Ostiriyaatti dubbiin Hiitlar waggoota heddu dura dubbate baabura keessatti gadi lakkifamuun naasuu uume

Daandii Baaburaa Ostiriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Taaten kun gaafa Dilbataa, Caamsaa 14, 2023, biyya Ostiriyaa keessatti mudate. Imaltoonni akkuma yeroo kaanii baaburaan imalaa osoo jiranii sagaleen waggaa 70 dura baramaa ture gurrasaanii guute.

Baabura isaan ittiin imalan keessaa haasaa Adoolf Hitlar gaafa lubbuun jiru dubbate sagalee guddistuun gadi lakkifamee namoota heddu rifaasise.

Baaburri nama buusee kan biraa fe'achuuf gaafa dhaabbatu bakka imaltoonni gahaniifi garam akka deemu beeksifni ni himama.

Taaten gaafa Dilbataa namoota mudate garuu bakka sagalee beeksisaa osoo hin taane sagalee Hitlar ture.

Sagalee baabura keessatti dhagame kanaan yeroo Hitlar haasaa taasisu, namoonni immoo jalaa qabanii "Heil Hitlar" jechaa turan.

Kunis yeroo Naazii Jarmanii mallattoo nagaa wal-gaafachuufi deegarsa agarsiisuu ture.

Oppireetaroonni baaburichaa taaten akkasii yeroo dhiyoo as deddeebi'ee akka isaan mudataa jiru dubbate.

Imaltoota sana keessaa tokko ammoo namoonni baabura sanarra turan sagalee Hiitlar gaafa dhagahan "inuma cabbaa'an" jechuun BBCtti himte.

Ostiriyaatti Giriin Paartii bakka bu'uun miseensa mana maree kan ta'an Deevid Istoogmuular haasan gaggeessaa Naazii Aldoolf Hitlar baabura keessatti kan dhagahame baaburri buufata magaala Veenaa gahuuf yeroo jedhutti akka ta'e ibsan.

"Sagalee si'a lama dhageenye, jalqabarra haasaa Hitlar sekondii 30 kan dheeratuudha. Itaansun "Sieg Heil" [Siig Haayil] kan jedhun dhagahe," jedhan miseensi mana maree kun.

"Sieg Heil" [Siig Haayil] jechuun mallattoo mo'ichaafi deeggarsaa Hitlariifi deeggartoonni isaa dhaggeessisaa turaniidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deevid Istoogmuular akka jedhutti hojjattoonni baaburaa sagalee haasaa Hitlar gadi lakkifame kana dhaabsisanii beeksisa himuu hin dandeenye.

Daandin Baaburaa Ostiriyaa qabiyyeen baabura keessatti gadi lakkifame sun ilaalcha dhaabbatichaa akka hin calaqqisiifne beeksise.

"Sagalichi sun kan gadi lakkifame namootuma baaburaan imalaa turan keessaa intarkoomii [meeshaa elektirooniksii] fayyadamuun akka hin oolle shakkina. Dhimmicha poolisii beeksifneerra," jechuun ibse Daandin Baabura Ostiriyaa.

Kanaan wal-qabatee namoota lama irratti himanni dhiyaachunis himame.

Nammoota baabura sanaan imalaa turan keessaa dubartiin kaampii duguuggaa sanyii Naazii Jarmanii keessaa lubuun hafte tokko sagalee Hitlar gaafa dhageessu gadditee boo'aa akka turte namni eraga imeelii isaa barreessuu dubbate Deevid Istoogmuular.

Adoolf Hiitlar Waraana Addunyaa 2ffaatti duguuggaa sanyiii namoota miliyeena heddurratti raawwachuun beekama.

Adoolf Hitlar Ostiriyaatti dhalate. Umurii dargaggummaa isaatti bara 1913tti gara Jarmanitti baqate.

Erga Jarmanitti baqateen booda siyaasatti galuun Jarman gaggeessuu eegale. Waraana Addunyaa 2ffaarratti biyyoota heddu weeraruun warra Yihudii dabalatee saboota kaan miliyoona heddu kaampii keessatti gaazii summiifi beelan akka dhuman godhe.

Yeroo ammaa akan Jarman keessatti mallattoo Naazi ykn ilaalcha Hitlar gaggeessun dhorkaadha.