Kiristiyaanoo Ronaaldoo sagalee hoolotaa baqachuuf mana paawondii mil. jahaa keessaa bahe

Gara Maachistar Yunaaytid deebi'uun Kiristaanoo Roonaaldoo, xiyyeeffannoo addunyaa argateera

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Gara Maachistar Yunaaytid deebi'uun Kiristaanoo Roonaaldoo, xiyyeeffannoo addunyaa argateera

Ronaaldoon mana abbaa kutaa ciisicha torbaa kan taphataa duraanii Maanchister Yuunaayitiditti galuun sagalee iyya hoolotaa obbaafate.

Gareen nageenyaa Ronaaldoon yeroo gara kilaba isaa duraaniitti deebi'u maatii isaa waliin mana paawondii miliyoona jaha baasutti isa galchan.

Haatahu malee, taphataan ganna 36 Ronaaldoon haadha warraa isaa Joorjinaa Roodirigee umuriin ishee waggaa 27 taateefi ijoollee isaa arfan waliin, torban tokkoo keessatti sagalee hoolotaa isaan jeeqeefi sodaa nageenyaa irraa kan ka'e gara mana biraatti jijjiirratan.

The Sun maddeen isaa irraa odeeffachuun akka gabaasetti, manichi baay'ee bareedaafi dirree, mukeen kan qabu tahus, hoolota ganama ganama mar'atan baay'eetti dhiyoo jira.

''Karaan uummataa keessa darban jira. Daandiin fuuldura isaa jiru ammoo balbala keessaan waan jiru mul'isa.''

''Ronaaldoon taphaan booda yeroo dheeraa boqonnaafi dadhabbii irraa bayyaannachuun dabarsa. Kanaafuu, maatii isaa waliin yoo achi keessaa bahan gaarii taha jedhamee murtaa'e.''

Manni haaraan Cheshaayir jiru ammoo galma siniimaa, bakka bishaan daakaa, gaaraajii konkolaataa afur, konkolaattota isaa paawondii miliyoona 17 baasaniif kan oolu qaba. CCTV kameeraa, balbala elektirikaan hojjettuus qaba. Humna nageenyaan ammoo tikfama.

Akka bakka bu'oonni manichaa jedhanitti, manichi baay'ee addadha. Maddeen The Sun akka himanitti, ''Roonaaldoon kana dura yeroo Yuunaayitid ture naannoo kanatti dhiyaatee jiraataa ture waan taheef akka qe'ee isaatti itti dhagahama.''

Ijoolleen isaa manneen barnootaa dhuunfaa keessa jiru. Takkaa osoo simannaan isaa ho'aan kun qabbanaa'aa dhufe Joorjiinaa fudhatee bahuun bakkeewwan jaalatu daawwachiisa.

Roonaaldoon jaallatoota isaan taphataa cimaa yeroo hundumaa jedhamuun leellifama. Akkasumas, Waancaa Adunyaa bara 2006 irratti nama Wayinii Ruunii dhiibee tapha keessa baasise jedhamuunis beekama.

Sanbata darbe erga gara Yuunaayitiditti deebi'een as tapha jalqabaa taasiseen galchii lama Niw Kaastil irratti lakkoofsise.

Tapha Shaampiyoonsi Liigii Yuunaayitid kilaba biyya Iswiizerlaandi Yaang Boyisiin irratti injifatame irrattis galchii tokko lakkoofsiseera.

Roonaaldoon turtii isaa jalqabaa bara 2003 hanga 2009tti taphoota 292 taphachuun galchiiwwan 118 Maanchisteriif lakkoofsiseera.