Ronaaldoon kubbaa dhaabuu, leenjisaa ta'uufi egeree isaarratti maal jedha?

Kiristiyaanoo Ronaaldoon kilaba Sa'udi Arabiyaa Al-Naasiriif si'a 67 hiriiree galchiiwwan 61 galche

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kiristiyaanoo Ronaaldoon kilaba Sa'udi Arabiyaa Al-Naasiriif si'a 67 hiriiree galchiiwwan 61 galche

Kiristiyaanoo Ronaaldoon kilabiin Sa’udi Arabiyaa amma taphataafi jiru ''tarii'' kilabii isaa xumuraa keessatti kubbaa taphachuu dhaabuu ta’u akka malu dubbate.

Taphataan lammii Porchugaal umriin isaa 39 ta’ullee ammallee biyya isaaf taphachuu hin dhiifne.

Amajjii waggaa darbe Maanchistar Yunaayitid gadhiisee Saawudi Piro Liig kan seene Ronaaldoon waa’ee egeree isaa dubbateera.

Keessumaa kilaba isaa yeroo duraaf kubbaa keessatti eegaleetti, Ispoorting Liizban, deebi’a jedhamee odeeffamaa ture.

Televijinii Porchugaalitti yoo dubbatu garuu akkana jedhe.

''Yoom akka kubbaa taphachuu dhaabu hin beeku. Tarii waggoota lamaafi sadii dhufan keessatti asuma Al-Naasir keessattin kubbaa taphachuu dhaaba.

''Kilaba kanaan gammachuun qaba, biyyis natti toleera. Sa’udi Arabiyaa keessa taphachuutti nan gammada, kanumaan ittan fufa.’’

Jifataan duraanii Riyaal Maadiridiifi Maanchistar Yunaayitid seenaa isaa keessatti hanga yoonaa galchiiwwan 898 galcheera.

Kanneen keessaa 130 kan inni Porchugaalif galchedha. Ammoo galchiiwwan biyyaaf hiriire taphate kanatti dabaluu barbaada.

''Yeroon Garee Biyyaalessaa keessaa bahu, dursee eenyuttu hin dubbadhu. Sirriitti itti yaadee tasan murteessa,'' jechuun deebise.

''Yeroo ammaa wanti barbaadu tapha Gareen Biyyaalessaa qaburratti isaan gargaaruudha.

''Fuuladuratti Neeshins Liig qabna. Isarratti taphachuun barbaada.''

Porchugaal Fulbaana bultii shan Kirooshiyaa waliin taphatti. Guyyoota sadii boodammoo Iskootilaand waliin morkii qabdi.

Eegasiimmoo Polaand fi Iskootilaand waliin Onkololeessa keessa tapha qabdi.

Erga kubbaa dhaabde booda maal taata?

Taphattoonni baay’ee kubbaa taphachuu erga dhaaban booda leenjisaa ta’u yookiin kilaba hundeessanii biznasa dalaguu eegalu.

Dhimma kana kan gaafatame Ronaaldoon dhimmi kuni ''takkaa sammuu kiyyattuu dhufee hin beeku,'' jechuun deebise.

Ronaaldoon Chaampiyeens Liigii Awurooppaa irratti seenaa addaa dalage qaba.

Kanaafis, badhaasa addaa pirezidantii Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa, Aleeksaandar Cheferiin harkaa fudhatuuf jedha.

Ronaaldoon Chaampiyeens Liigii irratti si’a 183 hiriiree galchiiwwan 140 galche. Kanaan taphataan ittiin qixxaatu hin jiru.

Mesiin galchii 11’n xiqqaate itti aana, jifataan Baarseloonaa Robeer Lewaandowiskii immoo galchii 46’n isarraa xiqqaata.

Badhaasa maqaa guddaa qabu, Baalon d’Or, si’a shan kan fudhate Ronaaldoon Waancaa Chaampiyeens Liigii si’a shan ol kaaseera.

Kanneen keessaa tokko Maanchistar Yunaayitid kan hafan afur immoo Riyaal Maadiriid waliini.