Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Falfalli' seera yakkaa Itoophiyaan nama himachiisaa?
Baatii Waxabajjii bara 2023 Poolisiin magaalaa Mojoo namootni lama magaalaa Finfinneerraa dhufan 'handaaqqoo gurraacha qalanii osoo awwaalanii' to'achuu beeksisee ture.
Qajeelchi Poolisii magaalichaa ibsa baaseen ''gocha safuu hawaasaa cabsu raawwataa turan,'' jechuun ibse. Gocha kanaan namoonni lama to'atamuutu ibsame.
Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamee tureen namoonni kuni lukkuu qalan jedhame mormatti rarraafamee daandii magaalaa Mojoo keessa yeroo ummata dura akka deeman taasifamu mul'ata.
Erga shakkamtoonni to'annoo jala oolfamuun isaanii ibsamee waan irra jiran torban dura BBC'n iyyaafatee ture.
Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Mojootti I/Gaafatamaa Kominikeeshinii kan ta'an Gargaaraa Inispeektaraa Sillaasee Bazzaabbii ammallee buufata Poolisii akka jiran dubbatan.
''Shakkamtootni wanta faallaa duudhaa hawaasaa ta'e osoo raawwatanii argaman jedhee dabalataan ammoo maqaa amantaa xureessuu kan jedhuun Poolisiin mana murtii guyyaa qorannoo gaafatee qorachaa jira'' jedhan.
Gama kaanin Magaalaa Laga Xaafootti namni biraan 'hantuuta qalee osoo awwaaluuf jedhu' jedhame to'atamuun gabaafameera.
Gochi falfala yookiin tolcha/tosha jedhamuun jedhamuun beekamu Itoophiyaa keessas ta'e akka Ardii Afrikaatti gocha hawaasi durii eegalee raawwatudha.
Ammoo kan itti amananis ta'e itti hin amanne jiru. Namoonni gocha kana raawwatan, gara caalu, durii eegalee hawaasa biratti ija addaan ilaalamu.
Tibbana seeraa jala ooluufi ummata duratti akka mul'atan taasifamuu isaan namoonni yaada garagaraa ibsu.
Namootni mirga namni dhunfaa wanta itti amanu tokko gaggeessuuf qabu mulquudha jedhanii kan falmanis jiru.
Namoonni gocha kanaan shakkaman dhimma isaanii seera kamitu ilaala?
'Kuni mirga isaaniiti'
Namoota gocha namoonni falfala raawwatan jedhaman mirgi isaanii akka kabajamu gaafatu keessaa tokko nama siyaasa xiinxalu dargaggoo Iyaaspeed Taasfaayedha.
Iyyaaspeed ''heerri biyyaa keewwatni 27 mirga amantaa kan labsu, namni kamuu waan barbaadetti amanuuf, kan itti amane shaakaluu, barsiisuufi adda babayiitti labsuuf mirga qaba jedhu'' eeruun gochi akkasii mirga dhuunfaatii jechuun falma.
Iyyaaspeed gochoonni kunniin fudhatama kan dhaban akkuma heerri biyyaa jedhu ''nageenya biyyaafi ummataarra balaa kan geessisan yoo ta'e'' jedha.
Seera yakkaatiinis gochi falfalaa nama ykn qaama miidhe biraa tokko hanga hin qabaannetti yakka ta'uu hin danda'uu jechuun hima.
''Qe'ee namaa keessa galuun hojiin falfalaa hojjetamu durumaanuu hayyama malee waan namaatti bu'uun seeraan kan nama gaafachiisudhaa'' kan jedhu Iyyaaspeed, shaakalliiwwan barmaatilee aadaa fi amantaa fakkaatan baroota dheeraaf turuu dubbata.
Gochoota kanaan amantaa aadaati jedhee kan amanu Iyyaaspeed, akkuma hordoftootni amantaa biroo addababayiirratti waan itti amanan calaqqisaniifi shaakalan warri falfalanis hanga mirga nama isa kaanii itti hin buunetti mirgi kun kabajamuufii qabaa jechuun mugguta.
Abookaatoo seeraa kan ta'an obbo Lataa Jimaa gama isaaniin yaada Iyyaaspeediin waliigalu.
Garuu ammoo ''Amantaa kamuu yoo hordofna ta'eyyuu gochii falfalaa kun hawaasa biratti jibbamaadha, seerri garuu ifatti waayee gocha kana yakka taasisuurratti qaawwa waan qabu fakkaataa'' jedhu.
''Hawaasni keenya hawaasa amantaas, aadaas qabu. Aadaanis, amantaanis kana hin eyyamu. Gocha badaadha. Hawaasni ni balaaleffata, itti rifata.
''Seerri ammoo waan hawaasni jibbu kan itti rifatu kana dhorkuus qaba jedheen amana'' jedhu.
Iyyaaspeed Oromiyaa keessa shaakalli fi amantiin falfalaan walfakkaatu, kan gochii isaanii nama isa kaan miidhu jiraatus, kanneen gocha akkanaa raawwatan irratti duuluun mirga isaanii sarbuudha jedheen amanaa jedha.
Hawaasa keessatti gochootni falfalaa yeroo raawwataman qaamni falfala hojjetu gocha saniin waan miidhu akka qabu amanee, namni (qaamni) narratti falfalame jedhuus miidhaa irraan gahu akka qabu amanama.
Iyyaaspeen namni tokko hanga qabeenya isaa ykn qe'ee isaatti osoo hin bu'iin falfalli raawwatame ana miidhuufi jedhee yaaduun wanta seeraan yakka gochuu danda'u hin qabuu jedha.
''Dhugaa dubbachuuf gochoonni kun boodatti hafoodha. Kan waa naa godha jedhee falfalus, kan falfalli kun na miidha jedhee yaaddahus boodatti hafummaa keenyarraa rakko dhufedha.''
Iyyaaspeed ''namni falfala sana raawwatu kaayyoo raawwateef qabaatus, inni irratti raawwatamees miidhaa irraan gahu akka qabu amanus, homaa gochuu hin dandeenyu kuni mirgaa'' jedha.
Abukaatoo kan ta'an Obbo Lataan ammoo miidhaan qaqqabuun hanga mirkanaa'uu danda'etti gochii kun yakka taasifamuu qaba jedhu.
Seerri maal jedha?
Inistitiyuutii Qorannoo Seeraa Oromiyaatti qorataa kan ta'an obbo Nimoonaa seerri yakkaa Itoophiyaa labsiin bahe gochoota faallaa safuu, duudhaafi eenyummaa hawaasaa ta'an yakka taasisa jedhu.
''Seensa labsii lakkoofsa 414/1996 kaayyoodhuma isaa keessatti wantoota faallaa safuu fi duudhaa hawaasaa yakka taasisan ibseera.''
Seerri yakkaa kan bahu gochoota faallaa duudhaa fi safuu hawaasaa ta'e tokko ittisuuf yoo raawwatame ammoo sirreefama fudhachuufi kan jedhan obbo Nimoonaan, seera yakkaa Itoophiyaa keessa gochootni falfalaa yakka ta'uu keewwatni akeeku jiraa jedhu.
''Labsii lakkoofsa 414/1996, keeyyata 533 jalatti dhimmoota akka kanaa tumee jira.''
Keewwatni 533 seera yakkaa mootummaa federaalaa Itoophiyaa bara 1996 labsame kan afaan Oromoon qophaaye akkas jedha jechuun ibsu:
''Keewwata 533. Tolchaan, falfalaan yookiin wantoota kana fakkaataniin nama irratti balaa geessisuu.''
Keewwata kana jalatti ibsi taa'es, ''namni kamiyyuu amalli isaanii balaa yookiin miidhaa hordofsiisuu danda’uu osoo beekuu fayyaa miidhuu kan danda’an daakuuwwan bittinnaa’an, wantoota dhukkuba qalbii dadhabsiisan fidan, dhugaatiiwwan, yookiin wantoota kana fakkaatan biroo nama biroof kan qopheesse, kan kenne, kan gurgure, kan raabse yookiin kan obaase yoo ta’e; tumaa armaan olitti keewwata 531 jalatti ibsameen ni adabama'' jedha.
Keewwatni 531 ammoo namni haala kana fakkaatuun itti yaadee midhaa geessise ''hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleefi adabbii maallaqaan ni adabama'' jedha.
''Nama dhuunfaarratti ykn hawaasarratti ta'uu danda'a gochi kun kan raawwatu.
''Nama dhuunfaarratti miidhaa xiinsamuu ykn qorqalbii dhukkubsuu haala danda'uun, fayyaa hawaasaarratti miidhaa kan geessisu yoo ta'e, dhimmoota akka kanaa ykn qopheessuun , kennuun gurguruun...gocha kanaan midhaan yoo qaqqqabe yakki tolchaa ykn falfalli raawwatame jechuun himachiisa'' jedhu obbo Nimoonaan.
Adeemsa himannaa yakka akkasii keessatti haala qabatamaa gochi sun itti raawwate qorachuun ta'e jedhamee raawwatamuu adda baasuun barbaachisa jedhu.
Dhimmi biraan ilaalamuu qabu miidhaan gahuu fi gahuu dhabuu isaa adda baasuudha jedhu.
''Yoo miidhaanis gahuu baate sadarkaa yaaliitti kan dhaabbate yoo ta'e akkuma yakkoota kaanii sadarkaa qophiitti ilaalamuu danda'a.''
Dagannoodhaan ykn osoo itti hin yaadamiin gochoota raawwataman yoo ta'e hin adabsiisanis jedhu ogeessi seeraa kun.
Hojiin tolchaa kun dhimma amantaan walqabatee ilaalama yoo ta'e ammoo seera yakkaa Itoophiyaa keewwata 492 addatti dhimmicha qorachuufi irratti murteessuuf fayidaarra ooluu danda'aa jedhu obbo Nimoonaan.
Keeyyatni 492, waayee nageenyaafi miira amantii dubbata.
Keewwata kana jalatti cita xiqqaa B jalatti akkas jedha: ''iddoo, fakkii yookiin mi’a sirna amantaaf tajaajilu kan xureesse yoo ta’e; adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa lama hin caalleen ni adabama.''