Filannoo Afriikaa Kibbaa biyya Itoophiyaanonni hedduun keessa jiraatanirratti qabxilee ijoo saddeeti

Filannoo Afriikaa Kibbaa

Madda suuraa, AFP

Biyyoota Afriikaa keessaa qabeenyaa fi dhiibbaa siyaasaa olaanaa qabaachuun kan beekamtu Afriikaan Kibbaa, Caamsaa 29, 2024 filannoon waligalaa gaggeeffamuuf jira.

Filannicharrattis yaaddoo fi dorgommii cimaan akka jiraatu eegama.

Lammiileen biyyattiis yeroo rakkooleen akka hojii dhabuu, yakkoon olaanoon babal'achuu fi ibsaan yeroo dheeraaf adda cituudhaan dhiphataa jirtuutti kan sagalee kennuuf jiran.

Gabaasni kunis erga filannoon dimokraatawaan bara 1994tti gaggeeffamu eegalee kaasuun, qabxileen saddeeti fakkiidhaan deeggaruun ibsuuf yaala, dhiyaadhaa.

Deeggarsa ANC

Deeggarsa paartiin ANCn argataa ture

Afriikaan Kibbaa erga bara 1994tti dimokraatawa taateen booda, filannoon ammaa kun kan yeroo torbaffaa gaggeeffamudha.

Kongrasiin Biyyaaleessa Afriikaa (ANC)n paartii siyaasaa guddicha ta'un waggootaaf tureera.

Sirna hacuuccaa warra adii muraasaan durfamu (Apaartaayidii) irratti qabsaa'uun erga kuffee kaasee, ANCn eddoo olaanaa qabachuun Afriikaa Kibbaa keessatti hanga har'aatti tureera.

Paartichis filannoo dimokraatawaa jalqabaatiin erga bara 1994tti injifateen booda hanga ammaatti aangoorratti argama.

Bara 2004tti erga namoota filatan keessaa sagalee harka 70 argateen booda, waggoota ittaananiif sagaleen filannoorratti argatu wal jalaan hir'ataa adeeme.

Ammattis sagaleen paartiin kun argatu yeroo jalqabaatiif parsantaa 50 gadi bu'u akka danda'u qorannoowwan gaggeeffaman ni agarsiisu.

Kunis paartiichi paartilee biraa waliin gamtaa akka hundeessuuf dirqisiisuu danda'a.

Omisha waliigalaa

Galii biyya keessaa Afriikaa Kibbaa

Diinagdeen biyyattii ANCn deeggarsa akka dhabuuf sababa ta'eera. Waggoota 30n darban akka fakkeenyaatti yoo fudhannee, lammiileen Afriikaa Kibbaa soramaniiru.

Haalli iyyummaaa hir'achusaatiin alatti, carraan namootaa manaa fi tajaajila wallaansaa argachu guddateera.

Haata'u malee bara 2011 asitti lammiileen biyyattii galiinsaanii gadi bu'aa dhufeera. Paartiin biyya bulchu haallii itti diinagdee itti qabe ni qeeqama.

Weerara vaayirasiin koronaa fi shaqanni addunyaa qaala'unsaa lammiilee biyyattii irratti dhiibbaa olaanaa uume.

Wal qixxuummaa

Walqixxuummaa dhabiinsa

Biyyattii keessatti galiifi qabeenyaan haala walqixa ta'een kan tamsa'e ta'u dhabuun, dhimma gaaffii gara biraa kaaseedha.

Haala qorannoo madaalii 'Jiinii' jedhamutiin, haalli galii biyyattii keessa jiru, biyyattii biyyoota addunyaa wal qixummaan diinagdee keessatti hin mirkannoofne keessaa dursa irra kaa'a.

Galii maatiiwwan sadarkaalee adda addaarratti argaman argaman safarameti kan kanarra gahame.

Lammiileen sooreeyyiin Afriikaa Kibbaa harka 20 ta'an galii biyyattii parsantaa 70 ta'u to'ataniiru.

Lammiileen biyyattii hiyyeeyyii ta'an harka 40 haguuganis galii biyyattii parsantaa 7 qofa qabatan.

Hojii dhabdummaa

Hojii dhabiinsa

Qabeenyaafi galiin wal madaaluu dhabuunsaa hojii dhabiinsa waliinis wal qabata.

Baankiin addunyaa akkuma jedheetti, hojii dhabiinsii Afriikaa Kibbaatti argamu addunyaarraa lakkoofsa tokkooffaarratti argama.

Haala yeroo weeraraa ture irraa hanga ammaatti hin bayyanannees.

Lammiileen Afriikaa Kibbaa harka tokko sadii kan ta'u kan hojii barbaadanii argachu hin dandeenyeedha.

Haguuggii barnootaafi leenjii

Diinagdeen namoota gara gabaatti seenan keessummeessuu hin dandeenye.

Keessattuu dargaggoonni hojii dhabiinsaan rakkaataa jiru. Lammiilee Afriikaa Kibbaa umuriinsaani waggaa 15- 34 jidduutti argamu keessaa kanneen parsantaa 44 ta'an barnoota, leenjii ykn hojii hin qaban.

Akkuma biyyoota Afriikaa baayyeetti, Afriikaa Kibbaattis dargaggootatu baayyata.

Biyyatiitti lammiileen biyyattii miiliyoona 62 ol ta'an umuriinsaanii waggaa 35 gadiitti argama.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gabaasa baaseen, hojii dhabummaan ''boombii dhoohuutti dhiyaate'' jechuun ibse.

Hojii dhabummaan gara fuulduraatti madda rakkoo siyaasaa ta'u akka danda'u kaa'eera.

Barnoota, hojii ykn leenjii dhabiinsa

Haala yekka biyyattii keessatti raawwatamu

Tibba duula na filadhaatti paartiiwwan siyaasaa yakka ittisuudhaaf waadaa seenaniiru.

Yekki rakkoo cimaa biyyattii erga ta'e bubbuleera. Waggoota kurnan darban keessatti miidhaan haanga tokko hir'atulleen, saamiichi, dirqiidhaan gudeeduu fi ajjeechaan ammalleen sadarkaa olaanaadhaan babal'ateera.

Baatiiwwan darban sadii keessatti biyyattii keessatti garaa garummaa daqiiqaa 20n namni tokko ni ajjeeffama. Guyyaa guyyaatti ammoo dubartoonni 130 ol ni gudeedamu.

Pirezidanti Siriil Raamaafosaan akka jedhaniitti, miidhaan raawwatamu baayyinaan lola dubartoota irratti baname kan jechisiisuudha.

Paartiin isaanii dhimmicha haala ta'u hin to'annee komii jedhu garuu ni haalan.

Yakka Afriikaa Kibbaa

Adda ciccituu ibsaa

Waggoota darban keessa adda ciccituun ibsaa lammiilee biyyatti dhimma mataa dhukkubseedha.

Kunis jireenya guyyaa lammiileetti danqaa ta'usaatiin alattis rakkoo diinagdeetiis hordofsiiseera.

Haaromsa dhabuu, bu'uuraaleen misoomaa haromsa malee dulloomuu, malaammaltummaa, rakkoo bulchiinsa gaarii fi himannaawwan gara biraa dhaabbilee dhiyeessitoota anniisaa mootummaa jalatti argamu (Eskom) irratti kanneen ka'an keessaayi.

Guyyaa ibsaan itti adda citu

Baayyiina baqattootaa

Ummata Afriikaa Kibbaa waliigalaa keessaa harki sadii kan ta'u (miliyoonni 2.4) baqattoota.

Biyyattii diinagdeen ishee rakkoo keessa seenulleen, ammalleen baqattoonni ittuma yaa'u.

Baqattoonni lakkoosfi isaanii murtaa'aa ta'ulleen, lammiilee biyyattii jalaa carraa hojii fudhachuu fi baayyachuu yekkaatiif gumaachuudhaan himatamu.

Miidhaawwan jibba lammiilee biyya biraa waggoota darban keessa baayyateera.

Gabaasa dhaabbanni Human Raayits Wooch baasee, lammiileen biyya biraa akka mata duree duula filannootti faayidaarra oolfamunsaa, haleellaa jibba lammiilee biyya biraa irra gahu cimsaa jira jedhe.

Madda baqattuummaa