Ameerikaatti 'dallaaloota reeffaa' namaa akka handaaqqootti jifuu baasuun qinxaaboon gurguran

Oggeessa fayyaa uffata wallaansaa kaawate fi meeshaalee wallaansaa

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Lammiin Ameerikaa Haroold gaheessa waggaa 56ti. Teeksaas keessa jiraata. Yeroo baayyee koffiyyaa fi jiinsii dhiphaa uffachuu jaalata. Ogummaansaa makaanika. Ogummaasaatiin eenyumatu isa beeka.

Sadaasa bara 2009 kaansariin qabamunsaa barame. Innis hanga guyyaansaa qaqqabuutti gara wiirtuu kunuunsaatti gale.

Osoo kaansariin qabamee dhukkubsataa jiruu keessummaan tokko itti dhufe. Innis nama osoo hin taane, dhaabbata 'Baayoo Keer' jedhamu.

Dhaabbanni kun Harooldiin gaaffii hin eegamne tokko gaafate. ''Silaa du'uun kee hin oluu, garuu erga duuteen booda maaliif reeffa kee qorannoo saayinsiitiif hin arjoomtu?'' kan jedhu ture.

''Keessattuu qaama miilakee barbaadna. Yoo ati duute, hakiimonni wallaansa shaakalan yaalii baqaqsanii wallaanuu jilbaa taasisuuf isaan barbaachisa'' jedhan.

Haroold toles lakkiis osoo hin jedhiin dhaggeeffateen.

''Yoo kutaalee qaama keetii fedhiidhaan shaakala wallaansaatiif kennite, reeffakee isa hafe gubnee, daaraa isaa qaaruuraan saamsuun maatii keetiif deebiifna'' jedhaniin.

"Kan ofiin gochuu dandeessa. Garuu baasii qaba. Ati qaama kee yoo nu kennite nuti baasii isa hafe ni haguugna'' jedhaniin.

Haasaa kana wayita taasisanitti intallisaa dubaraa isa waliin turte. Faaraah jedhamti. ''Abbaankoo yeroo haasaa kana dhagahu ijjisaa ife'' jechuun miira isaa yaadatti.

''Abbaankoo yaada dhaabbatichi dhiyeesse kan ba'aa maatii hir'isu taasisee ilaale. Qaamasaa arjoomuun ammoo gocha of jaalachuurraa bilisa ta'e isa dhumaa akka ta'etti yaade.''

Haroold tibbuma sana du'e. Battaluma du'uunsaa dhagahamettis hojjattoonni dhaabbata 'Baayoo Keer' battaluatti hospitaalaatti argaman. Achinis reeffasaa fudhatanii deeman.

Intalliisaas ni boqatte. Garuu baatiiwwan muraasaan booda poolisiirraa bilbilameef.

''Maal ture?'' jechuun gaafatte. Mataan abbaashee man-kuusaa keessatti gatamee argatanii ture kan bilbilaniif. Isheenis naasuudhaan gogdee hafte.

Heroold Diilaard jiraataa Teeksaas turan fardasaa harkisanii
Ibsa waa'ee suuraa, Heroold Diilaard jiraataa Teeksaas turan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiinis man-kuusaa dhaabbata reeffa namoota ballatu (jifuun baasu) kanaa keessatti kutaalee qaama namoota 45 kuufamee agarte. Kutaan qaamolees 100 ni ta'a.

''Reeffii hundi kan qottoon murame fakkaata'' jechuun barreessan qorataan tokko.

Faaraah dhaabbanni kun reeffa abbaashee ulfinaan akka qabu yaaddee turte.

Mataa reeffa abbaashee erga agarteen booda irriibni ijasheerraa bade.

''Halkan ijakoo yoo dunuufadhu reeffa murmurameetu gandaa diimaa keessatti gatamee natti mul'ata. Guyyaa sanaa kaasee dhukkubni irriba dhabu na qabate'' jetti.

Dhaabbanni kunis karaa abbokaatoo isaatiin ''nuti reeffa namootaa haala hin taaneen hin qabne'' jedhee ture. Isaan booda garuu dhaabbatichi ni cufame. Abbootiin qabeenyaa duraas gabaasa kanaaf deebii kennuu hin barbaadne.

Faaraah dhaabbileen akkasii jiraachuu kan barte sababii abbaanshee du'eetiin. Isaan dura reeffa namootaa bituudhaan, reeffa qalanii, jifuu baasuudhaan qorannoo yaaliitiif kan dhiyeessan 'dallaaloonni reeffaa' akka jiran gonkumaa hin beektu turte.

Gochaa kanas haala gaariin, haala badaanis kan kaasan jiru.

Qeeqxonni kun ''saamicha awwaalcha hammayaati'' jedhu. Kaan ammoo ''kun gocha eebbiifamaadha, yaaliin ammayyaa tola-oltummaa malee eessayyu gahuu hin danda'u'' jechuun falmu.

Dhaabbileen dhuunfaa dallaalummaa reeffaa kana hojjatanis reeffa qorannoof gahuu dhiyeessaa waan jiraniif, qaawwa yunivarsitoota biratti mudatu guutaa jira jechuun falmu.

Wanti kunis yaadaafi hubannoo waa'ee jireenyaa fi du'aa qabnu kan qorudha. Duuti kabaja qabu kan attamiiti? Kabajaan du'uun mataansaa maalidha?

Harooldii fi intalasaa Faaraah
Ibsa waa'ee suuraa, Haroold fi intalasaa Faaraah

'Daldala qinxaaboo' reeffaa

Saayinsiin wallaansaa jaarraa 19ffaa keessa cime. Namoonni saayinsiif ilaalcha gaarii qaban tokko tokkos, qaamni isaanii qorannoo wallaansaaf yoo oole akka hin gaddine ifatti dubbachuu eegalaniiru.

Kanaaf, ergaansaa dhumaasaanii waa'ee qabeenyaa qofa osoo hin taane, qaamni koo qorannoo wallaansaaf haa oolu kan jedhus ni hammata.

Biraandii Shimiit Yunivarsitii Kaaliforniyaatti daarektara kennaa kutaalee qaamaati. Yunivarsitiin Kaaliifoorniiyaa gochaa kanaan beekama.

Biraandii bara darbe wiirtuun isaanii ''kennaa qaama guutuu'' 1,600 akka fudhate BBCtti himan.

Namoonni biraa 50,000 qaamnisaanii qalamee qorannoof akka oolu hayyaman jiru. Isaan kunnen kan dursanii galmaa'anidha osoo lubbuun jiranu.

Yeroo baayyee qaama hayyamuun kennuun kan miira of jaallachuu dhiisanii warra kaaniif kennu irraa maddudha. ''Namoonni reeffasaanii kennan baayyenis kan baayyee baratan ykn kanneen beekumsaaf fedhii olaanaa qabanidha.''

Biraandiin dabalataan akka ibsanitti, tola-ooltummaa kanarratti maallaqni gahee murtaa'e qabu.

Namoota baayyeef baasiin sirna awwaalchaa cimaadha. Baasiin kun akka kaffalamuuf yoo baran reeffasaanii bilisaan kennuuf ni hayyamu.

Gochaansaa waan gaariidhaaf ta'ulleen reeffi namaa murmuramee gabaaf dhiyaachuu qabaataa?
Ibsa waa'ee suuraa, Gochaansaa waan gaariidhaaf ta'ulleen reeffi namaa murmuramee gabaaf dhiyaachuu qabaataa?

Kanneen reeffa namaa bitatan eenyu fa'i?

Akkuma manneen barnootaa wallaansa fayyaa hundaatti, Yunivarsitiin Kaaliiforniyaa sagantaa qaama arjoomuutiin bu'aa hin argatu. Reeffi ykn afaan wallaansaatiin 'cadavers' attamiin qabamuu akka qabaatu irratti qajeelfamoonni jiru.

Haata'u malee, waggoota muraasaan asiitti Ameerikaatti wanti falmisiisaan tokko uumameera.

Kanneen namoota dhuufnaarraa reeffa bitanii qaluudhaan akkuma meeshaa jijjirraa konkolaataatti kanneen raabsaniifi dhaabbileen bu'aaf dhaabbatan umamaniiru.

Dhaabbileen kunneen mataansaanii ''dhaabbilee kuusaa qaama namaa beekamoo'' jechuun of waamanilleen, ummanni caalaa kan isaan beeku garuu 'dallaaloota reeffaa'' jechuudhaanidha.

Maamiltoota isaanii keessaa yunivarsitoonni ni argamu. Reeffa kan bitanis qorannoo irratti gaggeessuudhaaf. Isaaniif akkuma meeshaa qorannoo biraa bituuti kun.

Maamiltoonni isaanii kaan ammoo kanneen mahaandisummaa wallaansaa irratti bobba'anidha. Fakkeenyaaf, yaalii tafa buqqiisanii dhaabuu yaaluudhaaf reeffa barbaadu.

'Hojiiwwan dallaalummaa reeffaa' bu'aaf hojjatamu akkasiis, UKtti ta'e Awurooppaatti kan baayyisee dhorkamedha. Ameerikaatti garuu seerisaa laafaa waan ta'ef daldallisaa cimaa jira.

Bara 2017tti gaazexessaan Tooyitars beekamaan Biriiyaan Girowu jedhame tokko dhimma kanarratti qorannoo hojjatee ture.

Akka gabaasa isaatti, dhaabbileen hojii dallaalummaa reeffaa bu'aaf hundeeffaman 25tu Ameerikaa keessatti argama. Isaan keessaa dhabbata tokko qofti waggaa sadiitti bu'aa doolaara miiliyoona 12 argateera.

Dhaabbilee hedduun daldala reeffaa kanaan sooramaa jiru. Qajeeltoo naamusaa cimaa hedduu hordofu. Muraasni isaanii garuu reeffa haala hin malleen qabuun, maatii nama du'ee arrabsuu fi kanneen humna hin qabne gaddasaanii irratti qoosuudhaan maqaansaanii ni ka'a.

Daldalli kun sababii itti Ameerikaatti babal'achuu dandaa'e keessaa ''sababii to'annoo cimaan hin jirreef'' jetti Jeenii Kilemaan.

Jeeniin dhimmicharratti kitaaba 'The Price of Life' jedhu barreessitee jirti. Jeeniin kitaabashee irratti biyyoonni baayyeen Ameerikaarraa bittaa reeffaa akka raawwatan irra geesseetti.

''Biyyoota hedduu keessatti kan fedhiin reeffa arjoomu hin jiru. Hanqina kana guutuuf jecha reeffa Ameerikaa irraa argatu'' jetti.

Dallaalonni reeffaa galmee idilee hin gaggeessan ta'a. Kanaaf, baayyina sirrii argachuun ni rakkisa. Haata'u malee, akka Rooyitars jedhutti, bara 2011-2015tti qofa dallaalonni dhuunfaa Ameerikaatti argaman yoo xinnaate reeffa kuma 50 fudhachuun qaamolee namaa kuma 182 ol raabsaniiru.

Gochi ofittummaa ambulaansii waliin nama fiigsisu kun hedduu dhimma falmisiisaa ta'edha.

Dhimmichi daldala ta'unsaa gochaawwan haamlee qaamaatiin wal faalleessan qaba. Fakkeenyaaf, Rooyitars qorannoo gaggeesseen dhaabbileen sirna awwalchaa raawwatan dallaaloota reeffaa waliin walitti dhufeenya hojii uummataniiru.

Sirna awwaalchaa kanneen raawwatan ammoo dallaaloonni maatii nama du'eetti dhiyaatee waliin isaan barsiisu. Isa keessaa komishinii argatu. Kaffaltiin komishinii isaanis hanga doolaara kuma tokko ni ta'a.

Dallaalonni kunneen hojii keessaa yoo bahan hoo?

BBC dhimmakanarratti kanneen dubbise hundi, Ameerikaan seera cimaa baasuu qabdi jedhu. Seera attamii kan jedhu ammoo falmiisiisaadha.

Waahilli Yunivarsitii Kaaliiforniyaa Shiimiiti Ameerikaan seera akka warra Awurooppaa baasuu qabdi jedhu. Kunis reeffa bu'aaf oolchuu kan dhorkudha.

Dhimma kanarratti kitaaba kan barreessan Kilimaan garuu seera baasuun hanqina reeffaa olaanaa uuma jedhu.

''Seera cimaa akka warra Awurooppaa sana baasuun yoo barbaachise jalqaba namoota hedduu fedhiidhaan reeffasaanii qorannoo saayinsiitiif akka hayyaman amansiisin barbaachisaadha'' jedhu.

Garuu ammoo abdiin saayinsii (virtual reality) gara biraa guddachaa jira. Kana yoo ta'e ammoo qorannoo saayinisiitiif reeffii barbaachisuu dhiisuu danda'a.

Barattoonni akka karaa 'virtual reality' kanaan qorannoo akka taasisaniif carraa ni uuma.

Bara 2023tti Yunivarsitiin Keez Weestarn barattoonni guutummaan reeffa dhiisuun akka karaa 'virtual reality'n deeggaramaniif qaama namaa kompitaraan umamee irratti qorannoo akka gaggeessan taasifamee milkaa'eefiira.

Yunivarsitoonni gara biraa kana duukaani bu'u ta'a. Hanga sanatti ammoo dallaalonni reeffaa daldallisaanii bu'aa qabeessa ta'e itti fufuunsaa waan hin oollee fakkaata.