Ajjeechaa Mo’iIboon Baqqalaarratti hanga ammaa maal beekna?

Mo'iiboon Baqqalaa

Madda suuraa, Feesbuukii Mo'iiboon Baqqalaa

Miseensa Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kan ture Mo’iiboon Baqqalaa Roobii galgala naannawaa Magaala Finfinnee bakka Saansuusii jedhamutti ajjeefamuutu himame.

Hanga guyyaa lubbuun isaa darbeetti Dhaabbata Itiyoo Telekoom keessa kan hojjechaa ture dargaggeessi kun, rasaasaan erga rukutaameen booda yaalaaf gara Hospitaala Abeet jedhamutti erga geeffameen booda lubbuun isaa kan darbe.

Haala ajjeechaa dargaggoo kanaarratti odeeffannoo argachuuf poolisii magaalaa Finfinneetti bilbillulleen milkaa'uu hin dandeenye.

Itti-gaafatamaan sabqunnamtii ABO Obbo Lammii Gammachuu BBC’tti akka himaniitti, Mo’iiboon bara 2017 irraa kaasuun miseensa Gumii Sabaa ABO ta’uun tajaajilaa ture. 

“Mo’iiboon waggoota dheeraadhaaf mana hidhaatti dararamaa ture. Haala qabaatamaa mul’achaa tureen ammoo namni mana hidhaatii bahe yeroo hedduu ni ajjeefama. Naqamteettis wanti akkanaa mudatee ture,” jedhan.

Mo’iiboon barreessaa kitaaba ‘Dorrobaa’ jedhamuuti. 

Hiriyaa isaa yeroo dheeraa ta’uu kan himu Lalisaa Idiris, dargaggeessi kun qabsoo sabaa keessatti nama aarsaa guddaa kanfalaa asbgahe ture jedha.

“Mo’iiboon bara 2014 sababuma siyaasaatiin dararaa hedduu erga keessumeessee booda Yunvarsiitii Jimmaatii barnoota irraa ari’ame. Ergasii gara Naqamtee deemee Yunvarsiitii Riiftivaaliitti barumsasuu jalqabe. Achiis qabamee Qilinxootti hidhame,” jedha. 

Mo’iiboon nama si’aa hedduu du’a jalaa oolaa ture akka ta’eefi yeroo manni hidhaa qilinxoo gubaatee turettis namoonni biraa du’anii inni akka carraatti du’a oole jedha.

Dargaggummaa isaatti gidiraafi dararaa manneen hidhaa Magaala Jimmaa, Ma’ikalaawwii, Qilinxoofi Shawaa Roobit keessa darbuun bara 2016 hidhaarraa akka lakkifames hima.

Dhimma ajjeechaa isaas poolisiin Magaala Buraayyuu qorachaa akka jiru himameera.

'Ajjeechaan namota irratti raawwatamu sadarkaa yaaddessaarra gahe'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ajjeechaa qondaala isaa kana ilaalchisuun ibsa Onkolooleessa 13, 2022 baaseen, ajjeechaan gara-jabinaa lammiilee nagaa hidhannoo hin qabne irratti raawwatu sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhe.

Qondaala siyaasaa, dargaggeessaafi onnataa akkasii dhabuutti hedduu gadduu kan hime dhaabni ABO, aarsaan kamuu kan qondaalota ABO fi Oromoo irratti raawwatu qabsoo taasifamu abdii kutachiisuufi dhaabsisuu akka hin dandeenye jala muruun ibsina jedha.

Dhaabbileen mirga namoomaafi kanneen dhimmisaa ilaallatu kanneen biyya keessaafi idil - addunyaa qaamni walabaa ajjeechaa qondaala kanaafi Oromoota nagaa ajjeefaaman biroo akka qoratuufis waamicha godheera.

Mo’iiboon Baqqalaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti kan dhalate yoo ta’u, bultii kan hin hundeeffanne ta'uu hiriyaansaa himeera. 

Reeffi dargaggeessa kanaa Magaala Finfinnee irraa gara Naqamteetti akka geeffameefi sirni awwaalcha isaas Jimaata Onkololeessa 14, 2022 waldaa Guutuu Wangeelaa Naqamteetti akka raawwatamu hiriyootasaarraa odeeffanneerra.