Dhiirotni dhaabbatanii moo taa'anii yoo fincaa'an wayyaaf?

Aadaa biyyoota hedduu keessatti ijoolleen dhiiraa dhaabbatanii akka fincaa'an, ijoolleen dubaraa ammoo taa'anii akka fincaa'an baratu.

Aadaan iddoo hedduutti baratame kun garuu wayita amma aanga'oota fayyaa biyyoota danuun gaaffii keessa galaa jira.

Dhiironni haala itti fincaa'uu qaban irra deebi'anii ilaaluu akka qaban sababoonni fayyaa fi qulqullinaan wal qabatan dhiyaataa jiru.

Lafa biraatti ammoo wal qixxummaa waliin wal qabsiisanii kan kaasanis hin dhabamne.

Garuu sirriin isa kami, dhiirotaaf kamtu wayya?

Sababoota hedduun dhiirotaaf dhaabbatanii fincaa'uun ni salphata.

Tokko, kutaa xiqqoo keessatti nama hedduu keessummeessuun waan danda'amuuf hiriiruun isaanirraa hin eegamu, lammata ammoo uffata baafachuun hin rakkatan.

Haa ta'u malee ogeeyyiin fayyaa wayita fincaa'an haalli teessuma qaama namaa hamma fincaan qaama keessaa bahuu irratti dhiibbaa qaba jedhu.

Mee akkamiin akka fincoofnu haa ilaallu. Fincaan kalee namaa kan xurii dhiiga keessaa qulqulleessee baasuun omishama.

Achi booda afuuffee fincaanii keessatti kuufama. Sababa afuuffee fincaanii keessatti kuufamuuf ammaa amma mana fincaanii dhaquun osoo hin barbaachisiin hojii hojjechuufi rafuu kan dandeenyu.

Afuuffeen fincaanii kun milii liitirii 300 hanga 600 kan qabatu yoo ta'u, wayita inni lama sadaffaa guutu kan fincaan nama qabu.

Fincaan afuuffee kana keessatti guutame hunda isaa baasanii fincaa'uuf, sirna to'annoo narvii fayya qabeessa ta'e kan wayita fincaan nu qabu nu beeksisuufi fincaa'uuf haalli mijataan hin jiru yoo ta'e fincaan akka qabannu nu gargaaru qabaachuu qabna.

Wayita namni tokko fincaa'uuf qophaa'u maashaaleen qaamaa afuuffee marsanii jiran ni diriiru, wayita san afuuffeen walitti butamee fincaan akka keessaa yaa'u ta'a.

Namni fayya qabeessi tokko fincaa'uuf humna isa hin barbaachisu. Garuu yeroo tokko tokko salphaatti fincaan namaa bahuu dhiisuu mala.

Akka qorannoon sayinsawaa maxxansa Plos One, mul'isutti dhiironni rakkoo fincaan salphaatti bahuufi diduu qabaniif taa'anii fincaa'uun bu'aa qaba.

Qorannoon namoota fayyaa guutuu qabaniifi rakkoo fincaan bahuufi diduu qaban irratti taasifame kun warri rakkoo qaban wayita dhaabbatanii fincaa'an caalaa wayita taa'anii fincaa'an akka wayyuuf mul'iseera.

Warra fayya qabeessa irratti garaagarummaan kun hin mul'anne.

Siif murtee sirriin...

UK keessatti Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa (NHS) dhiirotni fincaa'uuf rakkatan bakka haara galfi cal jedhaafi taa'anii fincaa'uu danda'an akka fayyadaman gorsa.

Sababni biroon taa'anii fincaa'uun gorfamuuf qulqullinaafi.

Dhiirotni wayita taa'anii fincaa'an teessumni mana fincaanii waan xuraa'uuf namoonni biroo akka itti hin fayyadamne taasisa.

Biyyoota lixaa akka Jarman keessatti manneen fincaanii dhaabbatanii fincaa'uun dhorkaa ta'e jiru.

Haa ta'u malee taa'anii fincaa'uun amala dhiiraa akka hin taaneefi akka waan gadheetti waan ilaalama.