Tiraamp ''garee tujaarotaa' TikTok bituu danda'an nan qaba jedhan

Madda suuraa, Future Publishing via Getty Images
Pirezidant Doonaald Tiraamp namoota TikTok bituu danda'an akka qaban dubbatan.
Miidiyaan hawaasummaa kun sodaa nageenyaaf jecha US keessatti dhorkameera.
Tiraamp gaaffii fi deebii Fox News waliin taasisaniin ''garee tujaarotaa'' TikTok dhuunfachuu danda'an akka qaban ibsan.
''Yeroo torbee lama ta'u keessatti sin beeksisa,'' jedhan.
Dhimmi bittaa fi gurgurtaa TikTok mootummaa Chaayinaa waliin dubbachuun mirkaneessuu gaafata.
Tiraamp giti isaanii kan Chaayinaa Pirezidant Shii Jinping ''waan kana raawwachuu akka danda'an'' dubbatan.
Tiraamp ji'a kana yeroo sadaffaaf seera waa'ee gurgurtaa TikTok irratti jiru dheeressaniiru.
Kan amma dheeressan kun kubbaaniyyaan abbaa TikTok ta'e ByteDance hanga Fulbaana 17tti miidiyaa hawaasummaa kana gurguruuf waliigalteerra akka ga'u gaafata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBCn yaada akka kennuuf TikTok gaafateera.
Duraan waliigalteen TikTok abbootii qabeenyaa Ameerikaatti gurguruuf ture Ebla keessa wayita qaraxa humnaa olii Tiraamp Chaayinaarra kaa'uun biyyoonni lameen walitti mufatan diigame.
Abbootiin qabeenyaa yeroo ammaa, akka Tiraamp jedhanitti, toora galanii TikTok bitachuuf eegaa jiran kunneen, warra duraan (ji'oota sadi dura) waan kana eegalan ta'uusaanii ifa miti.
Kongiresiin US bara darbe Ebla keessa ture seera TikTok akka gurguramu dirqamsiisu kan raggaasise.
Seera baastonni appiin kun ykn abbaan appii kanaa iccitii dhuunfaa ykn ragaa fayyadamtootaa Ameerikaa irraa gara mootummaa Chaayinaatti dabarsee kenna jechuun sodaa qaban ibsanii turan.
TikTok himannaa irratti dhihaatu kana haaleera.
Tiraamp bara bulchiinsa isaanii marsaa jalqabaa TikTok qeeqaa turan.
Garuu filannoo bara 2024 irratti akka isaan marsaa lammataaf mo'atan TikTok sababa tokko akka ta'etti ibsan.
Sababa kanatti wayita aangoo qabatan TikTok US keessatti akka itti fufu murteessan.
Seerri TikTok akka nama Ameerikaatti gurguramu ilaalchisee ba'e guyyaan xumuraa Amajjii darbe gaafa bultii 19 ta'uu mul'isa.
Tiraamp garuu aangoo isaanii fayyadamuun yeroon kun akka dheereffamu gochaa jiru.
Tarkaanfiin kun seera karaa kongiresii biyyattii raggaasifame sarba jedhamuun baayyee qeeqama.
TikTok gamasaan seerri kongiresiin irratti mirkaneesse kun bu'uura heera mootummaa qabaachuusaarratti gaaffii kaasa. Garuu Mana Murtii Waliigalaa UStti ol iyyatus milkaa'uu hin dandeenye.














