Ministirri Muummee Abiy artistotarraa maal barbaadu? Artistotniwoo?

Simee Tufaa

Madda suuraa, Simee Tufaa

Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii kutaalee hawaasaa hedduu waliin marii kan gaggeessan ta'uun ni beekama. Tibba kanas ogeeyyii damee adda addaa waliin mariyachaa bahan.

Artistota waliinis yeroo tokko osoo hin taane yeroo lamaa sadii mariyataniiru.

Tibba kanas artistootni damee adda addaarra jiran kutaalee biyyattiirraa walitti qabaman marii MM Abiy waliin gaggeeffamerraa qooda fudhataniiru.

Marii tibba kanaa kan qopheesse mootummaa Federaalaa akka ta'e weellistuu Saaliyaa Saami BBCtti himteetti.

Akka Saaliyaan jettutti marii bakka buutotni artiistota naannolee adda addaa MM Abiy waliin godhan dursee kutaalee biyyattii hundaarraa aartistootni sassaabaman hoteela tokkotti guyyoota sadiif dhimma adda addaarratti mariyachaa turan.

''Gaazexessaa, barreessaa dabalatee aartiistii gosa hundaatu walitti dhufe. Aanaalee biyyattii hundarraa walitti dhufan.''

Adeemsa marii kanaa keessaa tokko aartistootni kutaalee biyyattii adda addaarraa walitti dhufan kun walkeessa deemanii naannoo biraa akka daawwatan ''biyya kana akka baran'' godhamaa ture jette.

Keessumaa ammoo misooma koridarii irraa eegalee hojiilee misoomaa mootummaan kan akka riszoortiifi kaan kutaalee biyyattii mara keessatti hojjetame daawwachuu himte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Saaliyaan naannoo Amaaraa keessattu Goondariifi Baahirdaar dabalatee bakka adda addatti hojiilee hojjetaman daawwachaa turuu himte.

Gama kaaniin aartistoota kanneen keessaa muraasni filatamanii Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin galmatti mariyachuu himti. Isaan keessaa tokko isheedha.

Minsitirri Muummee artistotarraa maal barbaadu jennee gaafanne. ''Ministirri Muummee aartii jechuun weellisuu qofa akka hin taane, aartiin biyya tokoof maal akka ta'e, maal gochuun akka barbaachisu? irratti gaaffiin dhiyaatee deebii kennan jetti.

Wallee agartee nama bashannansiisu qofa osoo hin taane, akka biyyatti waan biyya ijaaruu danda'u, biyya guddisuu danda'u, biyya keessan beeksisuu, yeroo biyyi isin barbaaddullee cinaa dhaabbachuu qabdu'' jedhan jetti.

Ministirri Muummee rakkoo artiistotarraa arganii akka sirraa'u gaafatan jiraachuu isa gaafanneef deebii yoo kennitu wayita ''wayita biyyi rakkoo keessa galte' akkuma artiistootni mootummaa deeggaruun socho'an kanneen dheessan jiraachuu akka fakkeenyaatti kaaste.

''Haala akkasii keessatti walbira dhaabachuu qabna jedhanii jiran'' jetti.

Yeroo amma dura biyya waraanatti galtee ture kanneen callisaniif ''dhiifamallee ni goona'' jedhaniiru kan jettu Saalihaan, aartistiin waayeen biyyaa na hin galchu jechuun sirr' miti jechuu isaanii himte.

Ogeessi muuziqaa fi waloon beekamaan amma Ameerikaa jiraatu Simee Tufaa Ministirri Muummee Abiy hooggansa naannoorra wayita turanis galma aadaa Oromootti artiistota waliin mariyachuu yaadatu.

''Waggoota 15 fi 16 darban osoo INSA' rra hojjetanii yeroo artistoota Oromoo walitti qabanii mariisis quban qaba. Irrattis hirmaadheen ture. Keessaayyuu hojii Waldaa Misooma Oromiyaatiif humna aartiifi aartistootaa fayyadamuuf yaalii gochaa turan, misooma magalaa Aggaaroofis akkasuma.''

Akka Simeen jedhutti MM Abiy artistotaa Oomoofi kan biyyattiittis dhiyaatanii ni mariisisu.

Ammoo gaaffii maaliif irra deddeebiin aartistota mariisisuu, maaliifis itti dhiyaatu jedhuuf deebii akka lamaa kennun danda'amaa jedha.

''Fayyaalessi akka koo muummichi aartii jaalatu guddina aartiifi dagaaginaa aadaa waan barbaadaniif jedhanii sii deebisu.''

Nama qaruxee siyaasaa ta'e yoo gaafatte ammoo Muummeen Ministiraa kun humna aartiin qabu fi aartistiin qabu beekaniiru. Kanaaf dabballee kumaatama leenjisaanii miindessanii bobbaasuurra sagantaa siyaasaa isaanii uummata bira qaqqabsiisuudhaaf aatistoota muraasa fayyadamuu barbaadu deebii jedhu kenna'' jedha.

Mariin gaggeeffamuun gaarii ta'uu kaasuun Finfinnee keessatti galmi tiyaatiraa hojiileen Afaan Oromoo keessatti mul'atan kka hin jirre kaasuun gaaffiin sabaa irratti dhiyaachuu qab yaada jedhu kaasa.

Bakki konsartii nagaa itti gaggeessanis hin jiru jechuun kunniin ''aartiif yaaddessoodha'' jedha.

''Jijjiirama kanas humni artsiistiifi aartii Oromoo akka fide ni beektu, nuufis galma tiyaatiraa saba keenyaaf ta'u nuu hin ijaartanii?'' jedhanii gaafachuun aartistoota Oromoo mariyacharratti hirmaatanirraa dhiyaachuu qaba ture jedha Simeen.

Gaaffiin aartii Oromoo hedduun muummicha minsitiraaf dhiyaachuu qaban hin dhiyaanne yaada jedhus qaba.

Mootummaan Artistotarraa maal barbaada?

Simeen wanti mootummaan artistotarraa barbaadu ''humna'' jedha. ''Humna artistiin qabu kana yoo beeke, humna kanatti fayyadamuu mootummaan ni barbaada.''

Ministirri Muummee Abiy mootummaa fi ogeeyyiin aartii adda addaa yoo walta'an seenaa biyya sanaa jijjiiruu akka danda'an dubbataniiru jedha. Kuni dhugaa dha jedha Simeen. Ammoo adda addummaa paartii biyya bulchuufi mootummaa hubachuun barbaachisaa ta'uu kaasa.

''Artistiin humna qabu kun waan baatu deemu beekuu qaba'' jedha. Gaafatama sabasaa waan qabuuf eeggannoo socho'uutu irra jiras jedha.

Simeen qabsoo MM Abiy aangoottii fide keessatti ''artististootniifi aktivistootni humna lafoo miidiyaan hawaasaa ammoo humna qilleensaa ture'' jedha.

Amma haala jirummoo yoo ibsummoo ''afaan nama qaba akka du'a haadha mucaa'' jedha.

Yaada kan yoo ibsu mucaafi haati yeroo tokkotti yoo du'an 'yaa mucaa' jedhaniitu boohumoo 'yaa haadhaa' jedhaniitu boohu? jedha.

''Amma artististiin Oromoo kamiif sirbee, kamitti akka sirbu wallaale. Kana jechaan lola qe'ee keessaati.''

Haala siyaasaa qe'ee Oromoo keessa jirurraa kan ka'e aartistiin garatti goru dhabee gidduu dhaabatee jira yaada jedhu qaba Simeen.

Haalli amma jiru michummaa aartistootaafi mootummaa mul'isaa? gaaffiin jedhu kan dhiyaateef Simeen, akkasitti ibsamuu hin danda'u deebii jedhu qaba.

''Kaadhimummaa artistotaafi mootummaa natti hin fakkaatu. Akkuma nama kamuu aartistoota keessaa erga jijjiiramni kun dhufee aduun naa baariite kan jedhus jiraachuu danda'aa, ergammoo jijjiiramni kun dhufee aduun natti dhiite kan jedhus jiraachuu danda'a.''

Kanaaf aartistota Oromoo walitti qabee gaa'ila mootummaa waliin godhan jedhee wanti na dubbachiisu hin jiru jedha.

''Artiistota Oromoo imaanaa uummataatu harka jira'' kan jedhu Simeen, bakka bade qeeqaa isa gaarii hojjetame jajuun irraa eegama jedha.