Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaa fi WBOn marii Taanzaaniyaatti taa'aa jiraniin maal walii kennanii maal fudhachuu malu?
Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBOn) gidduutti ifatti gaggeeffamu eegaluu hordofee, naannawa waraanni qaamoota lamaan gidduutti waggootaaf itti gaggeeffamaa turetti dhaabbatee lammileen nagaan bahanii ni galu abdii jedhu uumee jira.
Mariin nagaa kunis Ebla 25, 2023 irraa kaasee Taanzaaniyaa, oddola Zaanzibaritti bakka bu'oota mootummaafi WOB jidduutti gaggeeffamaa jira.
Keessumaa erga waraanni kaaba Itoophiyaatti ture karaa mariin nagaan dhumatee booda, akkasuma garaa garummaa mootummaafi WBOnis mariidhaan akka furamuuf biyya keessaafi alaarraa dhiibban garaa garaa taasifamaa ture.
Qaamni hidhatee loluu WBOn irra deddeebiin bakka qaamni sadaffaan argamuutti mootummaa wajjin mari'achuuf qophii ta’uu ibsaa turunsaa ni yaadatama.
Mootummaanis gamasaatiin dhibdee jiru karaa mariitiin furuudhaaf yaalu illeen rakkoolee garaa garaa jiraachu kaasaa turuun, tibbana garuu mari'achuuf murteessuu beeksise.
Marii amma bakka bu'oonni mootummaafi kan WBO itti jiran kana ilaalchisees gama lamaanuu maal irratti akka xiyyeeffatan odeeffannoo bal’aan hin jiru.
Haata'u malee maanifeestoo WBO fi kaayyoofi ejjannoo siyaasa mootummaa hubannoo keessa galchuun, qabxilee qaamoleen kunneen lamaan marii kanaan kaasuu mala yaadu ni danda'ama.
Ofii keessattuu WBOn gaaffii ijoo kam qabatanii dhiyaatu laata? Mootummaa Itoophiyaarraa maal barbaada? Mootummaan hoo ejjannoo maali qabatee dhiyaachuu mala?
Marii araaraa tibannaa kan kanaan dura mootummaafi TPLF gidduutti Piritoooriyaatti taasifameerraa maaltu adda taasisa? kan jedhan gaaffilee ammatti bal'inaan ka'aa jiraniidha.
Dhimma kanarratti barsiisaa seenaa fi dhimma Itoophiyaarratti yeroo heddu yaada kennuun kan beekaman Pirofeesar Hisqeel Gabbisaa dubbisneera.
Bakka bu'oota gameeyyii
Gama lamaaniinuu namoonni bakka bu'uun maricharratti hirmaatan gameeyyii siyaasaa ta’uunsaanii dubbii qaaccessanii waliigalteerra gahuuf haala mijitaa ni uuma jedhamee eegama.
Mootummaa bakka bu’uun namoota gara Taanzaaniyaa imalan keessaa Ambasaaddar Reedwaan Huseenii fi Dr. Geediyoon Ximotewoos kanneen marii mootummaafi TPLF jidduutti ture irrahirmaachuun milkaa'an fa'i keessatti argamu.
Gama WBOn ammoo hayyuu Seenaa buleessi Piroofeesar Mahaammad Hasan, gorsaa ajajaa waliigalaa WBO Obbo Jireenyaa Guddataa, Obbo Xahaa Abdii, Luba Bantii Ujuluu fa'i keessatti akka argaman maddeen BBC'tti himan.
Gama lamaaniinuu, bakka bu’oonni dhimma siyaasa biyyaafi seenaa Itoophiyaa bareechanii beekan ta’uunsaanii ammoo mariicharratti wal hubannoo qabaachuuf haala akka mijeessuuf yaadama.
Hiree ofii ofiin murteeffachuun maali?
Siyaasni Oromoo haala gurmaa'en gaggeeffamuu erga jalqabee, keessumaa hundeeffamuu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) wajjin wal-qabatee gaaffiin 'hiree ofiin murteeffachuu' jedhu ifatti bahee dhagahamuu jalqabe.
Jijjiirama siyaasaa bara 2018 Itoophiyaatti umamee hordofee ABOn gara biyyaatti deebi'uus, baay'ee osoo hin turiin mootummaafi dhaabicha gidduutti dhibdeen dhalate.
Qaama ABO kan ture WBOnis mootummaarraa amantee hin qabu jechuun waraanatti galame.
Yaadni 'hiree ofii ofiin murteeffachuu' jedhu sagantaa siyaasa isaanii isa ijoodha.
Marii nagaa Taanzaaniyaatti taa'amaa jiruunis qabxiin WBOn qabatee dhiyaatu inni guddaan yaaduma hiree ofii murteeffachuu akka ta'e kaasu Pirofeesar Hisqeel.
"Waraanni Bilisummaa Oromoo osoo Adda Bilisummaa Oromorraa adda hin bahiin dura maanifeestoo [ejjannoo] fi galma siyaasaa qabu turan. Qabxiidhuma sana qabatanii akka dhiyaatan kanan tilmaamuu danda'u," jedhu.
Uummanni Oromoo Itoophiyaa keessatti dhiibbaa garaa garaa irra gahu mufachuun qabsoo qindaa'atti erga seenee walakkaa jaarraa ta'eera jedhan.
"Ummanni Oromoo waggaa 50 oliif hiree ofii ofiin murteeffachuuf qabsaa'aa ture," jechuun, gaaffiiwwan diinagdee, qabeenyaa fi waan dachee Oromiyaarra jiru abbummaan bulchuu fa'i akka ta'e kaasu.
WBOnis ibsa ejjannoo yeroo garaa garaa baasu keessatti, uummanni Oromoo hireesaa ofiin akka murteeffatu gonfachiisuuf akka qabsaa'u ibsaa ture.
"Waraanni Bilisummaa Oromoo bosonatti kan galeef kanuma dhugoomsudhaaf malee iccitiin dhokataa biraa hin jiru," jedhu Pirof. Hisiqeel.
Ibsa MM Abiy Ahimad marii amma Taanzaaniyaatti taa'amaa jiru kan ilaalchisuun ifatti dubbatan hordofees WBOn ibsa Ebla 23, 2023 baaseen hanga gaaffiin uummata Oromoo furmaata argateetti mootummaa waliin mari'achuuf qophii akka ta'e ibsee ture.
"Marii bu'a qabeessaafi furmaata waaraa muffii fi fedhii uummata Oromoof deebisuu danda'u irratti hirmaachuuf WBOn ejjannoo hin sochoone akka qabu ibsuu feena."
"Waanti deemaa jiru kun haqa, wal-qixxummaafi ofiin of bulchuu nuti barbaannuuf jalqabbii boqoonnaa jijjiiramaa akka agarsiisu abdannas," jedha ibsichi.
MM Abiy Ahmad Ebla 23, 2023 mariin araaraa mootummaa fi WBO gidduutti eegaluuf akka jiru gaafa ifa godhan, marichas waan uummanni Itoophiyaa "cimsee barbaadudha'' jechuun, kanneen maricharratti hirmaatanis nageenyi akka milkaa'uuf hojjachuu akka qaban dhaamanii turan.
Hiree ofii ofiin murteeffachuun fottoquudhaa?
Heerri Mootummaa Federaalaawa Dimokraataawa Riipaablika Itoophiyaa sabaaafi sab-lammoonni mirga hireesaanii ofiin murteeffachuu akka qaban ni mirkaneessa.
"Nuti, sabaafi sabalamoonniifi ummatoonni Itoophiyaa, biyya keenya Itoophiyaa keessatti nageenyi itti fuufiinsa qabu, dimookiraasin wabiinsaa eegame akka mirknaa'uuf, guddini hawaasummaafi diinagdee keenya akka saffisuuf, mirga ofiin of bulchuu keenya fayyadamnee, fedhii keenyaan hawaasa siyaasaa tokko kan fedhii keenyaafi olaantummaa seeraarratti hundaa'e waliin taanee ijaaruuf..." jechuun seensa heerichaarratti kaa'era.
Yeroo heddu mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu dhaabbileen Oromoo kaasan akka waan Oromoon Itoophiyaarraa fottoquuf qabsaa'utti dalga akka hubatamu kaasu Pirof. Hisqeel.
"Jalqabumayyuu Addi Bilisummaa Oromoo gaafa ijaarame, sagantaa siyaasaa sana keessatti fottoqanii Itoophiyaarraa bahuu malee karaa ittiin Oromoon wal-qixxummaa qabaatee jiraatu hin jiru hin jenne."
Fottoquus yoo ta'e, sababii heerri Itoophiyaa keeyyanni 39 waa'ee fottoquu dubbata waan ta'eef, yakka akka hin taane kaasuun gaaffin ABOs ta'ee kan WBO fottoquu akka hin taane kaasu hayyuun seenaa kun.
Hiree ofii ofiin murteeffachuun gama biraatiin "filannoo uummataaf dhiyeessuu" akka ta'ee fi Oromoonis kanaaf qabsaa'aa akka ture kaasu.
"Waan ta'uu malu Oromoon irratti haa murteessudha malee yeroo itti karaan tokkicha malee hin jiru kan jedhu sabboontota Oromoo keessa dhagahamee hin beeku," jedhuun, qaamoolee gaaffii Oromoo akka yakkaatti dhiyeessuu barbaadanitu gaaffii ummatichaa fottoquutti fakkeessee jedhu himu Prof. Hisiqeel.
Oromoon ofiin of-bulchaa hin jiruu?
Marii nagaa amma itti taa'amaa jirurratti WBOn ajandaa qabatee dhiyaatu keessaa tokko hiree ofii ofiin murteeffachuu ta'u akka malu kan hima hayyuun seenaa kun.
Gama mootummaa Itoophiyaan ammoo ejjannoon jiru ummata Oromoo dabalatee uummatoonni Itoophiyaa ofiin of-bulchaa jiru kan jedhu ta'uu mala.
Prof. Hisqeel akka jedhanitti, durii kaasee gaaffiin Oromoo namni dhuunfaa aangoo qabachuu ykn masaraa galuu osoo hin taane, sirni uummataa Oromoo dabalatee saboota hunda haala wal-qixatti keessummeessu umamuu qaba kan jedhuudha.
"Kan gaaffiin Oromoo hundi deebi'eera jedhu warra aangoo jiraniidha. Garuu Oromoon dhaabni tokkoo ykn namni tokko aangoo naaf haa qabatuu jechuun takkaa qabsaa'ee hin beeku."
"Masaraa mootummaatti galuudhaaf yoo ta'e, Hayilasillaaseenis, Tafarii Bantiis Oromoo ture.'' Akkasumas Mangistuu Hayilamaariyaam dabalatee Iyyaasunis Oromoo ta'uu ibsuun "sun gaaffii Oromoo hin turre" jedhan.
Ummanni Oromoo bahee sagaleesaa kennuun hireesaa murteeffatee hin beeku waan ta'eef, gaafa sun raawwate furmaanni siyaasaa (political settlement) dhufuu akka danda'u kaasuun, mootummaa amma biyya bulchaa jiru dabalatee mootummoonni hanga ammaa jiran kana hojiirra waan hin oolchineef rakkoon hanga ammaa itti fufuu ibsu.
Haala qabatamaa amma jiruun mootummaan gaaffii hiree ofii ofiin murteeffachuu sagalee uummataatiin murtaa'u, keessummeessuu ni danda'aa jedhu.
Yaadni kunis Heera Itoophiyaa, "Nuti sabaafi sab-lammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa, Itoophiyaa akka haaraatti ijaarra...waliigaltee ummataarratti kan ijaaramte goona jedhamee waggaa 30 itti deemamaa ture," jechuun bara 1991'tti sabaafi sablammoonni waliin ta'anii biyya jabduu ijaaruf walii galuu himu Pirof Hisiqeel.
Yeroo dhiyoo as garuu 'finxaaleyyiin federaalizimii sab-daneessaafi heera hojiirra jiru haqamuu qabna jedhan waan ka'aniif, Itoophiyaatti waraanni bifa haaraan akka eegale kaasu.
Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu heerri biyyattii hayyamu keessummeessuun rakkisaa miti, sababni isaas mirga heeraan taa'e waan ta'eefiidha jedhu.
"Warri amma mariirra jiran dhukaasa dhaabnerra yoo jedhan iyyuu hamma furmaanni siyaasaa hin jiraanneetti wal-waraansi hin dhaabatu," jechuun mootummaan adeemsa qophaa fiigurraa akka of qusatu gaafatu.
Gama biraan ammoo heerri Itoophiyaa qaamolee mariitti jiran kana walitti dhiyeessuuf akka bu'uurratti akka gargaaru dubbatu Pirof. Hisiqeel.
"Mootummaan Itoophiyaas heera sanaan ala waanta ta'e gaafachuu hin danda'u. Isa booddee waanti jijjiiramu yoo barbaachise mariidhaan itti adeemuudha."
"Gaaffiin WBOn dhiyeessaa jiru heera fi seera qabeessa; warri mootummaas isa irraa mulquuf osoo hin taane isa sana kabajuuf yoo itti deemee waanni kun rakkisaayyuu hin ta'u," jedhu.
Qormaanni marii kana mudachuu malu maali?
Pirofeesar Hisqeel akka jedhanitti, qaamoleen mariitti jiran lachuu biyyattii keessatti nagaan akka dhufuuf fedhiin dhimmanii yoo hojjataniifi heera biyyattii bu'uura godhatanii yoo mari'atan furmaanni waliigalteerra gahuun salphaadha.
"Fedhiin jiraannan mootummaafi WBOn waliigaluu danda'u, maaliif? yoo jedhame, lamaansaaniitu Heera biyyaarratti waan hundaa'erraa waan ka'aniif jedheen yaada," jedhan.
Haata'u ammoo qormaanni mudachuu mala jedhanii isaan yaaddessuu tokko, qaamolee wal mari'ataa jiran osoo hin taane biyya keessaa akka ta'e himu.
"Biyya keessaatti murni siyaasaa WBO fi mootummaan waliigaltee godhanii gaaffiin uummata Oromoo akka deebi'u kan hin barbaanne baay'etu jira. Kanatu ta'e sanatu ta'e jedhanii holoola gadi dhiisuu danda'u," jechuun yaaddoo qaban ibsu.
WBO gidduutti osoo hin hafne oduu oofun garri tokko fudhatee, garri biraa dide jedhamee akka odeeffamu gochuunis akka jiraatu shakku.
Walumaa galatti, araara kana gufachiisuuf rakkoon akka uumamu qaamni godhu jiraatuu akka malu shakkii qaban kaasu.
"Guufuun gaara guddaa kan jiru Taanzaaniyaa lafa mariin itti gaggeeffamuutti osoo hin taane, biyya keessadha. Warri waligaltee kana hin barbaanne Oromummaa nurratti [dagaagsuuf] jechaa jiru," jedhan.
Mariin nagaa kun akka milkaa'uuf, hanga bakka bu'oonni mariitti jiran bahanii waan irra gahan dubbatanitti hunduu obsaan eeguun galma gahiinsa marii nagaa kanaaf gumaacha akka godhu dhaaman Pirofeesar Hisiqeel Gabbisaa.