Siiriil Raamaafosaa: Duressi Afrikaa Kibbaa gaggeessaa jiru eenyu?

Siiriil Raamaafoosaa

Pirezidanti Siiriil Raamaafoosaan amala isaa kan namatti tolu, magaalaatti kan dhalateefi dursaa gamtaa hojjattootaarraa gara abbaa qabeenyummaa beekamaa kan qaxxaamureedha.

Namni siyaasaa muxxannoo waggoota kurnan lamaa qabaniifi dursaan Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan, ofitti amanaa fi nama surraa qabaniidha.

Sochii farra Appaartaayidii keessatti gahee olaanaa kan bahan namni siyaasaa kunis, filannoo dhiheenyatti biyyattii keessatti gaggeeffamuun irra deebiin pirezidantummaan ni filatamu jedhamanii eegamu.

Haata’u malee, yaada uummataa dhiheenya walitti qabameen, dursaan Kongrasiin Biyyaaleessaa Afriikaa (ANC)n Raamaafoosaan waggaa 30n booda yeroo jalqabaatiif sagalee parsantaa 50 argachu akka danda’an raageera.

Gaheessi wagga 71 Raamaafoosaan bara aangoosaaniitti hojii dhabiinsa, dhabiinsa qoodiinsa qabeenyaa wal gitaa, addaan cituu ibsaa hammaateefi malaammaltumaan qormaata itti ta’aa jira.

Keessattuu sirni Appaartaayidii kufuu hordofee erga ANCn bara 1994tti gara aangootti dhufeen booda, gahee pirezidantummaa ni barbaadu turan kan jedhaman Raamaafoosaan haala qabatamaan jirurraan kan fagaate taasiseera.

Raamaafoosaan bara 1952tti dhiheenya Johaansibargiitti dhalatan. Ijolluummaafi dargaggummaasaanis sirna Appaartaayidii keessatti dabarsan. Cunqursaafi haqa dhabiinsa ijollummaarraa kaasee beeku.

Wayita daa’ima turanidha kan maatiinsaanii dirqamaan gara ollaa Sowaattootti kan isaan geessan. Lammiileen biyyattii miliyoonaan lakkaa’amanis aanga’oota adii yeroo sana turanii Sowaattoo dabalatee eddoowwan gammoojjii ta’an akka qubatan taasifamu ture.

Yeroo barataa sadarkaa lammaffaa turaniittis, barattoota cimoo keessaa tokko akka turan pirofeessarri seenaasaanii barreessan Antoonii Baatilar BBCtti himaniiru.

‘‘Nama baayyee ofiitti amanummaa qabuufi jaalatamaa ture’’ jechuun ture Pirofesarri kun kan waa’ee Raamaafosaa dhugaa bahan.

Turtii yunivarsitii isaanittinis Raamaafoosaan, sochii gurraachootaa keessatti hirmaannaa olaanaa qabu ture. Kanaanis sirnichi baatii lamaaf qofaasaanii mana hidhaa keessa akka turu taasisee ture.

Kanneen gamtaa biyyaaleessaa hojjattoota albuudaa ittigaafatamtoota warshaa albuuda adii irratti ka’e keessaa tokko turan Raamaafoosaan.

Gamtaan kunis seenaa Afriikaa Kibbaa keessatti loogiiwwan sababii bifa gogaasaanitiif kanfaltii fooyya’aa argatan dabalatee, hojimaata haqa-maleessa hojjattoota gurraachootarra ture kuffisuudhaaf mormii olaanaa qopheessee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Appaartaayidiin dhabamsiisuu keessatti shoora guddaa kan qabu ANC'tti makamuun cunqursaan akka dhaabbatuuf qabsoo jiru ture keessatti Neelsan Maandeellaa wajjin dhiyeenyatti hojjetaniiru.

Bilisummaan booda yeroo Maandeelaan pireezidnatii Afrikaa gurraacha jalqaba tahan Raamaafoosaan fedhii ittaanaasaanii tahuu qabu ture. Tahus fedhiin isaanii otoo hin milkaahiin hafe, iddoon sun Taaboo Hinbeekii dhaaf kenname.

Raamafoosaan haala tureen gammadaa tahuu baatanillee miseensa paarlaamaa tahuun, heera haaraa Afrikaa Kibbaa wixineessuu fi raggaasuu keessatti shoora akka qabantu himama. Tahus namni uummata biratti jaalatama horatan kuni haala nama dinqisiiseen siyaasarraa fagaachuun addunyaa daldalaatti makaman.

''Maandeellaa fi warra kaanitti amaneetu kallattisaa jijjiirrate. Yeroos inni dargaggeess ture,'' jedhu Piroofesar Baatilar.

Daldala biyyattii warra adii muraasaan qabamee keessatti Raamaafoosaan damee garagaran hirmaachuu jalqaban. Telekoomii, miidiyaa, bishaan lallaafaa akkasumas nyaatni Maakdoonalsiin Ameerikaa kan damee Afrikaa Kibbaa kan isaaniiti. Kana malees hojii albuuda baasuu keessaas qabu.

Daldallii isaanii bu'aa qabeessa taheefi Raamaafoosaan daldala isaaniin milkaa'uun bara 2015tti bu'aa miiliyoona 450 argachuun namoota siyaasaa sooreyyii Afrikaa Kibbaa keessaa tokko tahanii turan.

Tahus bara 2020 lafa albuuda pilaatiniyamii baasu Maariikaanaatti poolisiin hoojjettoota 34 ajjeesuun booda maqaan Raamaafoosaa cilaattiin itti haalaqachuu jalqabe. Maariikaanaan bittaa warra adiin booda tarkaanfiin poolisii hamaafi ajjeechaan baayyee kan itti taasifame tahe.

Maariikaanaatti yeroo ajjeechaan raawwatamu Raamaafoosaa dhaabbata addunyaa albuuda abaasu Loonmiin keessatti daarektara turan. Yeroo tokko hojjettoota faalmaafi turan gananiiru jedhamuun qeeqamaa turan. Waanti kana jechisiise ammoo, hojjettoonni mormii waamuu isaanii eeruun, ''gochaa yakkaa dhaabsisuuf'' tarkaanfiin akka fudhatamu ajaja kennuusaanii ergaan imeelii agarsiisu gadhiifamuu hordofeeti.

Garee ajjeechaa kana raawwate jedhame irratti qorannoon taasifamuun booda isaan bilisa bahanillee maqaa isaanii xuraa'erraa isaan qulqulleessuu hin dandeenye.

Bar tokko mirga hojjettootaaf kan falmaa turan Raamaafoosaan erga tujaara tahaniin booda gara siyaasaa kan deebi'an ittaanaa paartii ANC tahuun erga filatamaniin booda dha.

Waggaa lamaan booda Pireezidant Jaakoob Zuumaa himannaan hamaa irra tureef ittaanaa tahan.

Tahus hoggantummaan ANC marsaa lama gaafa goolabamu Raamaafoosaan farra Zuumaafi dorgomaa kaadhimamaa tahuun dhufan.

Bara Zuumaatti malaammaltuummaa akkaan babal'atee jiru hambisuuf kakachuun dhufan.

Neelsan Maandeellaafi Taaboo Mbeekii

Raamaafoosaan pireezidantii ANC tahuuf dorgomuun isaanii akka salphaatti ilaalamus Pireezidant Zumaan deeggarsa isaanii haadha warraasaanii duraanii fi ittigaafatamaa Koomishini Gamtaa Afrikaa duraan Inkoosaazaana Dilaaminiidhaaf gochun isaanii haala baayyee geeddare.

Dorgommii namoota siyaasaa lameen gidduutti taasifameen Inkoosaazaanaa Dilaamiinin mo'achuun bara 2017tti hogganaa ANC tahan.

Zumaan hamma filannoo waliigalaa bara 2019tti pireezidantii Afrikaa Kibbaa tahuun turuuf yaadanii turan. Tahus Raamaafoosaa dabalatee dhiibbaa hogganooti ANC irratti taasisaniin aangoo gadhiisuuf dirqaman.

Waggaa 25 booda abjuun Raamaafoosaa dhugoome. Zumaa bakka bu'uun pirezidantii Afrikaa Kibbaa tahuun akka muudaman paarlamaadhaan yoo labsmau miseensonni mana marichaa sirbaafi iyyaan gammachuu isaanii ibsatan.

Hogganaan haaraa haasaa isaanii jalqabaan malaammaltummaa irratti akka qabsan'an dubbatanillee otoo xiqqoo hin turiin ofiisaanii salphina garagaraatti dhuubamanii maqaan isaanii ka'uu jalqabe.

Raamaafoosaan pireezidantummaa ANCf duula na filadhaa taasisaa turaniin kubbaaniyyaa falmisiisaa biyya keessa jiruarraa qarshii homaa akka hin fudhanne bara 2018tti paarlaamaatti dubbatan.

Boodarra garuu paarlmaadhuma kanaaf deebii yeroo kennan odeeffannoo dogoggaraa dha jechuun dhiifama gaafatan.

Pirezidantichi kana amanuun isaanii duula farra malaammaltummaa isaanii jalaa busheesse. Tahus waggootaan booda tahe jedhanii paarlaamaa dogoggorsaniiru yaada jedhu manni murtee olaanaa biyyattii kufaa taasise.

Pireezidant Zuumaan bara aangoorra turanitti kaazinaa mootummaarraa qarshiin biiliyoonaan lakkaa'amu hatamuun qorannoon waggaa lama dura ifa godheera. Gabaasa kanatti Zuumaan sirnichi tortoruufi hanni babal'achuu otoo arganii dhaabsisuuf homaa hin goone jedhamuun gabaasa kanarratti maqaan isaanii eerameera.

Kanaan hin dhaabbanne erga gabaasni bahee baatii muraasaan booda pireezidantichi malaammaltummaa biraan maqaan isaanii ka'uu jalqabe. Raamaafoosaan lafa qonnaa bineeldotaa irraa doolaara miiliyoona afur fudhachuun dhoksaniiru jedhamuun himataman. Pireezidantichi balleessaa akka hin qabne waakkachuun qarshiin dhoksame bara 2020tti kan fudhatme tahuu himan.

Maallaqichi doolaara miiliyoona 4 osoo hin taane doolaara kuma 580 tahuusaa ibsuun gafarsa gurgureen argadhe jedhaniiru. Gareen ogeessota seeraa mana murtii federaalaa waliigalaan hogganamu qorannoo taasiseen gurgurtaa jedhame raawwachuuf ''shakkii qaba,'' jedheera.

Gaggeesitoota Afrikaa Kibbaa bulchaa turan

Kana hordofuun ANC akkasumas alaan mormitoonni jiran akka aangoo gadhiisaniif isaan gaafatanii turan. Haa tahu malee pireezidantichi deeggarsa paartii isaanii argachuun hoggantummaa isaanii qabachuun itti fufan.

Salphina isaanii kanaan dabalataan hanqina bishaanii, elektiriik fi hojii dhabdummaan yeroottii qoramaa jirtutti pireezidantichi yeroo lammataaf na filadhaa jechaa jiru.

Danqaawwan kunneen irraan kan ka'e fudhatamummaan ANC gadi bu'aa dhufus xiinxalaan siyaasaa Richaard Kaalaalaand Raamaafoochaa rakkoo mootummaa Afrikaa Kibbaa duraanii irraa achii as rakkoon darbaa dhufe dhaalanillee, Raamaafoosaan ''pireezidantii dinqisiisaa fi kan hi sochoone dha'' isaaniin jedha.

''Madaala diinagdee fi kaaniin haalli biyyattiin keessa jirtu gaarii tahuu baatus, isaaniis dadhabina qabaatanillee hogganaa gaariifi biyyattiin isaan barbaaddu dha jedheen yaada,'' jedhu xiinxalaan.

Sagantaa siyaasaa ANC bara 2024 yaaduma xiinxalaa kanaa agarsiisa. Peertichi tarkaanfiiwwan pireezidantichaan fudhataman keessa Afrikaan Kibbaa Israa'el lammiilee Filisxeem irratti duguuggaa sanyii raawwatetti jechuun UN tti himachuu guddisee mul'iseera.

Pireezidantichi bara 2019tti seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf ministeerota isaanii keessaa walakkaa dubartoota gochuun kaabinee haaraa caasessuun dinqiisiifannaa argataniiru.

Waldaa Hojjettoota Albuudaa hogganuu hanga biyya Afrikaa diinagdee guddaa qabdu hamma hogganuutti kan gahan Raamaafoosan jireenyi siyaasa isaanii wal-faalleessan kan gutame dha.

Pireezidantichi duula filannoo amma qabatanii jiraniin jagnummaa ANC'n yeroo appaartaayidii yaadachuutti jiru. ''Bilisummaa waggaa 30 fi demookiraasii yeroo kabajaa jiruutti, lammii Afrikaa tahuu keenyaan haa boonnu, milkaa'ina arganneen haa gammannu. Danqaawwan nu mudatan caala waan milkeessineetu caala,'' jechuun baha Keeptaawon yeroo daawwatan dubbatan.

Baandarii Filannoo AK