'Osoo kubbaan sin dhiisin dursii kubbaa dhiisi' - Dogoggora Kazamiiroo fi egeree Ten Haag

Wayita Old Tiraafoord irratti Yunaayitid qaaniin mudatu Kasamiiroon boqonnaarratti dirreedhaa ba'e

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita Old Tiraafoord irratti Yunaayitid qaaniin mudatu Kasamiiroon boqonnaarratti dirreedhaa ba'e

Gareen Maanchistar Yunaayitid jalqabarrattis, boqonnaa boodas walumaagalatti guutummaa taphichaarratti raawwii gaarii osoo hin agarsiisin Liivarpuuliin injifatame.

Kun kilabichaafis ta'e leenjisaa Erik Ten Hagiif guyyaa gaddaati. Taphichi wayita sa'atii tokko taphatamu gareen Arne Slot goolii 3 fi 0 irra ga'aniiru.

Deeggartoonni Yunaayitid qe'eesaanii- Old Tiraafoord irratti qaana'an taa'anii ilaaluuf hamilee kan dhaban dursanii ba'aa turan.

Livarpuul kana caalaa galchuu danda'a ture, sababni isaa Yunaayitid fooyya'iinsa agarsiisaa hin turre.

Taphataan sarara ittisaa duraanii Maanchistar Yunaayitid gaarii Naviil ''Liivarpuul erga haaluma salphaan 3 fi 0 irra ga'ee, 5 fi 0 dhaanis mo'achuu danda'a ture,'' jechuun Sky Isport'tti hime.

Tapha Piriimer Liigii bara darbee irrattis Liivarpuul goolii 7 fi 0 dhaan Yunaayitidiin mo'atee beeka.

''Akka malee raafamu, tasgabbii dhaban.''

Dursaan duraanii kilabichaa Roy Keane, waan Old Tiraafoord keessatti argeen akka mufate ibseera.

''Baayyee nama rifaasisu. Warri Liivarpuul kubbaa qabatanii gara fuulduraatti wayita ba'an yeroo hunda waan goolii galchan fakkaatu,'' jedhe.

''Tapha akkaan eegamu akkasii kanarratti eenyu akka mo'atu ganamumaan beekama jechuun waan qaaniidha, namni akkasiin eegu hin jiru.''

Ten Hag fi taphattootasaaniif guyyaa gaddaa

Egereen Erik Ten Hag bara darbeyyuu yaaddoo keessa ture, garuu erga waancaa FA injifatanii bulchiinsi kilabichaa akka inni turu fedhe.

Leenjisaan kun taphattoota qaxalee ta'an kilabicha keessaa qabu abdatee garee jabaa ijaaree dirree seenuu abdata, garuu mufannaan deeggartootarraa mul'ataa ture kilabichi akkuma Liivarpuulitti dhihaatullee hin taasifne.

Bara darbe Maanchistar Yunaayitid qabxii 22n Liivarpuul booda aanee xumure.

Tapha Dilbata kaleessaa ture irratti Yunaayitid lammata haga kana Liivarpuul irraa hin fagaatu yaadi jedhu tureera, miirri Old Tiraafoord tures akkas.

''Liivarpuul mo'achuunsaa garuu sirruma, qabxii isaaf malu argate,'' jedhe Naviil.

''Erik Ten Haag, taphattootasaa fi abbootii qabeenyaa haaraa achi taa'anii ilaalaa turaniif guyyaa gaddaa ture.''

''Dogoggora bara darbee bara kanas irra deebi'aa jiru,'' jedhe Naviil.

Maanchistar Yunaayitid tapha kaleessaa wayita injifatamu, taphoota Piriimer Liigii Liivarpuul waliin dirreesaatti taphate shan darban keessaa sadi mo'atamuusaati.

Yunaayitid tapha Piriimer Liigii baranaa hanga ammaa taphataman sadi keessaa lama mo'ameera.

Carraan akkanaa leenjistoota kilabichaa keessaa irra caalaa Erik Ten Hag mudate.

'Osoo kubbaan sin dhiifne kubbaa dhiisi'- wal'aansoo Kazamiiroo tapha boqonnaa duraa irratti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tapha kaleessaarratti kan hin dagatamne keessaa tokko dhimma Kazamiirooti.

Taphataan sararaa gidduu kun akka durii hin turre.

Lammiin Biraaziil kun kanaan dura bakka kanatti taphataa cimaa ta'uun beekama. Bakka isaaf mijatu kanarra taphachuun Riyaal Madriid waliin waancaa laaligaa injifatee beeka.

Tapha Dilbata Liivarpuul waliin taphatan irratti garuu dogoggora lama hojjete. Dogoggoroonni inni hojjete Liivarpuuliif carraa goolii uuman.

Kazamiiroon boqonnaarratti jijjiiramee dirreedhaa ba'e.

''Osoo kubbaan sin dhiisin kubbaa dhiisi,'' jedhe dhimma kubbaa miilaa irratti yaada kennuun kan beekamu Jeemii Karaagar.

''Kubbaa miillaa keessatti taphataa ga'umsa gaariidhaan yeroo gaarii dabarsedha. Waancaawwan murteessoo namni addunyaa kubbaa miillaa keessa jiru tokko mo'achuu qabus mo'ateera. Amma ammoo haala kana keessatti isa arguun nama gaddisiisa,'' jechuun waa'ee Kazamiiroo ibse.

Naviil ammoo ''ofitti amanummaasaa duraanii sana dhabeera jechuun danda'a,'' jedhe.

''Haalli kun nama Riyaal Maadiriid waliin waancaa Chaampiyoonsi Liigii mo'atee beeku akka Kazamiiroos, nama kamuu mudachuu danda'a. Kun waan dirree miillaa keessatti nama kamuu mudachuu danda'uudha.''

Egereen Ten Hag maal ta'a?

Erik Ten Hag- leenjisaa Maanchistar Yunaayitid

Madda suuraa, Getty Images

Boordiin kilaba Maanchistar Yunaayitid xumura bara dorgommii Piriimer Liigii Ingilaand darbee irratti gamaaggama taasiseen Erik Ten Hag waggaa tokkoof akka kilabicha waliin turu eeyyameef.

Kontiraatisaa hanga 2026tti qofa tura.

Erik Ten Hag gara Maanchistar Yunaayitid erga dhufee barana waggaa sadaffaasaati.

Turtiisaa kanaan baroota darban lamaan jalqaba sadaffaa isa booda ammoo saddeettaffaadhaan kilabasaa xumursiiseera.

''Gama taphaan wanti guddaan hagas jijjiiramu [Maanchistar Yunaayitid keessatti] waan jiru natti hin fakkaatu,'' jedhe Karaagar.

''Ten Hag gaaffii fi deebii taasise keessatti 'sadarkaa irra jiruu xumura bara taphaa kanaa irratti barra' jedhe. Garuu hanga taphi baranaa xumuramutti achi tura yoo ta'e baayyee nama ajaayiba,'' jedhe taphataan gameessi duraanii kun.

Naviil ammoo, ''Erik Ten Hag qofa miti, leenjistoonni hunduu rakkoo keessa inuma darbu. Kanaafuu xiqqoo tasgabbaa'uu feesisa,'' jedhe.

'Erik Ten Hag Maanchistar Yunaayitidiin kilaba dorgommii Chaampiyoonsi Liigiif abdatamu gochuu qaba. Kun hanga bara haaraa faranjootaatti beekamuu qaba. Ta'uu baannaan rakkoo keessa seena.''