Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Viidiyoo Pirezidantii 'ofirratti yeroo fincaa'an' mul'isu walqabatee gaazexeessitootni hidhaman
Gaazexeessitootni Sudaan Kibbaa jaha viidiyoo pirezidantiin biyyattii Saalvaa Kiir yeroo ofirratti fincaa'an fakkaatu mul'isu bal'inaan qoodamuun walqabatee hidhamuu dhaabbileen mirgaa himan.
Mudde keessa pirezidant Saalvaa Kiir faaruun biyyaalessaa osoo faarfatamuu dhaabatanii fincaan ofirra yaasuu isaanii viidiyoon agarsiisu miidiyaalee hawaasaa gubbaa bal'inaan qoodameera.
Kana hordofees gaazexessitootni sabaahimaa biyyaalessaa jaha torban kana keessa hidhamaniiru.
Dhaabbatni mirga gaazexessitootaaf falmu CPJ (Committee to Protect Journalists) gaazexessitootni kun akka hiikaman gaafateera.
Pireezidantiin Waldaa Gaazexessitoota Sudaan Kibbaa Paatriik Oyeet Rooyitarsitti yoo himu gaazexessitootni kun ''akkaataa viidiyoon pireezidantichi yoo ofiratti fincaa'an agarsiisu gadhiifame beeku jedhamuun shakkaman'' jedhe.
Miidiyaan biyyaalessaa Sudaan Kibbaa gama isaan viidiyoon kun qilleensarra hin oolle (argaa uummataaf hin dhiyaanne) jedhe.
Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame irratti surreen pireezidanticha irraa gadee jiidhaa deemee kophee jala yeroo yaa'u agarsiisa.
Kaameraan ta'ii kana waraabu pireezidantichi boquu gadi qabatanii of ilaaluu fi namootni naannoo isaanii dhaabatanii jiran isaan ilaaluutti akka turanis agarsiisa.
Dhimma kana irratti waan mootummaan biyyattii jedhe hin jiru. Rakkoo fayyaa qabaachuun isaaniis hin ibsamne.
Biyyattii keessatti ogeeyyiin miidiyaa aanga'oota ilaalchisee gabaasa hin barbaadamne yeroo hijjetan ni hidhamuu kan jedhan ammoo biyyoota Sahaaraa gadii keessatti bakka buutuu CPJ kan ta'an Mutookii Muumoodha.
Gaazexessitootni kun haal-duree malee gadhiifamuu qabuu jedhan.
Ministirri Odeeffannoo Sudaan Kibbaa Mikaa'el Maakuweyi yaada VOA'f kennaniin gaazexessitootni kun maaliif akka hidhaman beekuuf ummatni obsee eeguu qaba jedhan.
Dhaabbileen mirgaaf falman aanga'oonni Sudaan Kibbaa gaazexeessitoota dorsisuu fi burjaajessuu akka dhaaban irra deddeebiin gaafatu.
Saalvaa Kiir bara 2011'tti Sudaan Kibbaa biyya walabaa erga taatee pirezidantii biyya haaraa kanaa ta'uun aangoorra jiru.
Biyyattiin ergasii waraana waliinii dabalatee beelaafi balaawwan uumamaan qormaata keessa jirti.