Qabiyyeen miira saal-quunnamtii kakaasu kan ChatGPT eeyyamuuf jedhu maali?

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbanni teeknooloojii hubannoo nam-tolchee Ameerikaa OpenAI qabiyyeewwan kan kanaan duraarra hedduu ta'an maamiloonni kutaa ChatGPTn irratti odeeffannoo kennu- chatbot jedhamurraa akka fedhanitti akka argatan eyyamuuf karoorsuu ibse.
Qabiyyeewwan eeyyamamuuf jedhan kanneen miira saal-quunnamtii kakaasan akka dabalatan kan ibsan hoogganaan OpenAI Sam Altiman, kunis ''dargaggoota akka dargaggootaatti keessummeessuuf,'' sochii eegalame keessaa hojii ijoodha jedhan.
Kutaan ChatGPT iddoon irraa ergaa argatan- chatbot, yeroo gabaabaa keessatti bifa haaraan fooyya'ee akka dhufuu fi amala dhala namaa kan qabaatu akka ta'u ibsan.
''Garuu yoo fedha abbaa ta'edha. Waan nuti fedhii maamilootaa guutuuf hojjennuuf miti.''
Sochiin kun mamoonni hedduun kaffaluun maamila OpenAI akka ta'an gargaareera.
Ammoo seera baastonni seera cimaa sochii kubbaaniyyaa teeknooloojii kanaa daangessu akka baasan dirqamsiisa.
Maxxansa Aab Altiman booda BBCn gaaffii OpenAI'f dhiheessee turus deebii hin arganne.
Kubbaaniyyaan kun erga oladeemaan tokko of ajjeesee fi maatiin himannaa dhiheessanii booda jijjiirama kana labse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himannaan maatii Maat fi Mariyaa Raayin jedhamaniin dhihaate kun himannaa du'aan walqabatu yeroo jalqabaaf OpenAI irratti dhihaatedha.
Ilmisaanii umrii waggaa 16 Adam Raayin kan jalaa du'e maatiin Kaalifoorniyaa jiraatan kun kubbaaniyyaan teeknooloojii kun to'annoo maatii sirrii ta'e dhabuusaa himataniiru.
Maatiin kun ergaa ilmasaanii fi ChatGPT gidduu deddeebi'aa ture himatasaanii keessatti hammataniiru.
ChatGPT irraa akka hubatametti Ebla keessa kan du'e Adam, yaada lubbuusaa balleessuu qaba ture.
Kanas qabiyyeewwan inni dhiheessaa turerraa hubachuu ibse ChatGPTn.
Altiman akka jedhanitti OpenAI duraan ChatGPT irratti ''to'annoo cimsuun daangaan akka jiraatuu fi dhimma fayyaa sammuu maamilootaa irratti akka xiyyeeffatu,'' godhee ture.
''Adeemsi kun namoota rakkoo fayyaa sammuu hin qabneef bu'aa akka hin qabne hubanne. Garuu rakkoo hamaan yoo jiraate ammas duudhaa keenya kanatti ni cichina,'' jedhan Aab Altiman.
Kubbaaniyyichi ammallee dhimma rakkoo fayyaa maamilootaa furuu irratti akka xiyyeeffatuu fi yeroo garii ammoo maamiloonni walaba ta'anii qabiyyee isaan gammachiisu akka argatan gochuurratti hojjetaa jira jedhan.
Kana hunda madaalchisee akka deemaa jiru himan.
''Muddee darbe yeroo daangaa umrii guutummaatti hojiirra oolchinu, 'dargaggoonni akka dargaggootaatti keessummeeffamuu qabu' duudhaa jedhu waan qabnuuf, isa kana milkeessuuf jecha namni eenyummaasaa sirrii mirkaneesse hundi qabiyyeewwan miira saal-quunnamtii kakaasan akka argatu eeyyamneerra,'' jedhan.
Kanneen OpenAI qeeqan kubbaaniyyaan teknooloojii kun qabiyyeewwan fedhii quunnamtii saalaa kakaasan eeyyamuun sadarkaa federaalaa fi naannoleetti seerri waan kana to'atu jiraachuu akka qabu namatti agarsiisa jedhan.
''Kutaa ChatGPT kan dargaggoota qofaaf addatti ba'ee fi qabiyyeewwan saalquunnamtii dabarsan akka daa'imman bira hin geenye gochuun akkamiin danda'ama?'' jedha Jeenii Kiim.
Jeenii Kiim jaarmiyaa tajaajila seeraa kennu Boies Schiller Flexner keessa hojjetti.
"Open AI, akkuma kubbaaniyyaawwan teknooloojii biyya lafaa kanarra jiran kaanii, dhala namaa akka hantuuta daggalaatti itti fayyadamaa jira.
Aadde Kiim himannaa Meta irratti dhihaate keessattis hirmaateera. Metan kan himatameef sababa qabiyyeewwan Instagram irratti gadhiifaman fayyaa sammuu daa'immanii miidhaniif ture.
''Daangaan umrii hojjechuu fi dhiisuu isaayyuu hin beeknu,'' jette.
Gabaasi kubbaaniyyaan teknooloojii TechCrunch jedhamu Ebla darbe baase akkaawuntii daa'immanii irratti qabiyyeewwan saal-quunnamtii kakaasan gadhiisuu mul'ise.
Yeroo sana OpenAI qabiyyeewwan kunneen ilaalchisee sirreeffama taasisaa akka ture ibsee ture.
Qorannoon jaarmiyaa tola ooltummaa Centre for Democracy and Technology (CDT) jedhamuun ji'a kana keessa gadhiifame akka mul'isetti barattoota shan keessaa tokko isaan ykn namni isaan beekan AI waliin hariiroo jaalalaa uumuu ibsan.
Ibsi hoogganaa OpenAI wayita teeknooloojii AI irratti gaaffiin heddummaatetti dhagahame.
Galiin OpenAI dabalaa jiraatus kubbaaniyyichi garuu takkaa buufatee hin beeku.












