Qonnaan bulaan dubartoota ajjeesuun foon isaanii booyyee nyaachise mana murtiitti dhiyaate

Qonnaan bulaa Afrikaa Kibbaa Zakaariyaas Yohaannis Oliveer fi hojjettoonni isaa Adiriyaan de Welt fi Wiiliyaam Musoraa mana murtiitti yeroo dhiyaatan.

Qonnaan bulaan Afrikaa Kibbaa uummata warra adii keessaa tahe dubartoota gurraachaa lama rasaasaan ajjeessun foon isaanii booyyee nyaachise mana murtiitti dhiyaate.

Qonnaan bulaan kun hojjettoota isaa biroo lama waliin tahuun akka dubartoota kanneen ajjeesan himame.

Dubartoonni lama Maariyaa Maakgaatoo kan umuriin ishee waggaa 45 tahee fi Luusiyaa Indiloovuu jedhaman kan umurii ishee ganna 34 tahe gara naannoo lafa qonnaa qonnaan bulaa kanaa deemuun nyaata barbaadaa turan.

Taateen kun kan raawwate Afrikaa Kibbaa Bulchiinsa Limpoopoo naannoo Polokwaanee jedhamu cinatti raawwate.

Qonnaan bulaan uummata warra adii keessaa tahe kun hojjettoota isaa lama waliin tahuun dubartoota kanneen lamaan ajjeesuun ragaa balleessuuf jecha qaama isaanii mummuruun booyyee isaanii nyaachisan.

Qonnaan bulaan kun Zakaariyaa Yohaannis jedhama. Manguddoo ganna 60ti. Hojjettoonni isaa ammoo Adiriyaan de Welt dargaggoo ganna 19 fi Wiiliyaam Musora kan ganna 50 tahan ammayyuu mana hidhaa jiru.

Dhimmi kun Afrikaa Kibbaa keessatti muddama guddaa uumeera. Walitti bu'insa sanyummaa hamaa kaasa jedhamees sodaatameera.

Muddamni akkasii kun naannoo baadiyaa Afrikaa Kibbaatti kan hammaatu yoo tahu, erga sirna appaartaayidiitti xumura godhamee waggaa 30 boodas rakkoon kun hin furamne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Irra caalaan lafa qonna baadiyaa keessaa harka warra adii jira. Uummanni gurraacha ammoo miindaa xiqqaadhaan qacaramanii hojjetuufi.

Kun ammoo uummanni gurraacha akka dheekkamu taasisaa jira. Uummanni warra adii garuu yakki nurratti hojjetamu dabaleera jechuun himatu.

Namoonni sadeen amma mana murtiitti dhiyaachuuf jedhan kunneen yaalii ajjeechaa biraanis himatamaniiru.

Abbaa warraa dubartii ajjeefamte Luusiyaa Indiloovuu irratti yaalii ajjeechaa raawwachuun himatamaniiru.

Yeroo Luusiyaa Indiloovuu ajjeefamtu abbaan warraa ishee kun ishuma waliin naannoo lafa qonnichaa ture.

Dabalataan meeshaa waraana eeyyama itti fudhanne qabachuunis himatamaniiru.

Shakkamaan Musoora jedhamu lammii Zimbaabuwee yoo tahu seeraan ala biyyattii galuudhaanis ni himatama.

Yeroo dhaddachi isaanii mana murtii Limpooppootti jalqabuuf jedhutti firoonnii fi deeggartoonni miidhamtootaa naannicha guutaniiru.

Paartiin mormituu kana dura qonni shakkamaa kanaa akka cufamuuf gaafate 'Economic Freedom Fighters' jedhamuu fi Juuliyesh Maalemaan durfamu dhaddacha kana hordofuuf achitti argameera.