Paakistaanitti barataan ergaa WhatsApp'n qoodeef duuti itti murtaa’e

Miidiyaalee hawaasaa

Madda suuraa, PA MEDIA

Paakistaan keessatti barataan umurii 22 ergaa amantaa gadi xiqqeessuu karaa WhatsAppiin dabarsuun himatamee, adabbiin du’aa itti murtaa’e.

Barataa ergaa jedhame qoodeera jedhame irratti ammoo hidhaan umurii guutuu murtaa'era.

Biyyichatti manni murtii bulchiinsa Puunjaab keessaa dhimmicha ilaalees, dargaggoon kun hordoftoota amantaa Islaamaa aarsuudhaaf ta’e jedhee suuraaleefi viidiyoowwan amanticha gadi xiqqeessan qoodeera jedhe.

Akkasums dargaggoo gara biraa kan umuriinsaa waggaa 17 himannaa kana waliin walqabatee himatame irrattis, hidhaan umurii guutuu murtaa’eera.

Haata’u malee dargaggoonni itti murtaa’e kunneen lamaanuu balleessaa oomaatuu hin raawwanne jechuun waakkatan.

Paakistaan keessatti gochaan amantaa gadi xiqqeessuu ykn arrabsuu du’aan kan adabsiisuudha. Kaan isaanii sirumaa osoo mana murtiitti hin dhiyeeffamiin yeroon itti reebamanii ajjeeffaman jira.

Dargaggoota amma adabbiin du’aafi hidhaa umurii guutuu itti murtaa’e kunneenis, magaalaa guddoo bulchiinsa Puunjaab kan taate Laahoor keessatti himanni kan irratti baname waggaa lamaan dura 2022tti, Dhaabbata Qorannoo Federaalaa Paakistaan (FIA)tti kutaa nageenya odeeffannootiin ture.

Achiinis dhimmichi mana murtii magaalaa Gujraanwaalaa argamutti dabarfame.

Abbootiin seeraa torban kana keessa murtee kana dabarsanis, himatamaan dargaggoo umurii wagga 22 kan ta’e, suuraalee fi viidiyoowwan jechoota Nabii Muhaammadii fi haadhoolii warraasaanii arrabsan qopheessuu isaatti du'a itti murteesse.

Himatamaan lammaffaan kan umuriinsaa waggaa 17 ta’e ammoo, suuraalee jedhaman qoodusaatiin hidhaan umurii guutuu kan itti murtaa’e.

Manneen kiristaanootaa gubatee ture

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Bara dabre keessa Kiristaanonni lama Quraana balleessan erga jedhamee booda, manneenii fi bataskaanni kurnatti lakkaa'man gubamaniiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Himatamaan kunis suuraaleefi viidiyoowwan jedhaman lakkoofsa bilbilaa adda addaa sadi irraa argachuu kan dubbate yoo ta’u, dhaabbanni qorannoo federaalaa garuu bilbila himatamaa sakkata'uudhaan, ergaawwan kunneen isaaf dabarfamuun kan isa qaqqaban ta’u mirkanneesseera jedhe.

Abukaatoonni barattoota kanneenis, ‘‘akka danqaa himannaa sobaa keessa galan taasifamaniiru’’ jechuun falmaniiru.

Abbaan dargaggoo duuti itti murtaa’ee, kan eenyummaansaa adda hin baafamne BBCtti akka dubbataniitti, murtee du’aa ilmasaanii irratti murtaa’e irratti mana murti Olaanaa Laahooriitti ol iyyannoo dhiyeessuufiidha.

Manni murtichaas himatamaa kaan irratti du'a dhiisee hidhaa umurii guutuu kan murteesse haala umuriisaa hubannoo keessa galchuun daa’ima waan ta’eefidha jedhe.

Paakistaan keessatti danbiiwwan gochaa amantaa gadi xiqqeessan (blasphemy) jalqaba seera biyyattii keessatti kan hammataman bara bulchiinsa Biriteen Hindii turaniidha.

Isaan boodas bara 1980mota keessaa mootummaa waraanaa Paakistaaniin akka itti fufu taasifame.

Akkasumas Hagayya darbe keessaa magaalaa baha biyyattiitti argamtu Jaaraanwaal keessatti, kiristaanoonni lama Quraana ciran jedhamuun manneen amantaafi manneen jireenyaa kiristaanoota hedduun gubateera.