Keeniyaa - Biyya daandiirratti bobbaa ba'uun mirga heera mootummaa itti ta'e

Odeessi kun kan gaazexeessitoonni Afriikaa bakka jiran irraa waan taajjaban xalayaadhaan nuuf ergan keessaa tokko.

Gaazexeessaan Afriikaa Jooseef Waarunguu isa tibbana manni murtii olaanaan Keeniyaa waa'ee imala daandii fi mana fincaanii ilaalchisuun murtee dabarse hordofuun rakkoo mana fincaanii daandiiwwan Keeniyaa qaban irratti xalayaa barreessuun nuuf ergeera.

Akka gaazexeessaan kun jedhutti Keeniyaa keessatti namni kamuu daandiirratti bobbaa ba'uu akka mirga heera mootummaatti ilaala, rakkoo mootummaan uume waan ta'eef.

Akkamiin?

Daandiiwwan Keeniyaa keessa jiran irra imaluun nama hundumaa kan gammachiisu miti. Rakkoo hedduutu nama mudata.

Qormaati guddaan nagaan bakka yaadde ga'uudha. Bara darbe keessa namoota 3,400 caalantu daandiirratti ajjeefaman, kan bara 2018 harka 18n caaleera.

Sababni ijoon saffisa konkolaataa, machaa'anii konkolaachisuu fi dadhabbiidha.

Balaa lubbuu namaa galaafatu hir'isuun yoo danda'amellee rakkoon daandiis qormaata biroodha.

Dhiyeenya kana Keeniyaa keessatti gama misoomaawwan bu'uuraatiin fooyya'iinsi jiraatullee daandiiwwan garuu imalaaf mijatoo miti, hedduunsaanii caccabaniiru, keessattuu wayita roobaa baay'ee rakkisaadha.

Hundaa ol garuu kan imala daandii Keeniyaa jibbisiisaa fi nuffisiisaa taasisu rakkoo mana fincaaniiti.

Mootummaan wayita daandiiwwan magaalaa keessaa ba'anii kutaalee biyyattii walquunnamsiisan hojjetu waa'ee mana fincaanii ilaalcha keessa hin galchine.

Kanaaf imaltoonni karaarratti bobba'uu akka mirga heera mootummaan isaaniif kennameetti ilaalu.

Kutaalee hawaasaa dubartoota, daa'imman, Shamarran, dargaggoota bakka tokkotti bobba'an ilaalaa callisuun qaaniidha jedha gaazexeessaa Jooseef.

Gaazexeessaan kun barattoota Mombaasaa irraa gara Naayiroobii kiilomeetira 700 imalan argee haala imalasaanii gaafateera.

Momaasadhaa ciree nyaatanii akka ka'an kan itti himan barattoonni kunneen garuu daandiirratti garaan dhukkubee rakkoo hamtuun akka isaan mudate itti himan.

''Bakka manni fincaanii tokkolee hin jirretti konkolaachisaan keenya bakka hedduutti akka nuuf dhaabu dirqamaa ture. Bosona argine hundatti dhaabsisnee bobbaa taa'aa turre. Imala sa'aa 10 keessatti battala tokkollee osoo nuuf hin mijatin as geenye.'' jechuun haala ture itti himan.

Dhimmuma hanqina mana fincaanii kanarratti nama mana murtiitti mootummaa iyyatetu jira.

Adrian Kamotho Njenga manneen hojii mootummaa afur kanneen dhimmi kun isaan ilaallatu 'Heera mootummaa cabsitaniittu' jechuun himateera.

Qaamoleen arfan himataman kunneen Mana Maree Naannolee kan kutaalee biyyattii 47n hunda walitti fidu, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Keeniyaa, Daandii Baadiyyaa Keeniyaa fi Daandii Magaalaa Keeniyaa fa'a.

Garuu qaamoleenmootummaa kunneen hundi isaaniiyyuu himata irratti baname haaluun mana murtii qeeqan.

Namoonni hedduun tarii namni kun wayita himatasaa dhiyeesu qaamoleen mootummaa kunneen akkamiin mirga heera mootummaa lammiileen qaban sarban kan jedhu bal'inaan hin ibsine jedhu.

Kanneen biroon ammoo qaamoleen himataman kunneen rakkoo jedhame furuuf mirga heera mootummaatuu hin qaban jedhu.

Haata'u malee Andrian Njenga gaaffii isaa ittuma cichee mana murtiif dhiyeesse. Himatasaarraas duubatti hin jenne.

Himatasaa keessatti sababii hanqina qaamolee mootummaatiin uummanni daandii gubbaatti bobbaa ba'aa jiraachuu eere, kunimmoo qaanii waan ta'eef itti fufuu hin qabu jedhe.

''Dhalli namaa nyaata sooratee, soorati sun kaan qaama ta'ee kaan ammoo gubatee hin ba'u taanaan fayyummaansaa yaaddoo keessa gala. Mootummaan iddoo namoonni itti boqotanii, bobbaaa taa'an hin mijeessu yoo ta'e mirga namootaa sarbaa jira'' jedha himati isaa.

Dhumarrattis Mannni Murtii Olaanaan Mootummaa Keeniyaa mootummaan daandiiwwan biyyattii cinaatti mana fincaanii ijaaruu akka qabu murteesseera.