Namichi dhiigasaan daa'imman miiliyoona lama oolche du'aan boqote

Jeemis Haariisan fi daa'ima

Madda suuraa, Australian Red Cross Lifeblood

Lammiin Awustiraaliyaa dhiiga arjoomuun beekamuufi lubbuu daa'imman miiliyoona lamaa oolche du'aan boqote.

Jeems Haariisan mana kunuunsi kennamaafi ture Niiw Saawuz Weels, Awistiraaliyaa gaafa Guraandhala 17 du'aan boqochuu maatiinsaa Wiixata har'aa beeksisaniiru.

Jeemsi nama ganna 88 ture.

Awustiraaliyaa keessatti nama irree warqii qabu jedhamuun beekama.

Dhiigni Jeems qabiyyee antiiboodii, Anti-D jedhamu qorichummaaf oolu qaba. Kunis haadha dhiiga daa'ima garaa keessa jiru miidhaaf saaxilu qabduuf kennama.

Tajaajjilli Fannoo Diimaa Awustiraaliyaa ergaa gaddaa yeroo dabarsetti, Haarisan ijoollee ganna 14 tahee wal'aansa baqaqsanii hodhuun dhiigni qaamasaa geeddarame, ergasii dhiiga kennuuf kakate jedhe.

Pilaazimaa dhiigasaa arjoomuu yeroo ganna 18 ture kan jalqabe yoo tahu hamma nama ganna 81 tahutti torbee lama, lamaan kennuusaa itti fufe.

Bara 2005tti dhiiga baayyee kennuun rekardii qabatee kan ture yoo tahu- bara 2022tti nama US tokkotu isa caale.

Intalli Haarisan Tireesii Melooshiip abbaanshee, ''dhukkubbii tokko malee lubbuu oolchuu danda'uusaan ni boona ture,'' jette.

''Dhiiga kennuun dhukkubbii hin qabu, lubbuun baraartu kan kee tahuu danda'a jedha ture,'' jette

Tireesii fi ijoolleen, ijoolleesaa lama dhiiga Anti-D Haarisan madiina baasu fudhataniiru.

''Akkuma keenya maatiin biroo sababa gaarummaasaan lubbuun baraaramuu yoo dhagahu ni gammada ture,'' jetti.

Qabiyyeen dhiigaa Anti-D jedhamu daa'imman hin dhalanne rakkoo balaafamaa himoolitiik jedhamurraa eega.

Haalli kuni kan uumamu seeliin dhiiga diimaa haadhaa kan daa'imaa wajjin wal simuu gaafa hin dandeenye dha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan sirni madiinummaa haadhaa seelii dhiigaa daa'imaa akka diinaatti waan ilaaluuf antiiboodii oomishuun haleeluu jalqaba.

Kunimmoo daa'ima akka malee miidhuun aneemiyaa(hir'ina dhiigaa, dhukkuba onnee, du'aanis gahuu mala.)

Otoo yaaliin Anti-D bara 1960 keessa hin beekamiin daa'imman lama keessaa tokko dhibee kanaan du'u ture.

Dhiigni Jeemsi Anti-D dhaan maalii akka badhaadhe beekamuu baatus gabaasoti yeroo ganna 14 ture jijjiirraan dhiigaa isaaf taasifamuu danda'a jedhu.

Awustiraaliyaa keessa namoonni dhiignisaa qabiyyee Anti-D qabu 200 hin caalan, haatahu malee haadholiifi daa'imman isaanii 45,000 gargaaraa jiru jedha Tajaajilli Fannoo Diimaa Awustiraaliyaa.

Fannoon Diimaa Dhaabbata Qorannoo Fayyaa Awustiraaliyaa Wooltar fi Elizaa Hool wajjin hojjechuun Anti-D laaboraatorii keessatti akka dhiiga Jeemsiifi kaanitti tolchuuf jiru.

Akka qorattoonni laaboraatorii keessatti anti-D tolchuufa yaalan gaaf tokko dubartoota ulfaa addunyaa gargaara jedhanii abdatu.

''Wal'aansa haaraa uumuun waan akkaan irratti hojjetamaa ture,'' jedhe hogganaan Fannoo Diimaa Awustiraaliyaa.

Namoonni dhiiga isaanii keessa anti-D qaban dhaabbataan dhiiga arjoomuu dhabuun hanqinni akka jirus kaasaniiru.