Dhukaasa dhaabuun booda hireen Hezboollaa maal taha?

Madda suuraa, EPA
Daandiin dukkanaa'ee konkolaataan cufamee jira. Namoonni lafoo adeeman miya isaanii korojoon baatanii iddoo deeman beekuu baatanillee as turuu akka hin dandeenye garuu beeku.
Kuni haala gaafa Kibxataa giddugala Beeruut Nuweerii keessa ture yoo tahu innis waraanni Israa'el namoonni naannicha akka gadhiisan ajaja baasuun booda dha.
Haleellaan akeekkachiisa tokko malee waaree booda raawwate gamoowwan jijjigsee namoota torba ajjeese.
Namoonni iddoo kana turuu waan sodaataniif gadhiisaa jiru.
Daqiiqaawwan muraasa booda dhukaasni dabalataa dhagahame, ergasii sa'atii dheeraaf dhukaasni baayyee dhihoo fi fagoorraa dhagahamaa ture.
Dhukaasni akeekkachiisaa dabalataa, namoonni akka baqatan gochaa ture. Kana hunda keessa sagaleen diroonii Israa'el samiirraa dhagahama.
Muddamni jabaa kuni yeroo biyyattiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'el dhagahauuf eegaa jirtutti mudate. Lola waggaaf Hezboollaa Iraaniin deeggaramu wajjin taasifamu dhaabuuf waan akkaan abdatamudha.
Waliigalteen kuni yeroo eegamaa turetti Israa'el haleellaa jajjabaa Beeruut irratti buuste.
Daqiiqaa lama Nuweerii keessatti haleellaa raawwachuun booda jeettiin loltuu qiyyaafannoowwan 20 kibba magaalatti jiran haleelan, kunis magaalaa Daahee lafa Hezboollaan buufateera.
Humni Waraanaa Israa'el qiyyaafannoowwan haleelaman bu'uuraalee Hezboollaan fayyadamuu dha yoo jedhu haleellaan guutuu magaalattiitti dhagahamaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Amma waliigalteen dhukaasa dhaabuu ifatti himameera, garuu gaaffiin deebii hin aragnne jira.
Waraanni kuni Libaanosiif gadadoo ture, erga waraanni Onkololeessa 2023 jalqabeen as lammiileen 3,700 jalaa ajjeefamaniiru. Namoonni miiliyoona tokko tahan immoo naannoo Hezboollaa qubaturraa buqqaafamaniiru.
Akka Baankiin Addunyaa tilmaametti biyyattiin doolaara biiliyoona 8.5 tahu waraana kanaan dhabdeetti. Kana deebisuuf yeroo kan fudhatu yoo tahu eenyu kanaaf akka kaffalu ammoo hin beekamu.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaan loltoonni Libaanos kumaatamni naannoo kibbaatti bobbaafmu. Loltoonni Israa'elis tahe kan Hezboollaa achii bahu.
Haatahu malee, loltoonni Libaanos ergama kana fiixaan baasuuf maallaqa, humna namaa fi meeshaa akka hin qabne
Gaaffiin garuu kan maallaqaa qofa miti sababiinsaa maallaqni michoota Libaanos addunyaarraa argamuu danda'a. Dhimmi guddaan loltoonni Libaanos yoo barbaachisaa tahe Hezboollaa loluu danda'u kan jedhudha.
Haalli kuni lammiilee Libaanos wal-lolchiisuu taha, kuni biyya seektaraan wal-qoodduuf balaa guddaadha.
Qondaaloti Libaanos jijjiiramni akka dhufu barbaadu kana gochuuf fedhiin siyaasaa akka jiru himan.
Hezboollan boquu cabeera. Hasan Nasrallaa dabalatee hogganootisaa baayyeen ajjeefamuun bu'uuraaleen misoomaa barbadaa'aniiru. Waraana booda akkam taha waan jedhu ammallee waan tilmaamuun hin danda'amnedha.
Gareen akkaan dadhabeera, namoonni gariin salphateera garuu hin barbadoofne. Libaanos keessatti humna milishaan olii dha: paartii siyaasaa paarlaamaa keessaa teessoo qabu dha. Musliimota Shiyaa irraas deeggarsa guddaa qaba.
Mormitoonnis dhiibbaasaa hir'isuuf carraa gaariitti ilaaluu danda'u. Waraanaan dura Hezboollaan mootummaa biyya mootummaa qabdu keessaa jedhameetu ilaalama ture.
Namoonni Hezboollaa hin deeggarre biyyattii waraana fedhii ishee hin taanetti galche jechuun qeequ.
Waliigalteen kuni waraana Israa'el wajjin jiru goolabuu danda'a. Haa tahu malee lammiileen Libaanos lolli waliinii itti fufa sodaa jedhu qabu.












