'Ronaaldoon bineensa itti fufiinsaan injifachuu barbaadu’-Foonti

Bara 2016 rukuttaa adabbiin Porchugaal Poolaand erga inijfatte booda Foonti Roonaaldoo gateettitti bahe

Madda suuraa, REX FEATURES

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2016 rukuttaa adabbiin Porchugaal Poolaand erga inijfatte booda Foonti Roonaaldoo gateettitti bahuu suura agarsiisu

Kiristiyaanoo Ronaaldoon garee kubbaa miilaa Poorchugaal keessa jiraachuun isaa hokkora uumu fi hamii haasa’amu yeroon dhaga’u yeroo hunda nan kolfa jedha BBC Ispoortiif kan barreessu Joosi Foonti.

Waggoota dheeraaf garee biyyaalessaa keessa isa waliin tureera, Ani rakkoo tokkollee isarratti hin argine jedhe.

Wanti ani beeku Ronaaldoon ofii isaatii taphataa pirofeeshinaalaa cimaa qofa osoo hin taane, namoota garee taapha keenya keessa jiran hunda gargaaruuf yaala.

Isa ilaaluun qofti milkaa'uuf maal gochuu akka qabdu si akeeka, yeroo Kiristiyaanoo wajjin jirtummoo kana caalaa waan baay'ee argatta jedhee ibse.

Kiristiyaanoo garee kubbaa miilaa Poorchugaal dursa, yeroo hundumaa ni dubbata. Baayyee haasa’a. Dirree keessatti ta'ee dirreen alatti fakkeenya gaarii ta'uun garee sana dursa.

Kiristiyaano taphattoota hunda dursee mana ispoortii itti shaakalu( gym) deema ykn ‘physiotherapy’ hojjetee qaamaf fi sammuusaa qopheessa. Sana booda nama hunda waama.

Inni nu qajeelcha ture, nutis isa hordofna. Hundi keenya sababa isaatiin halkan keesaa sa'aatii 8tti cabbiin fi bishaan ho’aan dhiqannaa.

Akkasumas dafne akka bayyanannuuf kana raawwaanna. Kana hundi keenyaa akka garee kubbaa miilaatti waliin hojjachaa turre. Kun miira gareen hojjoachuu uumuu bira darbee, akka carraa walirra akka barachuuttin ilaala.

Tapha si’anaarratti odeeffannoo fi daataa baay'ee argachuu dandeessa, taphattoonni qorannoo addatti gaggeessan ni qabaatu, maaltu akka isaan fayyadu fi hin hin fayyadne baruuf qorannoo gaggeessu.

Kiristiyaanoon garuu waan hundarratti dandeettii ogeeyyii baayyee ciccimoo waliin haasa’u qaba.

Wanti gaariin odeeffannoo argate nama hundaaf qooda. Yoo gaafatte waan beeku si fi gareekee fooyyessuu waan barbaaduuf ni dubbata, kunis bakka hojiin gaarii taasisa.

‘Bineensa ittifufe injifachuu barbaadu’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kiristiyaanoo ijoollee ol adeemtu yeroo turrerraa kaasee yeroo dheeraaf nan beeka, Ispoortiingiitti waliin turre, yeroo hunda foyyee ta’ee ta’ee argamuu barbaada.

Umurii isaa ol taphachaa waan turee, yeroo umuriin isaa waggaa 16 ture garee warra umrii 17 gadii keessatti na waliin ture.

Yeroo sanaa kaase dandeetti guddaa kan qabu yoo ta'u, namoonni Ispoortiingi keessa turan hundi dandeetti addaa qabaachusaa hubataniiru.

Shaakala kubbaa miilaa booda yeroo baay'ee mana ispoortii itti shaakalu keessatti isa arga ture.

Yeroo namoonni kaan hundi gara manaatti isaanitti deebi'an innimmoo caalatti cimuu fi saffisaa ta’uuf shaakala ture.

Kiristiyaanoon yeroo hundumaa injifachuu barbaada.

Sana booda dorgomaa garmalee cimaa ta’e.

Leenjii booda kutaa dhaqna dhiqannaa keessatti nama kamiyyuu caalaa sochii qaamaa push-aappii dabalataan akka hojjatu nutti hima ture.

Dhuguma akkuma jedhe ‘push-up’ ni hojjata. Akkaata kanaan qajeelfama.

Sababa kanaaf ammallee tapha Yuuroo 2024 irratti Poorchugaal waliin umurii waggaa 39tti hirmaataa jira.

Inni bineensa injifachuu fi injifachuu ittifufuu barbaadudha. Inni taphataa caala cimaa qofa osoo hin taane, tpahataa ciminasaa qabatamaan mirkaneessuu barbaadu.

Yaada kana qabaachuun akkasitti ijaaruun ittifufuun waan guddoodha.

Sadarkaa olaanaa inni waggoota dheeraaf irra jirurra turuun hojii guddoo barbaada,

Kun garuu Kiristiyaanoodha. Xiinsammuun isaa hin mo'amu. Sababa kanaaf yeroo baay'ee injifatee fi waan baay'ee hojjate.

Waa hunda caala kanatu taphataa fi namummaasaa isaa ibsa, Ani kun cimina isaa isa hunda caalu jedhe BBC Ispoortiif kan barreessu Joosi Foonti.

'Akka nama qalbiin darbeetti leenji'aa turre'

Sirnaan erga of baree booda garee Poorchugaalitti dabalame - bara 2014 yeroon waamame umuriin koo waggaa 31tti dhiyaata ture - waggoota saddeettan itti aananiif garuu Kiristiyaanoo waliin yeroo ajaa'ibaan dabarse.

Yaadannoowwan gurguddoon muraasa qaba, garuu hunda caala yaadannoo guddaan yeroo Poorchugaal Yuuroo 2016 injifatte ture.

Dorgommii sanarratti, gareen Poorchugaal Aayislaandi, Oostiriyaa fi Haangaarii waliin qixa bane turre.

Carraa Haangaarii booda sadarkaa sadaffaa qabachuun akka darbine barre, garuu namni hundi hin gammadne, waan fooyya'uu qaba jedhanii yaadan dubbatan - Yeroo sanatti kan dubbate Kiristiyaanoo qofa hin turre.

Waltumsinee injifanne, sadarkaa dorgommii irra geenye tilmaamuun hin danda'amne.

Sadarkaa morkii nuti irra qaqqabne tilmaamutu sirakkisa.

Yeroo shaakallu akka waan dorgommii isa dhugaa taphannuutti taphachaa turre.

Taphattoonni teessoo jijiraarra turan akka nama maraatetti shaakalaa turan, yoo waamaman qophii ta'uu isaanii mirkaneessuuf akkaata sanaan shaakalaa turan.

Yoo garee akkasitti yaadu qabaatte qofa dorgommiirratti hirmaachuuf bakka wayii deemta jedhe Joosi Foonti