Dubbiiwwan jaarraa hedduuf hawaasa keessa turan ni jiru.
‘’Haa ta’u malee, yaada ‘guyyaa nama ta’anii halkan miila afur baasanii, rifeensa biqilchanii, waraabessa ta’anii deebi’animmoo nama ta’u’ jedhu deeggaru tokkollee Macaafa Qulqulluu keessa hin jiru.’’
Qollifannaa dagaage
Hawaasi Itoophiyaa bakkeewwan garagaraatti jiraatu kanneen warqii hojjetan, suphee tolchan akkasumas gogaa duuganiifi kaan addatti akka qollifaman hayyuun antiroppolojostii Dr Adimaasu himu.
Qollifannaan hawaasa kanneenirra gahu aadaan ala hawaasummaafi dinagdeenillee akka walqabatu himu. Hawaasi namoota akkanaa tumtuu, beekaa, budaa, fi kaanis jedhee waama.
Akkaataan jireenya isaaniis gara caalu bakkeewwan qonnaaf lafa mijataa hin taanedha jedhu. Kunis, qabeenya horachuurratti rakkoo itti uuma.
''Lafa waan hin qabneef hin qotan. Kanaaf, kan isaan jiraatan meeshaalee harkaa hojjetanii galii argataniini. Kanaaf gabaa, barumsaafi kaanin carraa akka hin arganne danqaa uuma,‘‘ jedhu.
Kana dura oomishi isaan oomishan meeshaalee ammayyaan waan bakka bu’aa jiraniif gabaa waan dhabaniif rakkoo dinagdeef saaxilamaniiru.
Dabaleemmoo hawaasa kaan waliin bultii ijaarrachuu rakkachuun isaanimmoo hariiroo hawaasa waliin qaban laaffisaa adeemuu hayyuun kuni himu.
''Yeroo reeffi isaanii kaan waliin hin owwaalamnellee ira. Qoodi uqqubi keessaa qaban xiqqaachuu,’’ isaas himu.
Dabalataan, ''qulqulluu miti. Nyaata amantaan dhorkame sooratu jedhun. Kanneen gogaa duugan uffata uffataniin isaan qollifatu,’’ jechuunis himu.
Inni ijoon biraan immoo waliin jireenyi isaanii kan walirraa fagaate waan ta’ef dhiibbaa irra gahu ofirraa faccisuuf akka isaan rakkisu dubbatu hayyuun kuni.
Maaltu fala?
Waggoota 15 darbaniif haleellaafi maqa balleessiin ogeeyyii harkaarra gahu jabaachuu waldaan ogeeyyii kanaa hima.
Mootummaan isaan tiksaa hin jiru, isaanimmoo qe’eerraa buqqa’aa jiru jechuun komatu Obbo Bariheen.
Dureen amantaa Nibra Iid Tasfaaye gama isaaniin barteen duubatti hafaadha jedhan kuni jiruu hawaasaarratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa jira jedhu.
''Amantii keenya laaffiseera. Dhiiga hedduu dhangalaaseera. Yeroo dhiigi dhangala’ummoo hariiroo hawaasummaa keenyaa laaffisaa akka diinaatti akka wal agarru nu godheera.
''Ogummaan akka hin cimnes nu taasiseera. Maarashaa adda ta’e, maacidii, waan midhaan itti dhahan kalaquu dandeenya ture,’’ jechuun himu.
Yeroo jijjiiramni siyaasaa jiraate qaamni eegumsa taasisu waan laafuf qaami hawaasaa dursee haleellaan irra gahu kanneen hawaasi ‘budaa’ jedhudha jedhu hayyuun antiroppolojii Dr Adimaasuun.
''Waggaa afur dura yeroo Itoophiyaa keessa jijjiiramni siyaasaa taasifame, Naannoo Kibbaa bakkee tokkotti ‘mootummaan saba bicuu tiksu kufeera, budaa lafarraa balleessina’ jedhee gareen ka’e jira.
''Yeroo jijjiiramni dhufu hawaasni xiyyeeffannoo isaa amantii yookiin siyaasarratti taasisa. Ani akkan yaadutti, hawaasi gajallaa jiru miidhamaniif seerri waan laafaa dhufeefi natti fakkaata,’’ jedhu.
Dabalataan, waraanni, beelliifi buqqaatiin dabalaa dhufuuniifi humni mootummaa laafaa yeroo deemu seera alummaan hawaasarra mudatu dabalaa deema.
Dureewwan amantaa Ortodoksii Tigraay loogii ogeeyyii harkaarratti gahu mormuun murtee dabarsuu Nibura Iiid Tasfaay himu.
''Gama amantaan yeroo ilaalamu sirrii waan hin taanef mootummaan humnoota nageenyaa akka deeggaru, barumsi wangeelaa bal’inaan akka kennamu, kanneen buqqa’an qe’eetti akka deebi’an, tajaajila bataskaanarraas akka hin dhorkamne,’’ xalayaan barraa’uu himan.
Hanga kuni ta’utti garuu Ag’aaazin* jiruufi hojii isaatii fagaatee, ijoolleen isaas barumsarraa fagaatanii jiru.
''Mucaa kiyya gara mana barumsaa erguu waanan qabuf ollaa keenya tokkoon mucaa kiyya jedhiiti galmeessi jedheenii galmeesseenii barumsa eegaleera.
''Ijoolleen kiyyammoo baratanii hoggantoota jijjiirama ilaalchaa fiduu danda’an akka ta’an nan fedha,’’ jechuun abdii isaa ibsa.
Namoota ‘budaadha’ jechuun Itoophiyaan alatti biyyoota Afrikaafi addunyaa garagaraa keessatti kan jiru akka ta’e ni beekama.
*Ag'aaziin nageenya nama dubbifneef jecha maqaa haaraa moggaasnedha.