K. Roonaaldoon gara Maanchister Yuunaayitiditti deebi'uuf waliigalteen xumurame

Cristiano Ronaldo Maan Yuunaatitid, Riyaal Maadiridii fi Juvantas keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Cristiano Ronaldo Maan Yuunaatitid, Riyaal Maadiridii fi Juvantas keessatti

Maanchistar Yuunaayid Kiristaano Roonaaldoo waggoota 12 booda irra deebiin mallatteessisuuf Juuventus waliin waliigaluu mirkaneesse.

Yuunaayitid Paawondii miliyoona 12.8 taphataa kubbaa miila beekama umrii ganna 36’f kanaaf kaffaluuf kan waliigale wayita ta’u, waliigaltichi dhimmoota dhuunfaa viiizaafi fayyaarratti kan hundaa’u akka ta’e himameera.

Roonaaldoon gooliwwan 118 taphoota 292 irratti Maanchister Yuunaayitiddif galcheera. Bara 2009 paawondii miliyoona 80'n Riyaal Maadiridif mallatteesse.

Ibsi Yuunaayid baase‘’Namni kilabicha keessa jiru kamuu taanaan Kiristaanoo Maanichistaritti deebi’u simachuuf eegaa jiru’’jedhe.

Yuunaayitid kana kan beeksise tasa otoo hin eegamiin sa’aatii 24 boodadha.

Yuunaayid fi Maanchistar Siitiin ollaa kan ta’an yoo ta’u, Siitiin iddoowwan itti simatamuu mala jedhamee eegaman keessa tokko ture.

Gabaasaaleen muraasni akka agarsiisanitti tapahatichaa fi Maan Siitii giddutti dhuunfaan dursa waliigalteen tureera.

Haa ta’u malee, Ronaaldoon iddoo ganna jahaaf kanaan dura tureefi Piriimiyeer Liigii sadii ijifate, Yuunaatiditti deebi’u filate.

Kana malees Chaampiyeensi Liigii tokko, ‘League Cups’ lamafi Waancaa FA tokko –akkasumas, akka kilabii FIFAtti Waancaa Addunyaa leenjisaa Fargusan jalatti injifate.

Jalqabarratti Roonaaldoon kilabii isaa duraanii waliin waliigaluuf carraan jira jedhee yaade hin turre. Taatullee Yuunaayitid akka waliigalterra ga’amu godhe.

Siitiin garuu akka filannoo taphataa sarara fuulduraa biraa argachuuf qabu Haari Keen, Tootanamiif keessa turuuf murteessuu isaatiin dhabeera.

Sambata duraa otoo Siitiin Arsenaal waliin Piriimer Liigiirra hin taphatiin dura leeenjisaa Peep Gaardiyoolaan‘’Kiristaanoon taphataa Juveentusi, ani kana caala waanin itti dabalu hin qabu’’jedhe ture.

‘’Guyyoota sadan ykn afran jijjirran taphattoota cufamutti, waanti haaraan kamuu jiraaachuu mala, garuu akka yaada kootti taphattoota muraasatu jira- Kiristaanoon keessa jira, Mesin taphata biraati,-iddoo itti taphachuu barbaadan isaanitu murteessa’

‘’Ammatti gartuu qabnutti kan duriirra gammadaadha, akkanumatti itti fufna’’jedhe.

Yuunaayitid filannoo tokkicha hafeef ta’uun kan mul’ate wayita maanejarri Ole Gunar Solsar Jimaata waaree booda ibsa kennan taphata urjii duraani’’iddoo nuti jirru ni beeka’’jedhan.

Solshaayer itti dabaluun taphataan sarara gidduu Poorchugaal Birunoo Fernaades Roonaaldoo waliin haasa'aa jiraachuu eeran.

Sa’aatiiwwan muraasa booda kilabichi waliigaltteera gahuu eeruun, Jaado Sanchoo fi Raafa’el Varani gara kilbichaatti dhufu isaanii hordofee waligaltichii jijjirra taphattoota guddicha ganna kana isa sadaffaati jedhan.

Roobii darbemmoo Juveentus Roonaaldoodhaan haalduree barbaachisu kilaabiin fedhu yoo guute, yeroo jijjirra kanatti gurguruuf fedha qabaachuu itti himanii turan.

‘’Ronaaldoon gumaacha isaa baheera, tajaajilera, amma kilabicha ni gadhiisa, jiruun garuu ittuma fufa’’jedhan leenjisaa Juveentus Massimiliyaano Alligeri Jimaata darbe kana.

‘’Haalonni ni geeddaramu, kuni seera uumamaati, Juveentus garuu akkuma dur sana, waanti guddaan isadha’’jedhan.

‘’ Waa dansaa dalageef galateeffatamuu qaba, akkasuma dargaggeeyyii ol adeemaniif fakkeenya gaarii ta’efillee akkasuma, garuu waanti karoorsine hojiirra oola’’jedhan.

Akka gabaasaleen agarsiisanitti, Ronaaldoon waayillaan wajjin Juveentusitti taphataa turetti ji’a kana keessa Itaalii akka gadhiisuuf jiru itti himeera.

Roondaaldoon Juveentus Paawondii miliyoona 99.2 bara 2018 kaffaleefitti karaa instaagriaamii nagaa dhaammateera.

‘’Har’a kilabii aja’iba taate keessaa bahuufin jira, Itaalitti kilabii hunda caala guddaafi Awurooppaattillee kilaaboota gurguddoo keessaa tokkoo taate keessa bahuufi’’ jedhee barreesse.

’’Onneefi lubbuu koo Juuventusifin kenne, yeroo kamiyuu taanaan kilaba magaalaa Tuurin amman lubbun jiruttin nan jaaladha’’jedhe.

Dursaan Maanchistar Yuunayitiid duraanii torban kana Riyoo Ferdinaand Ronaaldoo waliin haasa’uu kaasera. Kana malees Ronaaldoon otoo Old Tiraaforditti hin deebi’uuf hin murteessin dura leenjisaa kilabichaa duraanii Sir Aeeksi Fargusan waliin haasa’uu himeera.

‘’Aleeksi Fergusan qooda guddaa keessa qabu’’ jedhe Ferdenaand.

‘’Otoo Fergusanitti hin dubbanne ta’ee, karaa Kiristaanoon gara Maanchister Yuunayitiiditti deebi’u homtuu hin jiru’’jedheera.

Roonaaldoon waggoota 12 booda gara Maanchisteritti deebi'uu isaati. Maanchister taphaticha jalqaba kan mallattesise waggoota 18 dura ture. Badhaasa taphataa cimaa Balon dOr yeroo shan mo'ateera.

Liyonel Mesii kan yeroo jaha mo'ate qofatu isa caala.